settings icon
share icon
Gaaffii

Gahaanab dhugumaa? Gahaanab bara barummaa qabaa?

Deebii


Baay’ee lakkoofsa dhibbaan namoonni lakkaa’aman mootummaa Waaqayyoo keessa jiraachuutti ni amanu, jiraachuu gahaanab caalaa. Akka kitaaba qulqulluutti yoo ta’ee, gahaanab akkuma mootummaa Waaqayyoo sana dhugaa dha. kitaabni qulqulluun ifatti adda baasee barsiisa, gahaanab bakka beekamaa ta’uu isaa, cubbamoonni/warri hin amanne du’a booda bakka isaan itti ergaman. Hundumti keenya Waaqayyo irratti cubbuu hojjeneera (Roome 3:23). Cubbu sanaafis adabi sirriin du’a (Roome. 6:23). Cubbuun keenya hundumtuu walitti qabamee Waaqayyo irra ta’uu isaatiin (Faru. 51:4), Waaqayyos daangaa kan hin qabnee fi aragamuu bara baraa ta’uu isaan, adabbi cubbuu immoo daangaa kan hin qabnee fi kan bara baraa ta’uu qaba. Gahaanab kun daangaa kan hin qabnee fi du’a bara baraati, innis sababa cubbuuf kan nuuf kaffalame.

Warri du’an cubbamoota ta’an gahaanabitti akka isaanitti faradamu qulqulluu sagalee isaa hunda irratti ibsameera, akka “abidda bara baraatti” (Mat. 25:41), “abidda hin dhaamne” (Mat. 3:12), “qaanii fi salphina bara baraa” (Daani’eel. 12:2), achis “abiddichi kan hin dhaamne” bakka dha (Mariqoos 9:44-49), iddoo “rakkinaa” fi “abidda” (Luqaas. 16:23-24), “badiisa bara baraa” (2Tas. 1:9),bakka “arri rakkinaa kun bara amma bara baraatti kan hin badne” (Mul’ata 14:10-11), fi “galaana ibiddaa boba’uu” bakka cubbamoonni taa’an “guyyaa fi halkan baraa amma baraatti ni dhiphatu” (Mul’ata 20:10).

Gahaanab adaba cubbamootaa, toolotni Waaqa irratti akkuma isaan argatan gammachuu guutuu ta’ee raawwatee Kan ga’u miti. Yesuus mataan isaa akka argisiiseetti adabni gahaanabitti ta’uu mootummaa Waaqayyooti kan ta’u jireenyi bara baraa kan jiruu dha (Mati. 25:46). Cubbamoonni bara baraan dheekamsa Waaqayyooti fi aarii isaa jala jiru. Gahaanabitti kan ta’an isaan firdiin Waaqayyoo mudaa kan hin qabne ta’uu isaa ni hubatu (Faru. 76:10). Gahaanabitti kan ta’an isaan adabi isaanii sirriidhaa fi isaan qofa akka ceepha’aman nii beeku (Kes. 32:3-5). Eeyyee, gahaanab dhugaa dha. Eeyyee, gahaanab bakka rakkinaatii fi adabaati, innis baraa amma baraatti kan hin dhumnee, raawwii kan hin qabne. Waaqayyoof haa galatuu, Yesusiin carraa hamaa bara baraa kana jal’aa ba’uu waan dandeenyeef (Yoha. 3:16, 18, 36).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Gahaanab dhugumaa? Gahaanab bara barummaa qabaa?
© Copyright Got Questions Ministries