Haatii manaa abbaa manaa isheef bitamuutu irra jiraataa?



Gaaffii: Haatii manaa abbaa manaa isheef bitamuutu irra jiraataa?

Deebii:
Bitamuun walitti dhufeenya gaa’ilaa keessatti dhimma faayida qabeessa. As ifa kan ta’ee abboomiin kitaaba qulqulluu jira: “Haati manaa akkuma gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis ha abboomamtu!Krstoos mataa waldaa kristaanaa akkuma ta’e abbaan manaas mataa haadha manaati, Kristoos fayyisaa waldaa Kristaanaati waldaan immoo dhagna isaati, waldaan kristaanaa harka Kristoos jala akkuma of galchitu, haatii manaaf waan hundumaatti harka abbaa manaa isheetti jala of haa galchitu” (Efe. 5:22-24).

Cuubbuun gara biyya lafaa osoo hin galiin dura illee, mataa ta’uun abbaa manaa qajeelfama ture (1Xim. 2:13). Addaam duraan durseetti kan uumame, Heewanis kan uumamte kan Addaam “gargaartuu” akka taatuufi dha (Um. 2:18-20).Waaqayyoo aboo guddaa biyya lafaa irratti hundeesseera: mootonni haqa hawaasa gidduutti akka mirkaneessanii fi eegumsa akka godhan, paasteeronni hoolota Waaqayyoo akka geggeesanii fi akka nyaachisan, abbaan manootiin haadha manooti isaanii akka jaallatanii fi akka kunuunsan, abbootiinis ijoollee isaanii akka hifatan. Dhimma hundaa irratti, bitamuu gaaffata: lammiin mootummaaf, hoolootni tikseef, haatii manaa abbaa manaaf, mucaan abbaaf.

“Bitamuun” hupotasso, kan jedhu jechi Girikii yeroo hiikamu gochamichi bifa itti fufeenya qabuu dha. Kana jechuun Waaqayyoof, moototaaf, paasteeriif, yookaan abbaa manaaf bitamuun gocha yeroo tokkoo qofa miti. Inni amala itti fufiinsa qabuu dha, kunis garee amalaa kan ta’u.

Duraan dursee, sirritti, Waaqayyoof bitamuuf itti gaaffatamuummaan nurra jira, kunis isaas kan ittiin abboomamnu karaan qofaan (Yaq. 1:21, 4:7). Akkasumas tokkoon tokkoon amanaa gadi of deebisuun kan guutame, kan biroon bitamuuf qophaa’aa kan ta’e jireenya qabaachuutu irra jiraata (Efe. 5:21). Ramaddii maatiif waa’ee bitamuu, 1Qor. 11:2-3 jedha, abbaan manaan Kristoosiif bitamuun akka irra jiraatu (Kristoos Waaqayyo abbaadhaaf akka godhe) haatii manaa abbaa manaa isheef bitamuutu irra jiraata.

Har’aa addunyaa keenyaatti hubannaa wal dha’ee baay’eetu jira, gaa’eela keessatti gahee abbaa manaa fi haadha manaa kan ilaalate. Gaheewwan kitaaba qulqulluu illee akka ta’utti hubatamee osoo jiru, baay’een isaan dhiisuu filataniiru, kan dubartootaa “birmadummaa” falmuu yaada jedhuun, bu’aa isaan murna maatii adda adda baasuu geesiseera. Biyyi lafaa karoora Waaqayyoo osoo hin fudhannee kan nama ajaa’ibsiisuu miti, sabni Waaqayyoo garuu gammachuudhaan karoora sana kabajuutu irra jiraata.

Bitamuun jecha gadhee miti. Bitamuun kan gadaantummaa yookaan bu’aa gad aanaa callaqisiisuu miti. Kristoos dhaabataatti fedha abbaaf mataa isaa bichisiseera (Luq. 22:42, Yoh. 5:30), faayidaa mataa isaa homaa utuu hin hir’isiin.

Kan addunyaa hubannaa dogogoraa dhaabuuf, dubartiin abbaa manaa isheef waa’ee bitamuu isheeti, kan itti fufu gadi qabnee hubachuutu nurra jiraata Efe. 5:22-24, 1)haatii manaa nama tokkoof mataa ishee ha bitu (abbaa manaa isheef), dhiira hundumaaf osoo hin taane. Seera bitamuutti dubartiin hawaasichi bakka jiraatu biratti kan dheeratu miti. 2)haatii manaa fedha isheen abbaa manaa isheef bitamuutu irra jiraata, Yesuus Kristoosiif dhuunfaatti abboomamuun. Isheen abbaa manaa isheef ni bitamti, Yesuusin waan jaallatuuf. 3)haatii manaan abbaa manaa isheef fakkeenyi bitamuu ishee waldaan kristaanaa Kristoosiif akka isheen gootu kan jiru dha. 4)waa’ee dandeetti haadha manaa, kennaa, yookaan faayidaa homaa wanti jedhame tokko hin jiru, dhugaa abbaa manaa ofii isheef bitamuu, bifa kamiinuu kan gadaantummaa yookaan faayidaa gadaanaa kan qabduu dha kan jechisiisu miti. Dabalataanis bitamuuf abbomiin isaa argisiiftuu homaa kan hin qabne, “wanta hundumaatti” kan jedhuu irraa kan hafee, hubadhu. Kanaaf, abbaan manaan haadha manaa hanga bitamtuufitti qormaataa wali galaa yookaan qormaata ga’umsaa darbuun irraa hin eegamu. Tarii isheen isa caalaa karaa baay’eedhaan kan fooyoftee dhugaa ittiin taate jiraachuu danda’a, ta’us garuu isheen abbomii gooftaa duuka bu’uu ni filatti, “jecha malee” amala ishee qulqulla’e qofaan (1Phex. 3:1).

