settings icon
share icon
Gaaffii

Kitaabni qulqulluun gara mana murtii dhaqanii komachuu maal jedha?

Deebii


Ergamaa Phaawulos amantoota warra Qoronxoos amantootni kan biraan amanaa kan biraa akka hin komanne isaan yaadachiisa. (1Qor. 6:1-8). Kiristaanootaaf wali waliif dhiisuu fi adda addummaa isaanitti wali galuu dadhabuu kufaati hafuuraa argisiisa. Namni tokkoo kristaanoonni rakkoo baay’ee akka qabanii fi hiikuuf akka hin dandeenye osoo arganii maaliif kiristaana ta’u barbaada? Ta’us garuu gara mana murtii deemuun tarkaanfii sirrii kan inni itti ta’uu fakkeenyoonni jiru. Kitaaba qulqulluu kan ta’an irra deebiin wali galuuf karaa haraaramuu duukaa yoo buunee fi qaamni yakka godhe dogogora isaan yoo itti fufee yeroo tokko tokkoo gara mana murtii dhaquun sirrii ta’uu danda’a (Mat. 18:15-17). Kunis godhamuu kan qabu kadhata baay’eedhaa fi ogummaan ta’uutu irra jira akkasumas geggeesitoota hafuuraa wajjin mari’aachuun barbaachiisadha (Yaq. 1:5).

1Qor. 6:1-6 waa’ee wali galuu dhabuu waldaa kiristaanaa keessa jiru Phaawulos kan inni eeru seerrata mana murtii yeroo dubbatuutti jireenya kanaaf mijataa kan ta’u dha. Phaawulos jechaa kan jiru manni murtii kan jiru waldaa kristaanaan alatti dhimmoota jiran haraarsuudhaaf akka ta’eedha kan inni jedhu. Rakkoowwan waldaa kristaanaa gara mana murtii dhaquun irra hin jiraatu, waldaa kristaanaa keessatti haraarsuutu isaan irra jira.

HoE boqonnaa 21-22 yeroo dubbatu Phaawulos dogogoraan yakka hin hojjenneen komatamee hidhamee ture. Warri Roomaa hidhani turan, “Ajajichi Phaawulosiin gara keessatti seensisee fi badii isaa akka dubbatu gaaffate. Maaliif sabichi dheekamee akka iyyuu beekuuf barbaade. Phaawulosiin hidhuuf yeroo barbaadan Phaawulos lolticha warra Roomaa hidhuun hiyyamameera jedhee gaaffate.” Phaawulos seera warra Roomaa seera kabajisuuf itti fayyadame. Seerata mana murtii yaada sirri kakka’umsa yaada hanga godhameetti fayyadamuun isaa dogogora homaa hin qabu. Phaawulos dabalataan akkas jedhe “Eegaa raawwatee falmii wali walii akka qabdan hir’ina keessaniin. Yoo miidhamtan hin wayyuu? Yoo goowwomfamtan hin wayyuu?” 1Qor. 6:7) Phaawulos bakka kanatti xiyyaafannoo kan inni itti kenneef dhuga-baatii amantootaaf. Nuuf nama tokko gara mana murtii geessuu caalaa Kristoos irraa amma fageessinu caalaa faayidaan keenya yoo nutti hafee yoo miidhamne wayya. Isa kamtuu baay’ee barbaachiidha? Wal’aansoo seeraa yookaanis wal’aansoo lubbuu bara baraa nama tokkoo?

Walummaa galatti kristaanoonni dhimma waldaa kristaanaatti wal qabannee gara mana murtii deemuu qabnaa? Raawwatee miti! Kristaanoonni dhimoota sabootaaf gara mana murtii dhaquutu irra jiraa? Karaa kan biraan hambisuun osoo danda’amuu? Lakkii gochuun irra hin jiru. Kristaanoonni namoota hin amanne gara mana murtiitti geessuutu irra jira? Irra deebiin karaa kan biraan hambisuun osoo danda’amuu? Lakkii miti. Ta’us garuu dhimmoota tokkoo tokkoof fakkeenyaaf mirga kabajisuuf (Phaawulos akka godhe) tarii mirgaa seera qabeessa barbaaduun sirrii ta’uu danda’a.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kitaabni qulqulluun gara mana murtii dhaqanii komachuu maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries