Hiikni cubbuu maalii dhaa?



Gaaffii: Hiikni cubbuu maalii dhaa?

Deebii:
Cubbuun kitaaba qulqulluu keessatti kan ibsame seera Waaqayyoo akka irra daddarbuutti (1Yoha. 3:4) akkasumas immoo Waaqa irratti ka’uu (Keessa deebii.9:7, IYa. 1:18). Cubbuun kan inni jalqabamee Luusfeeriin, tarii ergamoota baay’ee kan bareedee fi isa cimaa. Taayitaa isaatti waan dheebbu hin baaneef Waaqayyoon ol ta’uuf barbaade, sun kufaati isaa ta’e, jalqabiin cubbuu (Isaayaas. 14:12-15). Seexama jedhamee irra deebiin mogaafame, innis cubbuu gara mucaa namaatti fidee, Ganata Edenitti, achis Addaamii fi Hewwaanin hameenya wal fakkaatan isaan qore: “akka Waaqayyoo taatu.” Uumama 3 Addaamii fi Heewwaniin Waaqayyoo fi aboommii isaa irratti finciluu mul’isa.Yeroo sanaa kaasee cubbuun dhaloota mucaa namaa hundumaa irratti daddarbe, nus sanyiin Addaam isa irraa cubbuu dhaalle. Roome 5:12 kan inni nutti himuu sababa Addaamiif cubbuun gara biyya lafaa galuu isaati, du’is gara namoota hundumaati daddarbe, “gatiin cubbuus du’a” sababa ta’eef (Roome 6:23).

Karaa Addaamiin gara cubbuutti jallachuun dhaalaa gara mucaa namaa seene, ijoollen namaas uumama isaanin cubbamtoota ta’an. Addaam cubbuu yeroo hojjetu, uumamni keessa keessan sababa cubbuun jijjirame, isa irrattis du’a hafuuraati fi kufaati safuu fide, kunis isa booda kan dhufan hunda irratti kan daddarbu. Nu cubbamtoota kan taaneef, cubbuu waan hojjenneef miti, caalaatti cubbuu kan nu hojjennu cubbamoota waan taaneef malee. Kunis kan daddarbuu kufaati safuu, dhaalaa cubbuu jedhama. Amala foonii maatii keenya irraa akka dhaalle hunda, uumama cubbuus Addaam irraa dhaalleerra. Mootichi Daawiit uumama nama kanaan kufeetti gadda, Faarfannaa 51:5 irratti: “Kunoo, haatii koo isheen garaatti na baatte iyyuu cubbamtuu turte anis cubbuudhaan dhalladhe.”

Kan biroon fedha gosa cubbuu (kan dhuunfaa) cubbuu jedhamuun beekama. Lamanuun, horii fi karaa seera qabeessa yoomessawwaniin faayidaa irra yeroo oolu, jechi Girikii yeroo hiikamu “kan mattayyaa” jechuun “kan isa tokkoo kan ta’ee fudhachuu fi yaada biraadhaan kaa’uu.” Seerri Musee kennamuu fuula dura cubbuun nama irratti hin lakkaa’amne ture, ammam illee namoonni sababa dhaala cubbuutiin cubbamoota yoo ta’an illee. Seerri erga kennamee boodaa, sababa seera cabsaniif yaadamu (lakka’amuu) jalqabe, isaan irratti (Roome. 5:13). Irra daddarba seeraa dura illee nama irratti lakkaa’e, adabi cubbuu inni dhumaa (du’a) bittuu isaa itti fufe (Roome. 5:14). Namootni hundumtuu Addaami hanga Museetti du’a jala turan, seera Musee gocha cubbuu isaaniitin mormuu osoo hin taanee, (isaanis hin qabaanne), haa ta’uu malee kan dhaalan matuma isaanitiin sababa uumama cubbuuti. Seera Musee booda namoonni du’aaf bitamoo ta’aan, lammanuu, Addaam irraa cubbuu dhaalanii fi fedhi isaanitiin sababa seera Waaqayyoo cabsuun.

