settings icon
share icon
Gaaffii

Afaanota hin beekamneen dubbachuu ragaa Hafuura Qulqulluu qabaachuutii?

Deebii


Macaafa Hojii Ergamootaa bakka sadiitti Hafuura Qulqulluu fudhachuun Afaan hin beekamneen dubbachuu waliin wal qabatee jira – Ergamoota 2:4, 10:44-46, fi 19:6. Haa ta’u malee, Macaafa Qulqulluu keessaa bakkoota kana sadan keessatti dha Afaan hin beekamneen dubbachuun raga Hafuura Qulqulluu fudhachuu kan ta’e. Macaafa Hojii Ergamootaa guutummaa isaa keessatti, namootni kumaatamaan lakkaa’aman Yesuusitti amananiiru garuu waa’ee Afaan hin beekamneen dubbachuu isaanii waanti ibsame hin jiru (Ergamoota 2:41, 8:5-25, 16:31-34, 21:20). Afaan hin beekamneen dubbachuun akka ragaa tokkicha Hafuura Qulqulluu fudhachuu ta’eetti Kakuu Haaraa keessatti bakki itti barsiifame hin jiru. Dhugaan jiru, Kakuu Haaraan faallaa isaa barsiisa. Kan nutti himame, kan Kiristoositti amanu hundi Hafuura Qulqulluu qaba (Roomaa 8:9; 1 Qoronxoos 12:13; Efesoon 1:13-14), garuu amanaan hundi Afaan hin beekamneen hin dubbatu (1 Qoronxoos 12:29-31).

Kanaaf, maalif caaffata Hojii Ergamootaa bakka sana sadan keessatti Afaan hin beekamneen dubbachuun ragaa Hafuura Qulqulluu fudhachuu ta’e? Hojiin Ergamootaa 2 ergamootni Hafuura Qulqulluun cuuphanii Isaan humna argatanii wangeela akka labsan dubbata. Ergamootni Afaan kan biraadhaan (Afaan ofii hin beekneen) dubbachuuf sababni dandeettii argataniif dhugicha namootaaf afaan mataa isaaniitiin lallabuuf ture. Hojiin Ergamootaa 10 kan dubbatu Pheexiroos namoota Yihuudota hin ta’iniitti (Ormootatti) wangeela lallabuuf akka ergamedha. Pheexiroosii fi Kiristiyaanonni warri jalqabaa kan biraan, Yihuudota waan ta’aniif namoota Yihuudota hin taane (Ormoota) gara waldaatti fudhachuun itti ulfaatee ture. Waaqayyo warri Yihuudota hin taane Afaan hin beekamneen dubbachuu isaaniitiin Hafuura Qulqulluu isuma ergamootni fudhatan isaanis akka fudhatan agarsiise (Ergamoota 10:47, 11:17).

Ergamoota 10:44-47 kana ibsa: “Utuu Pheexiroos dubbii kana itti himaa jiraa, Hafuurri Qulqulluun warra dubbicha dhaga’an hundumaa irratti bu’e. Warra Yihuudotaa keessaa amantootni Phexroos wajjin dhufan, kennaan Hafuura Qulqulluu saba Waaqayyoo warra hin ta’iniif kennamuu isaa arganii, akka abjuu ta’an. Warri Hafuura Qulqulluu fudhatan sun utuu isaan Afaan dur hin beekneen dubbatanii, guddina Waaqayyoos mul’isanii, isaan dhagan. Pheexiroos kana irratti, ‘Jarreen amma Hafuura Qulqulluu, akkuma nuyi arganetti argatan kun, akka hin cuuphamneef eenyutu bishaan dhowwachuu danda’aree?’ jedhe.” Pheexiroos sana booda taatee asitti ta’e kana Waaqayyo warra Ormaa akka fayyisaa tureetti akka ragaatti caqase (Ergamoota 15:7-11).

Afaan hin beekamneen dubbachuu waanta Kiristaanonni hundi yeroo Yesuus Kiristoosiin akka Fayyisaa isaaniitti fudhatanii achumaan Hafuura Qulqulluudhaan cuuphaman akka fudhachuu qabanitti kan eeggatan ta’uu isaa bakki macaafa keessaa itti ibsame hin jiru. Dhugaan jiru, Kakuu Haaraa keessatti, bakka lama qofa keessatti dhimma akkasiitiif Afaan hin beekamneen dubbatamuun ibsame. Afaan hin beekamneen dubbachuun kennaa dinqii kaayyoo adda ta’eef yeroo murtaa’aa ta’etti kennamedha. Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf ragaa tokkicha hin turre, kan ta’us miti.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Afaanota hin beekamneen dubbachuu ragaa Hafuura Qulqulluu qabaachuutii?
© Copyright Got Questions Ministries