Bitamuun deebii uumamaa ta’uutu irra jira, geggeessaa jaallatamaa. Abbaan manaa haadha manaa ofii isaa yeroo jaallatu, Kristoos waldaa kristaanaa akka jaallate (Efe. 5:25-33), bitamuunis deebii uumamaa ta’a, haatii manaa abbaa manaa isheef. Ta’us garuu, jaalalli abbaa manaa homaa yoo ta’e yookaan yoo hir’atee haati manaa akka bitamtuu abboomamteetti, “gooftaadhaaf akka ta’u” (Lakk. 22). Kana jechuun Waaqayyoof bitamuu ishee _ karoora isaa fudhachuu ishee _ abbaa manaa isheetiif akka bitamtu ishee godha. “Gooftaaf akka ta’utti” kan jedhuu wal dorgomsiisaan haadha manaadhaaf kan inni yaadatuu kan itti gaaffatamtuu taayitaa olaanaa qabaachuu isheeti. Kanaaf iyyuu dirqama tokko iyyuu hin qabdu seera mootummaa yookaan seera Waaqayyoo eeguu dhiisuudhaaf, abbaa manaa isheetiif maqaa“bitamuutiin” mataa ishee sirrii fi seera qabeessaa fi Waaqayyoon wantoota ulfeessaniif ni bitamsiifti. Dhugumatti wantoota akka malee ta’aaniif hin bitamtu_sirri yookaan seera qabeessa kan hin taaneef yookaan Waaqayyoon kan hin ulfesineef. “Qaleelfama “kan bitamuu” fayyadamuu yaaluu, akka malee fayyadamuu sirri gochuudhaaf, qulqulluu sagalee isaa miciruudhaaf seexana beeksisuu dha.

Efe. 5 irratti kan jiru haati manaa abbaa manaaf bitamuu, abbaan manaa matayyaa yookaan bitaa akka ta’uu hin hiyyamne. Abboomiin isaa akka jaallatuu dha (Lakk. 25), innis Waaqayyo duratti itti gaaffatamummaatu irra jira abboomi isaa raawwachuudhaaf. Abbaan manaa aboo isaa ogummaadhaan, of kennuudhaan, fi soda Waaqayyootiin, isaafis deebii akka kennutti raawwachuutu irra jiraata. Haatii manaa abbaa manaa isheetiin yeroo jaallatamtu, waldaan kristaanaa Kristoosiin akka jaallatamte, bitamuun rakkisaa hin ta’u. Efe. 5:24 ni jedha, “Waldaan kristaanaa Kristoosiif akkuma bitamtee, akkasuma immoo haatii manaa wanta hundumaatiin abbaa manoota isaaniif bitamuutu irra jiraata.”Gaa’ila irratti, bitamuun ulfinaa fi kabaja abbaa manaadhaaf ejjennoo kennuuti (Efe. 5:33) akkasumas inni kan dadhabee xumuruu dha. Innis karoora Waaqayyooti, maatiin akkamitti hojjechuun akka irra jiraatu.

Tarreessan Maatihoos Heener barreesseera, “dubartiin kan uumamtee cinaachaa Addaam irraati. Mataa isaa irraa hin uumamne, isa irratti akka bittuuf, yookaan miila isaa irraa hin uumamne, isaan akka irra ejetamtuuf, ha ta’uu malee cinaacha isaa irraatti, isaan wal qixa akka taatuuf, ciqilee isaa jala taatee akka eegamtuuf, laphee isaa cina taatee akka jaallatamtuuf.” Efe. 5:19-33 kan jiruu abbaa manaa fi haadha manaadhaaf kan kennamee abboomiin kan akkuma sanaan akka haala barreefamichaatti hafuuraan guutamuu of keessatti dabalata. Amantootni hafuuraan guutaman waaqeffannaa keessa kan jiranii dha (5:19), galataan kan guutaman (5:20), kan bitaman (5:21). Phaawulos sarara yaada kanaa duukaa bu’eera, jireenya hafuuraan guutamee fi haadha manootaaf oolcheera lakk. 22-24 irratti. Haatii manaa abbaa manaa isheetiif bitamuun kan irra jiraatu, dubartootni waan gad-aantoota ta’aniif miti (kitaabni qulqulluun sana raawwatee nu hin barsiisuu),ha ta’uu malee Waaqayyo walitti dhufeenya gaa’ilaa akka sana akka ta’u waan godheef.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Haatii manaa abbaa manaa isheef bitamuutu irra jiraataa?