settings icon
share icon
Gaaffii

Hafuuraan wareegamuun (ajjeefamuun) waanta Macaafi Qulqulluu dubbatudhaa?

Deebii


Yeroo baayyee, “Hafuuraan wareegamuun(ajjeefamuun)” kan inni ta’u yeroo tajaajilaan harka isaa nama irra kaa’ee, namichi sun lafatti kufu dha, Hafuurri Qulqulluun dhaan moo’amee jechuudha. Warri hafuuraan wareegamuu (ajjeefamuu) hojii irra oolchan caaffata Macaafa Qulqulluu keessaa isa waa’ee namoota “akka nama du’ee” (Mul’ata 1:17) ta’an yookaan adda isaaniitiin lafatti gombifaman (Hisqeel 1:28; Daani’eel 8:17-18, 10:7-9) dubbatu fayyadamu. Haa ta’u malee, adda addummaa baayyeetu isa Macaafa Qulqulluu keessatti addaan gombifamanii fi shaakala Hafuuraan wareegamuu (ajjeefamuu) gidduu jira.

1. Inni Macaafa Qulqulluu keessatti kufan sababa namni tokko mul’ata yookaan taatee uumamaan alaa argeef kan ta’u dha, kanneen akka geeddaramuu Kiristoos (Maatiwoos 17:6). Shaakalli Macaafa Qulqulluun alaa Hafuuraan wareegamuu (ajjeefamuun) keessatti, namni kan kufu sababa namni kan biraan isa tuqeef yookaan harka isaa sochooseef dha.

2. Macaafa Qulqulluu keessatti taateen kufuu yeroo muraasaa fi wal irraa fagoo ta’e raawwate, akkumas jireenya namoota muraasaa keessatti darbee darbee raawwate. Taatee Hafuuraan wareegamuu (ajjeefamuu) keessatti, kufuun irra deddeebiin yeroo baayyee kan raawwatamu dha.

3. Macaafa Qulqulluu keessatti, namootni adda isaaniin kan gombifam waanta yookaan eenyummaa waanta arganii sanatti dinqisiifachuun dha. Hafuuraan wareegamuu (ajjeefamuu) keessatti, namootni duugdaan kufu, sunis sababa namni dubbatu sun harka isaa raaseef yookaan geggeessaan waldaa harka isaatiin qabeef (yookaan yeroo tokko tokko dhiibeef) dha.

Hafuuraan wareegamuun (ajjeefamuun) hundi soba yookaan taaatee sababa qabatamaniif yookaan dhiibamaniif ta’u jechaa hin jirru. Namootni baayyee humni wa’ii akka duubatti akka isaan kuffisu dubbatu. Haa ta’u malee, yaada kanaaf ragaan Macaafa Qulqulluu nuti arginu hin jiru. Eeyyee, humni wa’ii kan akkas godhu jiraachuu danda’a, ta’us garuu, waanti sun Waaqayyo biraa yookaan hojii Hafuura Qulqulluu ta’uu dhiisuu danda’a.

Namootni ija qabatamaan jireenya keenyaan Kiristoosiin ulfeessuu keenyaan Hafuurri nuuf kennu hordofuu dhiisanii, fakkeessaa addaa bu’aa Hafuuraa hin qabne kana ilaaluun isaanii nama gaddisiisa (Galaatiyaa 5:22-23). Hafuuraan guutamuun waantota fakkeessaa akkasiitiin hin ibsamu, garuu jireenya Sagalee Waaqayyoo guutee irra dhangala’uun waaqeffannaadhaan, galataan, fi Waaqayyoof abboomamuudhaan ibsama.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Hafuuraan wareegamuun (ajjeefamuun) waanta Macaafi Qulqulluu dubbatudhaa?
© Copyright Got Questions Ministries