settings icon
share icon
Gaaffii

Hafuura gaddisiisuu/dhaamsuu jechuun maal jechuu dha?

Deebii


Jechi “dhaamsuu” jedhamu Caaffata Qulqullaa’aa keessatti yeroo fayyadamame, waa’ee abidda balleessuu dubbata. Yeroo amantootni gaachana amantii, akka golgaa Waaqayyootti fudhatan (Efesoon 6:16), humna xiyya abiddaa seexanaa dhaamsuu isaaniiti. Kiristoos si’ooliin bakka ibiddi isaa hin “dhaamne” jedhee ibse (Maariqoos 9:44, 46, 48). Haaluma wal fakkaatuun, Hafuurri Qulqlluun abidda amanaa/ntuu hundumaa keessa jiraatudha. Inni gochaa fi ilaalcha keenya keessatti of calaqqisiisuu barbaada. Amantootni yeroo Hafuura Qulqulluu gocha keenyaan mul’isuu dhiisnu, yeroo waanta sirrii hin taane utuu beeknuu goonu, Hafuuricha balleessina yookaan dhaamsina. Akka Hafuurri of mul’isuu barbaadutti hin eyyamnuufi.

Hafuura gaddisiisuun maal jechuu akka ta’e hubachuuf, jalqaba Hafuurri eenyummaa qabaachuu Isaa dirqama hubachuu qabna. Kan eenyummaa qabu qofatu gadda; kanaaf, Hafuurri miira kana qabaachuuf eenyummaa waaqa irraa ta’uu qaba. Erga kana hubannee, haala akkammiin akka Inni gaddu caalmaatti hubachuu dandeenya, keessumattuu sababa ofii keenyaas gaddinuuf. Efesoon 4:30 akka nuti Hafuura gaddisiisuu hin qabne nutti hima. Akka saba Waaqayyoon hin beeknetti jiraachuudhaan (4:17-19), sobuudhaan (4:25), aaruudhaan (4:26-27), hatuudhaan (4:28), abaaruudhaan (4:29), hadhaa’ummaadhaan (4:31), dhiifama gochuu dhabuudhaan (4:32), akkasumas halalummaadhaan (5:3-5) Hafuura gaddisiisna. Hafuura gaddisiisuu jechuun gocha cubbuu, yaada qofaanis ta’e yaadaaf hojiin, raawwachuu jechuudha.

Bu’aan Hafuura dhaamsuus ta’e gaddisiisuu lamman wal fakkaataa dha. Lamman isaanii Waaqayyoon sodaatanii jiraachuu danqu. Lamman isaanii kan uumaman amanaan/tuun tokko Waaqayyoon yakkuun hawwii mataa isaa/shee kan biyya lafaa yeroo hordofu/tu dha. Karaa tokkichi inni sirriin hordofamuu qabu karaa isa amanaa/tuu Waaqayyoo fi qulqullummaatti dhiheessuu, fi kan biyya lafaa fi cubbuu irraa fageessu dha. Akkuma nuti gadduu hin jaallannee fi akkuma nuti waanta gaarii dhaamsuu hin barbaadne—akkasuma geggeessaa Hafuura Qulqulluu hordofuu diduun Isa gaddisiisuu yookan dhaamsuu hin qabnu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Hafuura gaddisiisuu/dhaamsuu jechuun maal jechuu dha?
© Copyright Got Questions Ministries