settings icon
share icon
Gaaffii

Hiika abjuu kristaanaa?

Deebii


GotQuestions.org/Oromo hiikni abjuu kristaanootaa tajaajila miti. Abjuu hin hiiknu. Xiyyaaffannoon ni amanna abjuu nama dhuunfaa fi hiikni abjuu Waaqayyoo fi nama dhuunfaa sana gidduutti kan inni ta’u. Yeroo darbeetti Waaqayyo yeroo tokko tokkoo abjuudhaan ni dubbata ture. Fakkeenyaaf: Yooseef mucaan Yaaqoob (Uma. 37:5-10) Yooseef abbaan manaan Maarihaam (Matt. 2:12-22), Solomoon (1Mot. 3:5-15); Solomoonii fi kan biroo (Dan. 2:1; 7:1, Mat. 27:19). Raajicha Iyu’eeliin raajii dubbate jira (Iyu. 2:28), ergamaa Pheexiroosiin eerameera HoE 2:17 Waaqayyo abjuu akka fayyadamu eerameera. Kanaaf Waaqayyo yoo barbaade abjuudhaan nutti dubbata. Ta’us sammuu keenya keessa kaa’uun kan nurra jiru kitaabi qulqulluun guutuu dha, ammaa amma bara baraatti beekuuf kan nu barbaannu hunduu sagalee isaa irratti ibsameera.

Kana jechuun Waaqayyo dinqii hin godhu jechuu garuu Waaqayyo kan inni dubbatu kamiinuu abjuunis ta’e mul’ataan yookaan “Sagalee Le’osaasin” Waaqayyo sagalee isaa irratti kan ibsee wajjin guutuu guutuutti kan wal simuu ta’uutu irra jira. Abjuun sagalee Waaqayyoo bakka hin bu’u. Abjuu yoo qabaatee fi Waaqayyo akka siif kennuu yoo si dhaga’ee kadhannaadhaan sagalee isaatiin qoree Waaqayyoo kan sitti dubbate sagalee isaa wajjin kan wali galuu ta’uu isaa mirkaneessi. Kadhata keessatti Waaqayyo waa’ee abjuu sitti dubbatee yoo ta’e yaadadhu (Yaq. 1:5). Sagalee isaan namni kam iyyuu abjuu yoo shaakale Waaqayyo hiika abjuu ifaa godha, nama dhuunfaatiin kallattiidhaanis ta’ee ergamaa kan biraadhaan (Uma. 40:5-11, Dan. 2:45, 4:19) Waaqayyo nutti yeroo dubbatu ergaan isaa nuuf ifaa fi kan nu hubannu akka ta’u dhugaa dha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Hiika abjuu kristaanaa? Abjuun Waaqayyo biraatii?
© Copyright Got Questions Ministries