Waaqayyo qajeelfama irra daddarbaa mucaa namaa fayyaduudhaaf itti fayyadame, cubbuun amantootaa Yesus Kristoos irratti yeroo kaa’amuu, innis gatii cubbuu sanaa kan kaffalee –du’a –fannoo irratti. Cubbuu keenya Yesus irra kaa’uudhaan isa akka cubbamaatti lakkaa’e, innis waan isaaf hin taane innis cubbuu addunyaa hundumaaf du’e (1Yoha. 2:2). Hubachuun kan barbaachiisuu wanti faayida qabeessii cubbuu isa irra kaa’u isaati, inni garuu Addaam irraa hin dhaalle. Adaba cubbuu baateeti malee, raawwatee cubbamaa hin taane. amalli qulqullummaa isaatii raawwatee cubbuudhaan hin xuxuqamne. Innis sanyii namaa hundumaa irratti cubbuu raawwatameen akka cubbamaati lakkaa’ame, ammam illee waa tokko illee yoo hin raawwannees. Bakka isaa, Waaqayyo tola Kristoos amantoota irra kaa’ee, herrega keenyas tola kenyaan, guute akkuma cubbuu keenya herrega isaa irra kaa’e (2Qor. 5:21).

Gossi cubbuu inni sadaffaan immoo cubbuu dhuunfaati, innis guyyuma guyyaan tokkoon tokkoon ilma namaatiin kan raawwatamu. Uumama cubbuu Addaam irraa dhaaluu keenyaan, kan dhuunfaa, cubbuu mataa keenyaa ni raawwana, tokkoon tokkoon qulqulluu kan fakkaataan dhugaa kan hin taanee, hanga ajjeechaati. Amantaa isaanii Yesus Kristoos irra kan hin ke’anee adaba cubbuu dhuunfaa kana kaffaluutu isaan irra jiraata, akkasumas dhaalaa fi cubbuu fedhaati wajjin. Ta’us, amantootni adaba cubbuu barabaraa jalaa bilisa ba’aaniiru gahanab du’a hafuuraa __ amma immoo cubbuu dandamachuudhaaf humna qabna. Egaa nutti fillachuu dandeenya, cubbuu dhuunfaa hojjechuu dhiisuu, sababi isaa hafuura qulqulluu nurra bulu irraa kan ka’ee cubbuu dandamachuudhaaf humna waan arganuuf, nu qulqulleessuudhaa fi cubbamaa ta’uu keenya nu yaadachiisuudhaan yeroo irra daddarbinuu (Rom. 8:9-11). Al tokkoo cubbuu dhuunfaa keenyaa Waaqayyootti erga himmanee booda dhiifama erga gaaffanne asitti, gara walitti dhufeenya tokkummaa mudaa hin qabneeti ni deebina. “Cubbuu keenyaaf yoo qalbi jijjirannee, inni cubbuu keenya nu dhiisuudhaaf hameenya hundumaa irraas nu qulqullessuudhaaf amanaama fi tolaa dha” (1Yoha. 1:9).

Nu hundi keenyas yeroo sadii yakkamneera, cubbuu dhaalaan, cubbuu fedhaan, fi sababa cubbuu dhuunfaatiin. Cubbuu kanaaf adabii inni sirriin qofaan isaa du’a (Roome. 6:23), du’a foonii qofa osoo hin taane du’a hafuuraa (Mul’ata 20:11-15). Galanni ha baay’atuuf, cubbuu dhaalaa, cubbuu fedhaa, fi cubbuu dhuunfaa fannoo Yesus irratti fannifameera, kanaaf amma fayyisu Yesus Kristoos irra amantii jiruun “karaa dhiiga isaan furaamuu qabna, dhiifama cubbuu, akka baay’ina ayyaana isaatti” (Efeson. 1:7).


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Hiikni cubbuu maalii dhaa?