settings icon
share icon
Gaaffii

Gara-garummaan dandeettii addaa fi kennaa Hafuuraa maali?

Deebii


Dandeettii addaa fi kennaa Hafuuraa gidduu wal fakkeenyaa fi gara-garummaan jiru. Lamman isaanii kennaa Waaqayyooti. Lamman isaanii fayyadamuun bu’a qabeessummaa isaanii in guddisa. Itti fayyadamni lamman isaanii bu’aa namoota biraatiif dha, malee bu’aa dhuunfaatiif miti. Qoronxoos Isa Duraa 12:7 kan ibsu kennaan Hafuuraa namoota kan biraa fayyaduuf kan kenname malee nu fayyaduuf kan hin kennamne miti. Akkuma abboommiin gurguddoon lamman waa’ee Waaqayyoo fi namoota kan biraa jaallachuu ta’e, namni tokko kennaa addaa isaa bu’aa kanaaf oolchuu qaba. Kennaan dandeettii addaa fi kennaan Hafuuraa eenyuuf kennama, yoomis kennama. Namni tokko (yoo Waaqayyo yookaan Kiiristoositti amanes amanuu baates) sababa walitti dhufiinsa qaccee sanyii maatii isaatiif (genetics) kennaa uumamaan fudhatu qaba (tokko tokko uumamaan kennaa muuziqaa, aartii, yookaan herregaa qabu) akkasumas naannoo isaa irraa (maatii dandeettii muuziqaaqaban keessatti guddachuun namni tokko akka dandeettii muuziqaa isaa guddifatuuf ni gargaara), yookaan Waaqayyo nama tokko tokko kennaa addaatiin badhaasa (fakkeenyaaf, Bazaali’eel Seera Ba’uu 31:1-6). Kennaan Hafuuraa amantoota hundumaatiif Hafuura Qulqulluudhaan yeroo isaan dhiifamuu cubbuu isaaniitiif amantii isaanii Kiristoosiin keessa godhan kennamaaf (Roomaa 12:3, 6). Battala sanatti, Hafuurri Qulqulluun amanaa haaraa sanaaf kennaa hafuuraa akka jaalala Isaatti (Hafuura Qulqulluutti) kennaaf (1 Qoronxoos 12:11).

Roomaa 12:3-8 kennaa Hafuuraa akka armaan gadiitti tarreessa: raajummaa, namoota biraa tajaajiluu (akka walii galaatti), barsiisa, jajjabeessuu, garraamummaa, geggeessuu, fi araara agarsiisuu. Qoronxoos Isa Duraa 12:8-11 kennaa Hafuuraa yoo tarreessu ogummaan dubbachuu (dandeettii ogummaa hafuuraa himuu), beekumsa barsiisuu (dandeettii dhugaa qabatamaan jiru himuu), amantii (hamma baratameen olitti Waaqayyo irratti of gatuu), dinqii hojjechuu, raajuu, hafuurota adda baasuu, afaan hin beekamneen dubbachuu, fi afaan hin beekamne sana hiikuu. Tarreeffamni inni sadaffaan Efesoon 4:10-12 keessatti argama, innis Waaqayyo waldaa Isaatiif ergamoota, raajota, abbootii wangeelaa, fi tikisitootaaf barsiisota kennuu Isaa dubbata. Kennaan tarreeffaman kun sababa wal hin fakkaanneef, gaaffiin kennaa Hafuuraa meeqatu jira jedhu ni ka’a. Kennaan Macaafa Qulqulluu keessatti tarreeffaman kennaa jiran hundumaa kan haammatu ta’uu dhiisuu danda’a, kennaan Hafuuraa Macaafa Qulqulluu keessatti hin tarreeffamni kan biroon jiraachuu malu.

Namni tokko dandeettii addaa isaa guddisuun gara ogummaa fi waanta yeroo ittiin dabarsu (hobby) isaatti qajeelchuu yoo danda’u, kennaan Hafuuraa immoo Hafuura Qulqulluun kan kennamuu fi ijaarsa waldaa Kiristoosiif kan ooludha. Sana keessatti, Kiristaanonni hundi wangeela Kiristoos babal’isuu keessatti ga’ee isaanii dammaqanii raawwachuu qabu. Hundumtuu waamamanii “hojii itti ergaman” sanaaf qopheeffamaniiru (Efesoon 4:12). Hundumtuu kennaa fudhataniiru, kanaaf gocha Kiristoos isaaniif godhe hundumaaf gatii baasuuf waa’ee Isaatiif ga’ee isaanii ba’uu danda’u. Kana gochuu isaaniitiin, Kiristoosiif dhama’uu isaaniitiif jireenya isaanii keessatti gammachuu guutuu argatu. Qulqulloota ijaaranii hojii Waaqayyo itti isaan waameef qopheessuun ga’ee geggeessitoota waldaati. Bu’aan kennaan Hafuurri qulqulluu yaadameef waldaan guutummaatti akka guddachuu dandeessuuf, miseensi dhaqna Kiristoos tokkoon tokkoon isaanii walta’iinsaan ishee cimsuuf akka tajaajilaniifi.

Gara-garummaa kennaa Hafuuraa fi dandeettii addaa yoo cuunfinee keenyu: 1) Dandeettiin addaa bu’aa qaccee sanyii (genetics) fi/yookaan leenjii ti, kennaan Hafuuraa garuu bu’aa humna Hafuura Qulqulluuti. 2) Dandeettii addaa namni kamiyyuu qabaachuu danda’a, yoo Kiristaana ta’es yoo Kiristaana ta’uu baate, kennaa Hafuura Qulqulluu garuu Kiristaanota qofatu qaba. Yoodhuma dandeettiin addaa fi kennaan Hafuraa lamman ulfina Waaqayyoo fi namoota biraa tajaajiluuf oolan iyyuu, kennaa Hafuuraa gochoota kana irratti xiyyeeffachuu qaba, dandeettiin addaa garuu guutummaatti waanta bu’aa hafuuraa hin taaneef hojii irra oola.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Gara-garummaan dandeettii addaa fi kennaa Hafuuraa maali?
© Copyright Got Questions Ministries