settings icon
share icon
Gaaffii

Amanaan/tuun tokko Hafuura Qulqlluu miiraan dhaga’uun irra jiraataa?

Deebii


Yoodhuma hojiin Hafuura Qulqulluu muraasni kan dhageettii miiraa, kan akka cubbuun nama ceepha’uu, jajjabeessuu, fi humnaan guutamuu, of keessatti haammatu ta’e iyyuu, caaffatni Qulqullaa’aan walitti dhufeenya Hafuura Qulqulluu waliin qabnu akka nuti miira nutti dhaga’amu irratti hin bu’uuressine nu ajaja. Amanaan/tuun lammata dhalate/tte hundi Hafuura Qulqulluu of keessaa qaba/bdi. Inni nu Jajjabeessu sun yeroo dhufu akka nu wajjinii fi nu keessa jiraatu Yesuus nutti dubbateera. “Ani abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isiniif dubbatu, isiniif in kenna. Inni isiniif dubbatu kun, Hafuura dhugaa ti; biyyi lafaa waan Isa hin argineef Isa hin beekneefis, Isa fudhachuu hin danda’u. Isin garuu inni isin wajjin waan turuuf, isin keessa waan jiraatuuf Isa beekuuf jirtu” (Yohaannis 14:16-17). Jecha biraan, Yesuus kan akka Isaatii akka inni nu wajjinii fi nu keessa jiraatuuf ergaa jira.

Sagaleen Waaqayyoo sababa nutti himuuf Hafuurri Qulqulluun nu wajjin akka jiru in beekna. Amanaan/ntuun lammata dhalate/tte kamuu Hafuura Qulqulluu of keessaa qaba/bdi, garuu amanaan/tuun hundi Hafuura Qulqulluudhaan hin to’atamu/mtu, kana lamman gidduu garagarummaa ifa ta’etu jira. Yemmuu akka fooniitti deemnu, yoodhuma Hafuura Qulqulluun nu keessa jiraate iyyuu to’annoo Isaa jala hin jirru. Ergamaa Phawuloos dhugaa kana irratti yaada kenneera, akka hubannuufis fakkeenya fayyadameera. “Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa! Qooda kanaa Hafuura Qulqulluudhaan guutamaa!” (Efesoon 5:18). Namooti baayyeen luqqisii kana dubbisanii akka waan ergamaa Phaawulos daadhii wayiniitiin mormuutti hiikkatu. Yaadni caaffata kanaa garuu, adeemsaa fi lola amanaa/ntuu Hafuuraan guutamee/tee ti. Kanaaf, akeekkachisa waa’ee daadhii wayiinii gar-malee dhuguu irra kan darbe waanta kan biraa ibsa.

Namootni daadhii wayiinii gar-malee yemmuu dhugan amaloota tokko tokko agarsiisu: in gattantaru, afaantu hidhama, akkasumas waa murteessuuf ga’umsa dhabu. Asitti ergamaa Phaawuloos wal bira qabee dubbata. Akkuma amalootni tokko tokko nama daadhii wayinii gar-malee dhugee ittiin to’atamee ibsan, akkasumas namni Hafuura Qulqulluun to’atame tokko amaloota tokko tokko kan isa ibsu qabaachuu qaba. Galaatiyaa 5:22-24 keessatti waa’ee ija Hafuuraa dubbisna. Kun ija Hafuura Qulqulluuti, innis amanaa/tuu lamaffaa dhalatee/ttee to’annaa Isaa jala jiruun/tuun kan mul’ifamu dha.

Gochi yeroo (verb tense) Efesoon 5:18 keessaa, Hafuura Qulqulluudhaan “guutamaa”, jedhu adeemsa itti fufaa ta’uu isaa ibsa. Innis hubachiisa sababa ta’eef, haala kanaan Hafuura Qulqulluun guutamuu dhabuunis yookaan ittiin to’atamuun dhiisuunis in danda’ama. Efesoon 5 inni hafe amaloota amanaan/ntuun Hafuuraan guutamee/mtee nutti hima. “Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis wal harkaa fuudhaa! Garaa keessan keessatti faarfachaa galata gooftaa dhageessisaa! Yeroo hundumaa waan hundumaafuu maqaa gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqayyo abbaadhaaf galata galchaa!” (Efesoon 5:19-21).

Sababa miirri isaa nutti dhaga’amuuf miti kan Hafuura Qulqulluun guutamnu, sababa guutamuun Hafuuraa mirga addaa fi qabeenya Kiristiyaanaa ta’eef malee. Hafuuraan guutamuun yookaan ittiin to’atamuun bu’aa deemsa Gooftaaf abboomamuuti. Kun immoo kennaa ayyaanaati malee dhageettii miiraa miti. Miirri nu dogoggorsiisuu in danda’a akkasumas nu dogoggorsiisas, Hafuura Qulqulluu biraa kan hin taane, garuu foon qofa biraa kan ta’e burraaquu miraa keessa of galchuu in dandeenya. “Ani garuu, “Hafuuraan geggeefamaa jiraadhaa malee, fedha foonii hin raawwatinaa!” nan jedha…Nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, hafuura kana duukkaa bu’uu keenya.” (Galaatiyaa 5:16, 25).

Kun erga jedhamee, yeroo tokko tokko argamuunii fi humni Hafuura Qulqulluu hammaa ol akka nurra darbee yaa’u haaluun hin danda’amu, kun yeroo baayyee dhageettii miiraati. Yeroo sun ta’u, gammachuu addaati. Yeroo isaan Saanduqa Kakuu Waaqayyoo gara Yerusaalemitti ol fidanitti, Daawwit mootiin “ulfina isaa hundaan sirbe” (2 Saamu’el 6:14). Gammachuun Hafuuraa nutti dhaga’amuun isaa akka ijoollee Waaqayyootti ayyaana Isaan eebbifamuu keenya hubachuu dha. Kanaaf, guutummaa guutuutti, hojiin Hafuura Qulqulluu dhageettii fi miira keenya in dabalata. Akkasuma ta’ee, Hafuura Qulqulluu qabaachuu keenya mirkaneeffachuuf miira nutti dhaga’amu bu’uura godhachuu hin qabnu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Amanaan/tuun tokko Hafuura Qulqlluu miiraan dhaga’uun irra jiraataa?
© Copyright Got Questions Ministries