settings icon
share icon
Gaaffii

Hafuura Qulqulluu arbasuun maali?

Deebii


Yaadi 'Hafuura Qulqulluu arbasuu' Maarqoos 3:22-30 fi Maatewoos 12:22-32 keessatti caqasame. Jechi 'arabsuu' jedhu tarii 'kabaja malee fuulleetti mormuu' kan jedhamutti hiikamuu danda'a. Jechichi cubbuu kan akka Waaqayyoon abaruu yookiin waantota Waaqayyoo wajjin walqabatan beekaa salphisuu kan jedhuun hojii irraa ooluu danda'a. Inni darbees waantota hamoo kan Waaqayyoo taasisuu yookiin waantota gaarii immoo Isaa kennuu dhiisuu dha. Dhimmi arabsuu kanaa, haa ta'u malee, kan adda ta'edha, Matewoos 12:31 keessatti 'Hafuura Qulqulluu arbasuu' kan jedhamu. Matewoos 12:31-32, keessatti, farisonni, ragaa ganamuu hin danda'amne Yesus Kirstos humna Hafuura Qulqulluutiin dinqii hojjechaa turuu isaa, Gooftaan humna seexanaatiin akka guutame dubbatan 'Beelzebul' (Matewoos 12:24). Maarqoos 3:30 keessatti Yesus waa'ee cubbuu jarri raawwatan 'Hafuura Qulqulluu arbasuu' isaaniitiif baay'ee sirri akka ture amma ilaali.

Arabsuun kan bakka Yesus Humna Hafuura Qulqulluutiin guutamuu isaa humna seexanaatiin guutamuu isaa himachuudhaa wajjin deema. Sababa kanaatiif, ta'umsi adda ta'e Hafuura Qulqulluu arbasuu kun hara'a babaay'achuu hin danda'u. Yesus Kirstos lafa kana irra hin jiru- Inni mirga Waaqayyo isa hulfina qabeessaa taa'ee jira. Yesus Kirstos akka dinqii hojjetaa jiru dhugaa ba'uudhaan Hafuuraan utuu hin taane humna hafuura hamaatiin hojjete jedhee dhugaa ba'uu hin danda'u. Hri'a fakkeenyi kanatti dhiyaatu dinqii jijjiirama nama fayyee tokko Hafuurri Qulqulluun isa keessa jiraachuu isaa irraa kan ka'edha jechuu dhiisanii humna Seexanaatiif kennuu ta'uu danda'a.

Har'a Hafuura Ququlluu arrabsuun, kan cubbu namaa hin dhiifamnee wajjin gosuma tokkicha ta'e, amanuu dhiisuudhaan itti fufanii jiraachuudha. Nama akka ganetti du'eedhaaf dhiifamni hin jiru. Hafuurri Qulqulluun namni tokoo akka Kirstos amanu isa kadhachuu isaa fudhachuu diduun kan nama hin dhiifane isa arbsuudha. Yohaannis 3:16 keessatti kan dubbatame yaadadhu: 'Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee haa baduuf miti.' Darbees boqonnaadhuma tokkicha keessatti 'Namni ilma Waaqayyootti amanu jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa male' (Yohaannis 3:36). Haalli namni tokko dhiifama dhabuu keessa ta'uu danda'u yoo inni warra 'Isatti amannan' keessaa hin taane duwwaadha, innis isadha kan 'Ilmicha gane.'

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Hafuura Qulqulluu arbasuun maali?
© Copyright Got Questions Ministries