settings icon
share icon
Gaaffii

Ganuun warra Waaqa hin qabne ganuun maalii dha?

Deebii


Ganuun warra Waaqa hin qabne Waaqayyo hin jiru kan jedhu ilaalchaa dha. Ganuun warra Waaqa hin qabne argannoo haaraa miti. Faru 14:1 Daawitiin dhaloota Kristoosiin dura waggaa 1000 dura eerameera “Gowwaan garaa isaatti. Waaqayyo hin jiru jedha.” Dhi’ootti odeeffannoon tokko jiraachuu Waaqayyoo ganuu namoota fudhatan lakkoofsi isaanii lafa irratti namoota jiran keessaa 10% dabaleera. Maaliif jiraachuu Waaqayyoo ganuun lakkoofsi gantitootaa kan baayyate? Ganuun dhugaan jiraachuu Waaqayyoo ta’uun amansiisaa dhaa?

Ta’us maaliif ganuun jiraachuu kan danda’eef? Maaliif waa’ee jiraachuu Waaqayyoo salphaatti namootaaf of mul’isee jiraachuu isaa hin mirkaneessu? Dhugumatti Waaqayyo utuu mul’ate yaadni keenya deemuu kan danda’an namni hunduu itti amana ture ni ta’a kan jedhuun! Kanaa wajjin rakkoon isaa fedha Waaqayyoo akka jiru akka jiratu qofaaf amansisuuf ofii isaa namootaaf mul’isuun fedha Waaqayyoo miti. Fedhi Waaqayyoo amantiidhaan isatti akka amanan (2Phex. 3:9) fi amantiidhaan kennaa fayyina isaa akka fudhatani dha. (Yoh. 3:16). Waaqayyo ifatti jiraachuu isaa kakuu moofaa irratti yeroo baay’ee argisiiseera. (Uma. 6:9, Bau. 14:21-22, 1Mot. 18:19-31). Waaqayyo jiraachuu isaa beekanii fudhatanii turanii? Eeyye, ta’us garuu karaa isaanii isa hamaa irraa deebi’anii Waaqayyof abbomamaniiruu? Miti. Namni tokko jiraachuu Waaqayyoo amantiidhaan yoo hin fudhanne egaa inni yookaan isheen sirritti Yesus Kristoosiin fayyisaa isaanii godhatanii fudhachuuf qophaa’oo miti. (Efe. 2:8-9). Waaqayyo karoora inni namootaaf qabu jiraachuu isaa kan amanan akka ta’an osoo hin taane Kristaanoota akka ta’anii dha.

Kitaabni qulqulluun akka nutti himuutti jiraachuu Waaqayyoo amantiidhaan fudhachuutu nurra jira. Ibr. 11:6:- “Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachisuun hin danda’amu. Eenyu illee Waaqayyootti dhi’aachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira. “Yesus immoo, “Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam haa gammadan?” ittiin jedhe.Yoh. 20:29

Jiraachuu Waaqayyo amantiidhaan kan fudhannuu ta’uutu irra jira, kana jechuun garuu Waaqayyotti amanuun yaada sammutiin fudhatama kan hin qabnee dha jechuu miti. Waa’ee beekamtii Waaqayyoof falmii baay’ee gaarii ta’eetu jiru. Kitaabni qulqulluun beekmtii Waaqayyo addunyaa Gi’izii irratti ifatti akka mul’atu dubbata. (Faru. 19:1-4), uumamaan (Rom. 1:8-22), fi laphee keenya keessa (Lal. 3:11). Kana hunda keessatti jiraachuu Waaqayyoo mirkaneessuun yoo hin danda’amne amantiidhaan garuu kan fudhannu ta’uutu irra jiraata.

Haala wal fakkaataadhaan ganuudhaan jiraachuu Waaqayyoo (atheism) amanuuf amantaa baay’ee gaaffata. Himni sirriin isaa “Waaqayyo hin jiru” jedhee kaa’uudhaaf waan jiru hundumaa beekuu fi waan argamuu hundumaas ragaa ta’uu nan danda’a jedhee labsuu dha. Dhugaadha Waaqayyo hin jiru kan jedhuu kan hin amanin kana jechuu hin danda’u. Ta’us garuu Waaqayyo hin jiru jechuu kan danda’an isa kana dha. Kan hin Amanin gantoota (atheism) kana mirkaneessuuf hin danda’an, fakkeenyaaf:- aduu gidduu dhaa akka jiraatu dumeessa Jubiterii tilmaamne akka dandeenyu yookaan Nebulaa irraa fageenya xiqqoo. Bakkawwan kana hubachuudhaaf tilmaama keenyaan ala yoo ta’es Waaqayyo akka isaan irra jiraatu mirkaneessu hin danda’u. Amanaa ta’uu akka gaaffatu hundumaa jiraachuu Waaqayyoo ganuu amanuu dhiisuun amantii baay’ee gaaffata.

Jiraachuu Waaqayyoo (atheism) ganuu mirkaneessuun hin danda’amu, jiraachuu Waaqayyoo amantiidhaan kan fudhannuu dha: kristaanoonni jiraachuu Waaqayyoo xiyaafannoodhaan amanu fi beekamtii Waaqayyoo jiraachuu amanuun dhimma amantiiti. Haala wal fakkaataan immoo Waaqayyoon amanuun sammuu keessatti fudhatama kan hin qabne yaada ta’uu isaa immoo ni mormina. Jiraachuu Waaqayyoo ifatti kan mul’atu sirritti kan nutti beekamu barbaachiisaa yoo ta’e falasamaa fi saayinsawaanis mirkaneeffachuu ni danda’a. “Bantiiwwan waaqaa ulfina Waaqayyoo himaa jiru, wanti bantii waaqaa jalaan mul’atus hojii harka isaa in labsa. Guyyaan guyyaa isatti aanutti kana in dabarsa, halkanis halkan isatti aanuutti waa’ee kanaa in beeksiisa. Isa kanaaf jechi dubbinis hin jiru, sagaleen isaaniis hin dhaga’amu, haa ta’u iyyuu malee wanti isaan dabarsan guutummaa biyya lafaatti in ba’e, wanti isaan himanis andaara lafaa in ga’e; Faru. 19:1-4.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Ganuun warra Waaqa hin qabne ganuun maalii dha?
© Copyright Got Questions Ministries