settings icon
share icon
Gaaffii

Iji Hafuura Qulqulluu maaloo dha?

Deebii


Galatiyaa 5:22-23 akka nutti himutti, “Iji hojii hafaaraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaadha, of dhowwuudhas.” Iji Hafuuraa bu’aa jireenya kiristiyaanaa keessatti argamuu Hafuura Qulqulluu ti. Namni tokko gaafa Yesuus Kiristoositti amanu/ntu Hafuura Qulqulluu akka fudhatu/ttu Macaafni Qulqulluun ifa godha (Roomaa 8:9; 1 Qoronxoos 12:13; Efesoon 1:13-14). Kaayyoon inni jalqabaa Hafuurri Qulqulluun gara jireenya Kiristiyaanaa dhufuuf jireenya sana jijjiiruufi. Fakkaattii Kiristoositti wal nu simsiisuun (bocuun) akka baayyisnee Isa fakkaannu gochuun hojii Hafuura Qulqulluuti.

Iji Hafuura Qulqulluu kallattiin faallaa hojii uumama cubbuu (hojii foonii) ti (Galaatiyaa 5:19-21, “Hojiin foonii mul’aataa dha. Isaanis halalummaa, xuraa’ummaa, jireenya gad-dhiisii, waaqoyyoolii tolfaman waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, yaadaan gargar ba’uu, barsiisaan gargar cabuu, weennoo, machii, albaadhummaa, waanta kana fakkaatus. Akkuma ani Kanaan dura isinitti himee ture, warri waanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye ammas isinitti nan hima.” Caaffatni kun namooti hundi, sadarkaa adda addaatti, yeroo Kiristoosiin hin beekne dhiibbaa Hafuura Qulqulluu jala jiraachuu dhabuu isaanii ibsa. Foonni keenyaa inni cubbamaan ija uumama (amala) keenya ibsu godhata, Hafuurri Qulqulluunis ija uumama (amala) Isaa ibsu godhata.

Jireenyi kiristiyaanaa lola foon cubbamaa fi uumama haaraa Kiristoosiin kenname gidduu jiru dha (2 Qoronxoos 5:17). Akka namoota kufaniitti, nuti ammayyuu foon waantota cubbuu ta’an gochuu hawwu keessatti qabamnee (ittifamnee) jirra (Roomaa 7:14-25). Akka Kiristiyaanotaatti, nuti Hafuura Qulqulluu Isa ija Isaa godhatu of keessaa qabna, akkasumas humna Hafuura Qulqulluu hojii uumama (amala) cubbuu moo’atu qabna (2 Qoronxoos 5:17; Filiphisiyuus 4:13). Kiristiyaanni tokko guutummaatti raawwatee yeroo hundumaa ija Hafuura Qulqulluu agarsiisuun moo’achuu goonkumaa hin danda’u. Ta’us garuu, kun kaayyoo guddicha jireenya kiristiyaanaa keessaa isa tokko, Hafuurri Qulqulluun ija isaa daddabalee jireenya keenya keessatti godhachaa akka adeemu Isaaf eyyamuu—fi akka Hafuurri Qulqulluun faallaa Isaa isa ta’e hawwa cubbuu moo’atu eyyamuu dha. Iji Hafuuraa waanta Waaqayyo jireenyi keenya akka calaqqisiisu barbaadudha, kun immoo gargaarsa Hafuura Qulqulluutiin, in danda’ama!

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Iji Hafuura Qulqulluu maaloo dha?
© Copyright Got Questions Ministries