Haadha kritaanaa ta’uu kitaabni qulqulluun maal jedha?



Gaaffii: Haadha kritaanaa ta’uu kitaabni qulqulluun maal jedha?

Deebii:
Haadhummaan Waaqayyoo dubbartoota baay’eedhaaf kennuu kan inni barbaaduu itti gaaffatamummaa guddaa dha. Haadhi kirstaanni ijoollee ishee akka jaallatu nuti himameera (Tito 2:4-5), karaa isheen qeequu fi ga’isuu Waaqayyoo fi fayyina kan kenneef maqaa Waaqayyoo baatte jirtuu irratti fiduun irra hin jiraatu.

Ijoolleen kennaa Waaqayyooti. (Faru. 127:3-5). Titoo 2:4 jechi Girikii “filooteksii” haatii mucaa isheef jaalala isheen qabdu ibsuuf faayidaa irra ooleera. Jechi kun kan adda ta’e “Jaalala haadhaa” kan ibsuu dha. Yaadni jecha kana keessaa argannu ijoollee keenyaaf of-eegannoon gochuun nurra jiraatu isaan guddiisuu jaalalaan haammachuu waan isaaniif barbaachiisu isaaniif dhi’eessuu harka Waaqayyoo irraa akka fudhanneetti kennaa addaa tokkoon tokkoon isaanii akka hiriyaa taanee dhi’aachuu kan jedhuu dha.

Sagalee Waaqayyoon haadhoota kirstaanaaf abboomiin kennaman jiru.

Argachuu- ganama, guyyaa fi halkan (Kes. 6:6-7_

Hirmaanaa- itti dhi’aachuu. Mari’achuu, yaaduu, fi jireenya walliin qoodachuu (Efe. 6:4)

Barsiisuu- sagalee isaa fi ilaalcha addunyaa kitaaba qulqulluu (Faru. 78:5-6, Kes. 4:10, Efe. 6:4)

Leenjisuu- ijooleen cimina dandeetii isaan qaban akka beekanii fi akka guddisan gargaaruu (Fak. 22:6) akkasumas kennaa hafuuraa isaanii (Rome. 12:3-8 fi 1Qor. 12)

Adabuu- Waaqayyoon sodaachuu barsiisuu, osoo addaan hin kutiin sarara isaa itti argisiisuu, jaalala fi, ciminaan, (Efe. 6:4, Ibr. 12:5-11, Fak. 13:24, 19:18, 22:15, 23:13-14, 29:15-17)

Guddisuu- jecha jajjabinaa addaan hin cinne haala isaan ittiin argatan qopheessuu, yaalanii akka dogogoraniif bilisummaa kennuufi, jaallachuu haala kam keessatti iyyuu jaallachuu (Tito 2:4, 2Xim. 1:7, Efe. 4:29-32, 5:1-2, Gal. 5:22, 1Phex. 3:8-9)

Amanamummaan fakkeenya ta’uu- akka dubbatuutti jiraachuu, gaarummaan jiraachuu ijoolleef (Kes. 4:9; 15; 23, Fak. 10:9, 11:3, Faru. 37:18; 37).Maalummaa fakkeenya gaarummaan jiraachuu ijoolleedhaaf karaa isaan ittiin barachuu danda’aaniin itti argisiisuu.

Kitaabni qulqulluun dubartiin hundii haadha ta’uun irra jiraata hin jedhu. Ta’us haadhummaadhaan kan eebbifaman garuu itti gaaffatamummaa isaanii of-eggannoodhaan ba’uutu isaan irra jiraata. Haadhootni jireenya ijoollee isaanii keessatti iddoo guddaa fi gahee qabu. Haadhummaan itti gaaffatamummaa nama gammachiisu miti.

Haatii yeroo ulfaatti ijoollee akka baataanii fi da’imummaa isaaniitti akka isaan nyaachisani fi akka kunuunsan haadhootni yeroo dargagummaatis ta’ee yeroo gara dargagummaatti deeman, akkasumas yeroo gara gaheessaatti guddatan ijoollee ofii isaani illee kan qabaatan gahee addaan hin cinnee jireenya ijoollee isaanii keessatti taphatu. Gahen haadhummaa dirqamatti guddachuu fi jijjiramuu jaalalli jiru, eegumsi, guddiisuu fi jajjabeessuu ishen gootu yeroo kam iyyuu dhaabbachuun irra hin jiru.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Haadha kritaanaa ta’uu kitaabni qulqulluun maal jedha?