settings icon
share icon
Gaaffii

Ga’een Hafuurri Qulqulluun jireenya keenya keessatti har’a qabu maali?

Deebii


Kennaa Waaqayyo dhala namaatiif kenne hunda keessaa, kan argamuu Hafuura Qulqulluu irra caalu tokko iyyuu hin jiru. Hafuurichi tajaajila, ga’ee fi hojii baayyee qaba. Dursa, hojii garaa namoota hundaa keessatti bakka hundatti hojjeta. Yesuus Hafuuricha akka ergu Innis “waa’ee cubbuu, waa’ee qajeelummaa, waa’ee firdiis, biyya lafaa akka hubachiisu” (Yohaannis 16:7-11) bartoota Isaatti himee ture. Namni hundi, amanus amanuu baatus, “hubannaa Waaqqayyoo” qaba. Hafuurri dhugaa Waaqayyoo gara sammuu namootaatti fiduun dubbii haqa-qabeessaa fi quubsaa ta’een cubbamoo ta’uu isaanii isaan amansiisa. Ceephoo sanaaf deebii deebisuun namootni gara fayyinaatti akka isaan dhufan godha.

Erga fayyinee kan Waaqayyoo taanee booda, Hafuurichi laphee keenya keessa bara baraan jiraata, akka ijoollee Isaatti dhaala keenya bara baraa mallattoo nutti gochuudhaan mirkaneessee, raggaassisee, nuuf dhugoomsa. Yesuus kan jedhe Hafuurichi Gargaaraa, Jajjabeessaa, fi Geggeessaa keenya akka ta’uuf akka ergudha. “Ani Abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, “Gorsaa” kan biraa isiniif in kenna” (Yohaannis 14:16) . Jechi afaan Girikii asitti “Gorsaa” jedhutti hiikame hiiki isaa “kan isinii wajjin waamamu” fi yaada kan jajjabeessuuf cimsu jedhu of keessaa qaba. Hafuurri Qulqulluun garaa amantootaa bakka jireenyaa dhaabbataa godhata (Roomaa 8:9; 1 Qoronxoos 6:19-20, 12:13).

Yesuus utuu silaa qaamaan nu bira jiraatee hojii nu keessatti hojjechuu malu bakka Inni hin jirretti akka Isa bakka bu’ee hojjetuuf akka “beenyatti” Hafuura Qulqulluu nuuf kenne.

Hojii sana keessaa tokko dhuga mul’istuu dha. Nu keessatti argamuun Hafuuraa akka nuti Sagalee Waaqayyoo hubannee hiikkannuuf nu dandeessiisa. Yesuus akka bartootatti himette “Hafuurri dhugaan sun yemmuu dhufu, gara dhugaa hundumaa keessatti isin geessa” (Yohaannis 16:13). Yaada Waaqayyoo waa’ee waaqeffannaa, seera amantii (doktiriinii) fi jireenya kiristiyaanaa waliin wal qabatu sammuu keenyaaf ibsa. Inni geggeessaa ijibbaataati, fuula dura deema, karaa baasa, danqaa kaasa, hubannaa bana, akkasumas waanta hundumaa salphisee ibsa. Karaa hafuuraa nuti irra deemuu qabnu hunda irra inni nu geggeessa. Geggeessaa akkasii malee, dogoggora keessatti kufuun keenya beekamaa dha. Dhugaa inni ibsu keessaa murteessaan Yesuus isa ofiin jedhe ta’uu isaati (Yohaannis 15:26; 1 Qoronxoos 12:3). Hafuurri Qulqulluun waa’ee Waaqummaa Kiristoosii fi foon uffachuu Isaa, Masiyii ta’uu Isaa, dhiphachuu fi du’uu Isaa, du’aa ka’uu fi ol fudhatamuu Isaa, mirga Waaqayyootti gooftummaan kennamuufii Isaa, fi abbaa firdii hundaa ta’uu Isaa nu amansiisa. Inni waan hundumaatti Kiristoosiif ulfina kenna (Yohaannis 16:14).

Ga’een Hafuura Qulqulluu inni biraan kennaa kennuu dha. Qoronxoos Inni Duraa 12 kan ibsu kennaan hafuuraa kan amantootaaf kennamu biyya lafaa irratti akka qaama (dhaqna) Kiristoositti akka hojjechuu dandeenyuufi dha. Kennaan kun hundi, guddaas haa ta’u xiqqaa, akka nuti adunyaa irratti bakka bu’aa (ambaasaaddara) Isaa taanuuf, ayyaana Isaa mul’isnee akka Isa ulfeessinuuf Hafurichaan kennama.

Hafuurichi dabalees ija godhachuudhaan jireenya keenya keessatti hojjeta. Yemmuu nu keessa buufatu, hojii ija Isaa sassaabuu jireenya keenya keessatti jalqaba, innis—jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of dhowwuu dha (Galaatiyaa 5:22-23). Kun hojii foonii miti, foonni ija akkasii godhachuu hin danda’u, garuu kun bu’aa jireenya keenya keessatti argamuu Hafuurichaa ti.

Hafuurri Qulqulluun Waaqayyoo akka jireenya keenya keessa buufate, akka Inni waantota dinqisiisaa akkasii hoojjetu, akka Inni bara baraan nu keessa jiraatu, fi akka Inni goonkumaa nu hin dhiisnee fi nu hin gatne beekuun gammachuu guddaa fi jajjabina akka qabaannu godha. Kennaa gati jabeessa kanaaf—Hafuura Qulqulluu fi hojii Inni jireenya keenya keessatti hojjetuuf Waaqayyo haa galatoomu!

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Ga’een Hafuurri Qulqulluun jireenya keenya keessatti har’a qabu maali?
© Copyright Got Questions Ministries