Kitaabni qulqulluun garbummaa ni yakkaa?


Gaaffii: Kitaabni qulqulluun garbummaa ni yakkaa?

Deebii:
Garbummaa yeroo darbee godhanii fudhachuun yaadni jira. Har’as namoonni miliyoonni 27 addunyaa irratti garbummaaf darbanii kennamaniiru jedhamee tilmaamama. Dirqamichaan hojii humnaa wal qunamtii saalaa daldala sanyii duuka bu’ee dhaala dhufe…kan fakkaatan. Garbummaa cubbuu irraa kan oolan duuka buutonni Kristoos yeroo har’aatti kan godhuu garbummaa namootaa dhaabbuudhaaf kan jalqabaa dursa kan fudhatan ta’uutu irra jira. Gaaffiin kan ka’u egaa kitaabni qulqulluun maaliif garbummaa mormuudhaaf maaliif hin dubbatu? Maaliif kitaabni qulqulluun dhugaatti garbummaa namootaa kan deggeru fakkaata? Kitaabni qulqulluun sirritti ifatti garbummaa hin yakku. Garboonni akkamitti qabamuun akka irra jiraatu qajeelfama kenna (Kes. 15:12-15; Efe. 6:9, Qol. 4:1) garuu garbummaa wajjin hin dhorku.

Namoonni baay’een Kitaabni qulqulluun garbummaa gosa hundumaa akka mormuutti lakkaa’u. Baay’een osoo hin hubatin wanti isaan hafan garbummaan bara kitaaba qulqulluutti kan turee irratti baroota darbanitti garbummaa ta’an wajjin kan adda ta’ee dha. Kitaaba qulqulluu irratti garbummaan ture gosa tokko irratti adda bahee kan godhamu hin ture. Namoonni lamummaa qabaniini fi halluu gogaan hin ture garboota kan ta’an. Bara kitaaba qulqulluutti garbummaan dinagdee irratti kan hundaa’e ture, hawaasa keessatti kan turee adda addummaa sadarkaati. Namoonni liqii keessa yoo galanii fi maatii isaaniif waan isaan barbaachisu dhi’eessu yeroo dadhaban ofii isaanii garbummaati kennu turan. Yeroo kakuu haaraatti yeroo tokko tokkoo ogeessaa fi abukaatoo fi namoota siyaasaa dabalatee nama kan biraaf garboota ta’u turan. Namoonni tokko tokkoo garba ta’uu waan isaan barbaachisuu hundaa gooftaa isaanii irraa argachuuf filatu. Bara muraasa darbanitti garbummaan turee haala adda ta’een halluu gogaa irratti kan hundaa’e ture. Ameerikaatti namoonni guraachi lamummaa isaanitiin akka garbaatti lakkaa’amu turan namoonni garboota baay’ee qaban kaajni gadi aanaan kan ta’uuf godhanii fudhatu. Kitaabni qulqulluu sanyii bu’uura kan godhate garbummaan ni morma, namoonni hunduu Waaqayyoo fakkeenya isaatti kan uumee dha (Uma. 1:27).

Haala wal fakkaataan kakuu moofaa dinagdee irratti kan hundaa’ee garbummaa ni heyyama to’achuudhaan. Furtuun guddaan dhugaadha kitaabni qulqulluun kan inni eyyamu garbummaan amma bara keenyatti baroota muraasa darban wajjin wal fakkeenya kam iyyuu kan hin qabnee dha dabalataanis kakuu moofaanis haaraanis Afirikaatti bara 19 kan godhame namoota gurguruu ni morma. Garboonni Afrikaa kan gurguraman kan oolchaniin marfame ture gara bakka haaraatti fidanii hojii qonnaa akka hojjetan godhanii turan. Kan akka kanaa Waaqayyoon dheekamsiisa. Bu’ura irraa yakkii akka kanaa seera Museen adabni inni qabu du’a dha (Bau. 21:6):- “Nama hatee kan gurgurru, yookaan harka isaatti yoo argame inni raawwatee ha ajjeefamu.” Wal fakkeenyaan kan kakuu haaraa daldaltoonni garbichaa “Cubbamoota hamoota” godhamanii lakkaa’amu fi abbaa fi haadhoota isaanii kan ajjeessan sobdoota baraa fi dhuga-baatii sobaa wajjin bakka tokkootti lakkaa’amu turan (1Xim. 1:8-10). Kan biraan tuqaan amansiisaan kaayyoon guddaan kitaaba qulqulluu karaa fayyinaa namootatti argisiisuu dha malee hawaasa fooyyeessuu miti. Kitaabni qulqulluun baay’inaan kan inni dhi’eessu keessaa gara alaatti. Namni tokko jaalala haraara fi ayyana Waaqayyoo fayyina erga fudhatee erga shaakalee Waaqayyo lubbuu isaa haareessa yaadni isaa fi gochaan isaa ni jijjirama. Hojii fayyisuu Waaqayyoo fi bilisummaa cubbuu keessaa ba’uun Waaqayyo lubbuu isaa kan haareesseef nama kan biraaf ofi isaa garbicha godhee dhi’eessuun sirri akka hin taane ni beeka. Phaawulos akka jedhee garbicha ta’uu hanga danda’u ilaala “Kristoosiin obbolessa kan ta’e” (Fil. 1:16). Ayyaana Waaqayyoo sirritti kan qoodate nama shaakalee kan biroof garaamii fi gaarii ta’a. Sun immoo garbummaa kitaaba qulqulluuf ajaja ittiin dhaabatanii dha.

English
Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa
Kitaabni qulqulluun garbummaa ni yakkaa?