settings icon
share icon
Gaaffii

Ijoolleen dhiiraa Waaqayyoo fi ijoolleen dubaraa namootaa uumama 6:1-4 eenyuun turanii?

Deebii


Seera uumamaa 6:1-4 kan inni argisisuu ijoollee dhiiraa Waaqayyoo fi ijoollee dubaraa namootaati. Yaadii hedduun dhi'aateera ijoolleen dhiiraa Waaqayyoo eenyuun akka turanii fi maaliif ijoollee dubaraa namootaa irraa ijoollee isaan godhatan sanyi dhedheeroo (isaan sana jechi Nifilin jedhu kan argisiisu).

Ilaalchi dursa sadan, ijoollee dhiiraa Waaqayyoo kan ilaalate 1).Ergamoota Waaqa irraa warra kufan turan, 2). Namoota hamoota warra ijoollee namaa bitan turan, yookaan 3). Ijoollee Seet sanyii gaarii sanyii Qa'eel isa hamaa wajjin gaa'ila kan raawwatan turan, kan jedhu ture. Yaada isa jalqabaatiif ulfachisuudhaaf, kakuu moofaa 'ijoollee dhiiraa Waaqayyoo' gaaleen jedhu yeroo hundumaa kan inni heeru ergamootaaf (Iyoob 1:6, 2:1, 38:7). Rakkina isa guddaa kanaa kan ta'uu Maatihos 22:30 irratti, innis ergamootni akka hin funnee kan argisiisu. Macaafni qulqulluun sababa tokko illee nuuf hin laatu ergamoonni qaama saalaa akka qaban yookaan dhalchuu akka danda'an. Kan biroon ilaalchi lamaan rakkoo kana hin qaban.

Kan (2) fi (3) dadhabiin ilaalcha warra kanaa dhiiroonni akkasumaani dubartoota akkasumaanii fuudhuun isaanii ijoollen isaani 'dhedheeroo' yookaan 'cimoo warra durii, maqaan isaanii kan waamamee' ta'uu isaanitii fi dhugummaa hin qabaatu. Dabalatas, Waaqayyoo maaliif bishaan badiisaa lafa irratti akka dhufu murteesse (Uum. 6:5-7) Waaqayyoo dhiroota jajjaboo yookaan sanyii Seet dubartoota namootaa akkasumaanii yookaan sanyii Qaa'eel akka fuudhan raawwatee osoo hin dhorkiinii? Dhufaa kan jiruu kan seera uumamaa 6:5-7 firdii Uumama 6:1-4 kan adeemsifamee wajjin kan wal qabatee dha. Ergamootni kufan ijoollee namootaati wajjin godhan kan jedhamee sagaagilli, gaa'ila diddaa firdii sodaachiisaa kanaaf sirrii ta'uu isaa argisisuudhaaf fakkaata. Duraan dursee akka ibsame, ilaalchi inni jalqabaa rakkoon isaa Maati 22:30 akka ibsutti 'guyyaa du'aa ka'uutti namootni hin fuudhaniis hin heerumannis, akka ergamoota waaqa irraa ta'uu malee.' Ta'us, barreefamichi 'ergamootni fuuchuu hin danda'aan' hin jedhu. Akka isaan hin fuunnee malee kan inni argisiisu. Inni lamaffaan Maati 22:30 kan inni argisiisuu waa'ee 'ergamaa Waaqa irraa' dha. waa'ee ergamaa kufani hin argisiisu, isaanis waa'ee Waaqayyootiif seera uumamaa waan isaan hin dirqisiifneef, akkasumas karoora Waaqayyoo baleessuudhaaf damaqinaan kan isaan barbaadanii dha. Dhugaan isaa, ergamootni qulqulluu Waaqa irraa hin fuudhan, yookaan walitti dhufeenya qunaamtii saalaatiin walitti hin hidhaman jechuun seexanaa fi afurootni hamootni tokkoo jechuun hin danda'aamu.

Ilaalchi 1). Ejeennoo fooyya'ee kan fakkaatuudha. Eeyyee, ajaa'ibsiisaa 'faallaa' dha, ergamootni qaama saalaa hin qaban jechuu fi wal qabsifamee 'ijoolleen Waaqayyoo' jechuun ergamoonni kufan ijoollee dubaraa namaa irraa ni dhalchuu jechuun ta'us, ergamoonni afuuraan bara baraan kan jiraatan haga ta'aanitti (Ibiroota 1:14), namaan mul'achuu danda'uu, qaama foonitiin (Maari 16:5). Namoota Sadoomi fi Gamoora ergamoota lamaan sana wajjin qunamtii saalaa raawwachuudhaaf yaadaani turan, Looxii wajjin kan turan (Uum. 19:1-5). Ergamoonni bifa namaa qabatanii mul'achuu akka danda'aan amansiisaa dha, caalaadhumatti immoo qunamtii saalaa namaa raawwatani dhalchuu akka danda'an. Ergamoonni kufan maaliif wanta kana irra deddeebi'anii hin godhan? Kun kan fakkaatuu Waaqayyoo cubbuu hamaataa kana ergamoota raawwatan waan hidheef, kana waan ta'eef ergamoonni kan biroon kufan gocha wal fakkaataa kana akka hin raawwanneef (Yihudaa 6 irratti akka ibsameetti). Hiiktootni Ibirootaa durii fi kan cinaan kan biroon barreefamni amantaallee wali galtee guutuu irra ga'aaniiru, ergamoonni kufan 'ijoollee Waaqayyoo' ilaalcha jedhuuf, innis uumama 6:1-4 irratti kan heerame. Kun sababa kamiin iyyuu falmicha raawwatan hin ga'u. ta'us, Uuma. 6:1-4 irratti kan jiruu yaadni inni of keessatti qabatu, ergamoonnii Waaqa irraa kufan ijoollee dubaraa namaa wajjin wal jaallachuu isaanii qabiyyeen barreefamaa cimseera, seer-lugaa, fi hundee seenaa akka qabuu dha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Ijoolleen dhiiraa Waaqayyoo fi ijoolleen dubaraa namootaa uumama 6:1-4 eenyuun turanii?
© Copyright Got Questions Ministries