settings icon
share icon
Gaaffii

Hafuuraan deemuu jechuun maal jechuudha?

Deebii


Amantootni Hafuura Kiristoos isaan keessa buufate qabu, Hafuurichis Jajjabeessaa Waaqayyo Abbaa biraa ba’u dha (Yohaannis 15:26). Hafuurri Qulqulluun kadhata keessatti amantoota in gargaara (Yihuudaa 1:20) akkasumas “akka jaalala Waaqayyootti warra Isaaf qullaa’aniif in kadhata” (Roomaa 8:27). Itti dabalees, amanaa gara qajeelummaatti in geggeessa (Galaatiyaa 5:16-18) akkasumas warra Isa irratti of gataniif ija Isaa akka godhatan in godha (Galaatiyaa 5:22-23). Amantootni jaalala Waaqayyootiif of kennanii Hafuuraan akka deemuu qabu.

Macaafa Qulqulluu keessatti jechi “deemuu” jedhu fakkenya jiruuf jireenya guyya guyyaa kan ibsu dha. Jireenyi Kiristiyaanaa imala dha, deemuu dha qabna – gara fuulduratti utuu addaan hin kutin deemuun jijjiirama fiduu qabna. Qajeeltoon amantootaa hundaaf Macaafa Qulqulluu keessa jiru akka isaan Hafuuraan deemanidha. “Nuyi jireenya Hafuuraatti yoo jiraanne, Hafuura kan duukaa bu’uu keenya” (Galaatiyaa 5:25, Roomaa 8:14). Jecha kan biraan, haaraa taanee dhalachuu keenyaan Hafuurichi jireenya nuuf kenne (Yohaannis 3:6), kanaaf, jireenya keenya guyya guyyaa Hafuurichaan jiraachuu itti fufuu qabna. Hafuuraan deemuu jechuun to’annoo Isaa jala of galchuu dha, geggeessaa Isaa hordofuu, fi akka Inni fedha Isaa nurratti raawwatuuf eyyamamaa ta’uu dha. Hafuuraan deemuu jechuun faallaa Isaan mormuu yookaan Isa gaddisiisuuti (Efesoon 4:30).

Galatiyaan 5 hojii Hafuurri Qulqulluun amanaa keessatti raawwatu kan qoratu dha. Yaadi (context) isaa Seera Musee irraa birmaduu ba’uu dha (Galaatiyaa 5:1). Warri Hafuuraan deemnu “karaa Hafuura Qulqulluu abdii qajeeltootti lakkaa’amu amantii keessaa eeggachaa jirra” (lakkoofa 5) kanaaf Seericha jalaa birmaduu baaneerra (lakkoofsa 18). Akkasumas, warri Hafuuraan deeman “fedha foonii hin raawwatani” (lakkofsa 16).

Foonni keenya—namummaan keenya inni humna cubbuu jalatti kufe—kallattiidhaan Hafuurichaa wajjin kan wal mormu dha (lakkofsa 17). Yeroo foonni moo’atu, bu’aan isaa beekamaa dha (lakkoofsa 19-21). Garuu yeroo Hafuurri to’atu, isa Seerichi jedhu malee, amaloota nama Waaqayyoo nu keessatti oomisha (lakkoofsa 22-23). Amantootni “yaada foonii, hawwa isaa, fedha isaas fannisaniiru” (lakkofsa 24), kanaaf amma Hafuuraan deemna (lakkoofsa 25).

Warri Hafuurichaan deeman Isa wajjin tokkummaa kan qabanii fi ija Hafuurichi oomishu kan godhatani dha. Kanaaf, warri Hafuuraan deemaan warra jaalalaan deemani dha—jaalala Waaqayyoo keessa jiraachuun nama akka isaanii warra jaallatanidha. Warra Hafuuraan deeman warra gammachuun deemanidha—waanta Waaqayyo godhe, gochaa jiru, fi godhu gammachuudhaan fudhatu. Warri Hafuuraan deeman warra nagaadhaan deemu dha—yaaddoo fi sodaa malee jiraatu (Filiphisiyuus 4:6). Warri Hafuuraan deeman warra obsaan deemudha—salphatti hin aarani. Warri Hafuuraan deemani arjummaadhaan deemu dha—rakkoon nama kan biraatiif in dhimmu. Warri Hafuuraan deeman warra gaarummaadhaan deemu dha—gochi isaanii gaarii fi qulqulluu ta’uu isaanii ibsa. Warri Hafuuraan deeman warra amanammummaadhaan deemu dha—amantii Waaqayyoo fi Sagalee Isaa irraa qabanitti jabaatanii dhaabbatu. Warri Hafuuraan deemani warra garraamummaadhaan deemu dha—jireenyi isaanii gad-of deebisuu, ayyaanaa fi Waaqayyo galateeffachuun kan ibsamu dha. Warra Hafuuraan deemani warra of-qabaniini dha—sirriitti kan jiraatan, kan of ittisan, fi dandeettii foon ofiitii “lakkii” jechuu warra qabanidha.

Warri Hafuuraan deeman yaada, dubbii, fi gocha isaanii akka geggeessuuf Hafuura Qulqulluu irratti warra of gatedha (Roomaa 6:11-14). Akkuma Yesuus godhe “Hafuura Qulqulluudhaan erga guutamee booddee Yoordaanosii deebi’ee, Hafuuruma sanaan lafa onaa keessa guyyaa afurtama geggeefame”, warri Hafuuraan deemanis guyyaa hundaa, yeroodhaa yerootti, akkasuma godhu (Luqaas 4:1).

Hafuuraan deemuun Hafuurichaan guutamuudha, bu’aan Hafuuraan guutamuu muraasni galateeffachuu, faarfachuu, fi gammaduu dha (Efesoon 5:18-20; Qolaasiyaas 3:16). Warri Hafuuraaan deeman geggeessaa Hafuurichaa hordofu. Isaan “dubbiin Kiristoos akka badhaadhummaa isaatti isaan keessa akka jiraatu” godhu (Qolaasiyaas 3:16), akkusumas Hafuurichi Sagalee Waaqayyootti fayyadamuun “barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leenjisuudhaaf dhimma baasa” (2 Ximootiyoos 3:16). Jireenyi isaanii guutummaatti akkaataa seera wangeelaatti kan jiraatan yoo ta’u, Hafuurichi immoo gara abboomamuutti isaan geessa. Yeroo Hafuuraan deemnu, dharraan cubbuu foonii nurratti akka aangoo hin qabne barra.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Hafuuraan deemuu jechuun maal jechuudha?
© Copyright Got Questions Ministries