Kirstaanoonni akkamitti ijoollee isaanii adabuun irra jiraata?



Gaaffii: Kirstaanoonni akkamitti ijoollee isaanii adabuun irra jiraata? Kitaabni qulqulluun maal jedha?

Deebii:
Ijoollee karaa fooya’aadhaan adabuu barachuun itti gaaffatamummaa cimaadha garuu baay’ee barbaachiisaa dha. Adabni qaamaa tokko tokkoo mucaa udduu isaa irra rurrukutuu qofa dha kitaaba qulqulluun kan hiyyame jedhu. Tokko tokkoo yeroo muraasaaf kan biraa waan barbaade osoo hin godhiin tursuu “time-outs” fi nuyi adaba qaamaa kan hin qaqabsiifne adabni kan biraan bu’a qabeessa fooy’aeedha. Kitaabni qulqulluun maal jedha, kitaabni qulqulluun adaba qaamaa ta’uu kan qabuu fi barbaachiisa dha jedha.

Karaa dogogoraan hin fudhannu, karaa kamiinuu miidhama ijoollee hin deggerru.Ijoolleen raawwatee miidhaan qaamaa hanga isaan irra gahuutti adabuun isin irra hin jiru. Ta’uus dhugaan isaa akka sagalee Waaqayyooti garuu ta’uu kan qabuu fi abada qaamaa cimaa ijoolee waan gaarii ijoolleedhaaf haala gaariin sirreefamanii akka guddatan gargaara.

Kitaaba qulqulluu irratti kutaa baay’ee keessatti sirritti waa’ee adaba qaamaa ni ibsa. “Mucaa adabuu hin dhiisin, uleedhaan yoo rukkute hin du’u.Uleedhaan ni rukkuta lubbuu isaa garuu ni oolchita.” (Fak. 23:13-14, akkasumas 13:24, 22:15, 20:30).

Kitaabni qulqulluun barbaachisummaa adabaa xiyyaafanno itti kenna namoota namuusa hin qabne ta’uudhaaf hunda keenyaaf kan nuuf barbaachiisu yeroo ta’u yeroo namuusa dhabuu immoo kan godhamu kan barsiisuu fi baruufis yeroo fooya’aa ta’a. Ijoolleen hin adabamne aangoof kabaja kan hin qabne finciltoota ta’anii guddatu bu’aa isaatinis Waaqayyoon fedhiidhaan abboomamuu fi duuka bu’uu rakkisaa isaanitti ta’a. Waaqayyo ofii isaa nu adabuuf karaa sirrii irraa geggeessuuf dogogora keenya irraa akka deebinuuf nu jajjabeesuuf nu adaba. (Faru. 94:12, Fak. 1:7, 6:23, 13:1, 15:5, Isa. 38:16, Ibr. 12:9).

Adaba sirriitti akka sagalee Waaqayyootti gochaan argisiisuuf maatiin kitaaba qulqulluu waa’ee adabaa gorsa inni kennu beekuutu irra jiraata.Kitaabni fakkeenyaa ogummaa baay’ee ijoollee karaa qajeelaadhaan waa’ee guddisuu nutti hima.“Ijoollee adabanii karaa irra buusuun gaarii dha, mucaan gadi dhiisitti guddatu garuu kuufaatii jal’ootaa in argu.” (Fak. 29:15). Luqisiin kun ijoollee abaduu dhiisuu duukaa bu’ee miidhaa inni fidu dubbata, maatii horata. Adabbiin kaayyoo mataa isaa ta’ee qabaachuutu irra jiraata. Faayidaa mucaa isaaf kan godhamuu fi raawwaatee ijoollee miidhuu fi sammuu kunuunsi itti hir’ate gochuun sirrii dha akka jennuu kan dandeesisuu ta’uun irra hin jiraatu. Dheekamsaa fi aari ibsuuf raawwatee godhamuun irra hin jiraatu.Adabni namoota adabuu fi karaa sirriidhaan akka deeman leenjisuuf fayyada.Ibr. 12:11:- “Adabni barsiisuudhaaf kennamu yeroo sanaaf kan nama gaddisiisu malee, kan nama gammachiisu hin fakkaatu; booddee garuu warra itti baraniif ija in godhata; iji sunis kan nagaa fi qajeelinaa in ta’a.”Maatii fi ijoollee gidduutti akka ta’uu adabni Waaqayyoo jaalala irraati. Adabni xumura irratti miidhaa qaamaa yookaan dhukkuba geesisuuf kan godhamu ta’uun irra hin jiraatu. Adabni qaamaa yeroo kam iyyuu erga godhamee booda muchichi yookaan mucatiin akka jaallatamtu akka beektuu jajjabeessuun adabicha duuka bu’ee godhamuutu irra jiraata.Waaqayyo waan nu jaallatuuf akka nu adabu nuyis ijoollee keenyaa waan jaallannuuf akka adabnu yeroo sirriin ammadha. Akka “tayim a’ut” kan biroon karaan adabaa qooda adaba qaamaa fayyadamuutu nurra jiraa? Namooonni tokko tokkoo joollee isaanii adaba qaamaa fi deebii sirrii hin laatan jedhanii deebii laatu.Maatiin tokko tokkoo “time out” ijoollee irraa yeroo harkaa fuudhaanii jijjirama amalaa akka godhaniif jajjabeesu jedhu. Sababni isaa kana yoo ta’e waan danda’amu hundumaatiin maatiin jijjiraa amalaa wayyu kan isaaniif argamsiisu fayyadamuu qabu. Kitaaba qulqulluu bifa hin ganeen adaba qaamaas yoo ittiin wal barsiisan kitaabni qulqulluun caalaatti xiyyaafannoo kan inni godhu bu’aa sana fiduudhaaf karaan adaba wayyuu isa kana jechuu caalaa kaayyoo amala gaarii gabbisuudhaaf dhimma kana ulfaataa kan godhu mootummaan adaba qaamaa ijoollee kan miidhuudha jedhee hundumaa bakka tokkootti ramaduu isaati. Maatii baay’een ijoollee isaanii hin adaban.Sababni isaa mootummaatti nu himu ijoollee keenya nu duraa fudhatu jedhaniitu sodaa keessa galu.Mootummaan adabni qaamaa ijoollee irratti gochuun seeraan ala yoo jedhe maatiin maal gochuu qaba?Akka Roomee 13:1-7 maatiin mootummaadhaaf bitamuu qaba. Mootummaanis sagalee Waaqayyoo mormuu hin qabu adaba qaamaa jechuun akka jecha kitaaba qulqulluutti bu’aa mucichaaf kan godhamuu dha. Haa ta’uu malee ijoollee dhabbuu irra mootummaadhaafis “kunuunsa” kennuu caalaa ijoollee xiqqoos haa ta’u adaba karaa isaan argatan maatii gidduu akka jiraatan gochuutu wayya.

Efesoon 6:4 abboonni ijoollee isaanii akka hin dheekamsiifne barreefameera.Isa caalaa gara karaa Waaqaayyootti fidaa. Ijoollee “gorsaa fi hifaata Waaqayyoon” guddisuun to’aannaa cimaa gochuun sirreessuu, eyyee jaalalaan kan ta’ee adba qaamaa dabalata.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Kirstaanoonni akkamitti ijoollee isaanii adabuun irra jiraata? Kitaabni qulqulluun maal jedha?