settings icon
share icon
Gaaffii

Kitaabni qulqulluun waa’ee gaa’ilaa maal jedha?

Deebii


Uumamuun gaa’ilaa Um 2:23-24 irratti galmeefamera, “Addaamis jedhee, ‘lafeen kun lafee kooti, foon kunis foon koo irraati, isheen dhiira irraa argamteetihoo “namee” ha jedhamtu.’ Kanaaf namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa haadha manaa isaatis ni maxxana, lammanuu foon tokko ta’u.” Waaqayyo nama uume, achi irraas dubartii uume, isa ha gargaartuuf. Gaa’ela Waaqayyo “kan uume” dha, “namni qophaa ta’uun isaa gaarii miti” dhugaan jedhuu, (Um. 2:18).

“Gargaartuu” jechi jedhuu Hewaaniin ibsuudhaaf Um. 2:20 irratti faayidaa irra kan oolee hiiki isaa “itti maruu, dhorkuu yookaan gargaaruu, gargaaruu dha” dha. Hewaan kan uumamtee Addaam cina akka taatuuf akka “walakkaa” qaama isaa, gargaartuu isaatii fi utubduu isaa akka taatuuf. Dhiiraa fi dubartiin yeroo wal fuudhan “foon tokko” ta’u. tokkummaan kun guutumaatti kan inni ibsuu qunamtii saalaatiin tokko ta’uu dha. Kakuu haaraan tokkummaa kana kan ilaalate of eegachiisa itti dabala. “Kanaaf kana booda isaan lama miti, tokko malee. Kanaaf Waaqayyo kan walitti hidhee namni gargar hin baasiin” (Mat. 19:6).

Ergamaan Phaawulos ergaa baay’ee barreeseera, gaa’ila kan argisiisani fi amantootni walitti dhufeenya gaa’ilaa keessatti akkamitti deddeebi’uun akka isaan irra jiru. Dubbifamni inni ‘tokkoffaan 1Qor. 7 fi kan biraa Efe. 5:22-33ti. Wali wajjin yeroo qayyabataman, dubbifamni lamaan kun qajeelfama macaafa qulqulluu laatu, kunis Waaqayyoon kan gammachiisu bifa walitti dhufeenya gaa’ilaa kan tolchan.

Dubbifamni Efesoon keessumatti kan dhi’aatee kan milkaa’ee gaa’ila kitaaba qulqulluu eeruudhaaf. “Haadhi manaa, akkuma gooftaadhaaf bitamtan abbaa manaa keessaniif bitamaa, Kristoos immoo mataa waldaa kristaanaa akka ta’ee innis qaama isaa kan fayyisu akka ta’ee abbaan manaa mataa haadha manaati (Efe. 5:22-23). “Abbaan manoonni Kristoos waldaa kristaanaa akka jaallatee haadha manaa keessan jaalladhaa” (Efe. 5:25). “Akkasumas abbaan manoonni akka qaama isaanitti godhanii haadha manoota isaanii jaallachuutu irra jiraata. Haadha manaa isaa kan jaallatu of jaallata, eenyu iyyuu foon isaa kan jibbu tokko illee hin jiru. Ha ta’u malee, Kristoos immoo waldaa kristaanaatiif akka godheef, ni nyaachisaa, ni kunuunsa” (Efe. 5:8-29). “Kanaaf namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisaa haadha manaa isaa wajjin wali gala lammanuu foon tokko ta’u” (Efe. 5:31).

Abbaan manaa amannee fi haati manaa amantee qajeelfama Waaqayyoo yeroo duukaa bu’an, bu’aan isaa gaa’ila kitaaba qulqulluu ta’a. Gaa’illi kitaaba qulqulluu irratti hundaa’ee kan madaalchiisuu dha, Kristoosi akka mataa dhiiraatti fi haadha manaa wajjinis. Yaad-rimeen gaa’ila kitaaba qulqulluu namoota dhuunfaa lama gidduutti tokkummaa ta’uu dha, sunis Kristoosiif waldaan Kristaanaa tokko ta’uu isaanii kan argisiisu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kitaabni qulqulluun waa’ee gaa’ilaa maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries