Gaa’ila isa dhumaa gochuu - furtuun isaa maalii dhaa?



Gaaffii: Gaa’ila isa dhumaa gochuu - furtuun isaa maalii dhaa?

Deebii:
Ergamaan Phaawulos jedha, haati manaan abbaan manaa ishee jireenyatti utuu jiru “kan hidhamte” ta’uu ishee (Rom. 7:2). As kan jiru qajeelfamni, abbaan manaan yookaan haati manaan du’uutu irra jira, hidhaan gaa’ilichaa diigamu dura. Kun abboomi Waaqayyooti, ta’us garuu hawaasni keenya amayyaa gaa’ila kan inni ittiin xumuru wal hiikuudhaan, harka dhibba keessaa 51 kan ta’u. Sana jechuun, “du’i hanga gargar nu baasuutti” jedhani kan kakatan walakkaan kakuu sana diiganiiru.

Hidhatni wal fuudhan maal gochuu danda’u, gaa’illi isaanii itti fufeenya kan qabuu ta’uu isaa mirkaneefachuuf? Kan jalqabaa fi baay’ee dhimmi faayida qabeessi Waaqayyoodhaa fi sagalee isaatiif abboomamuu dha. Qajeelfama kanaa dha gaa’ila dura bituun kan irra jiru. Waaqayyo jedheera, “lammanuu osoo wali hin galiin karaa deemuu danda’uu?” (Amos. 3:3). Amanaa haaraa dhalateef, kana jechuun walitti dhufeenya dhi’oo kan qabu amanaa hin taane eenyu wajjin gochuun akka irra hin jirredha. “Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatina! Qajeelinnii fi jal’inni maal walitti qabuu?” (2Qor. 6:14). Qajeelfama tokko kana yoo duukaa buunee booda irrratti gaa’ilaan kan dhufuu baay’ee kan laphee madeessuu fi rakkina irraa fayyisuu danda’a.

Qajeelfamni kan biraan, innis itti fufiinsa gaa’ilaa kan eeguu, abbaan manaan Waaqayyoof aboomamee haadha manaa isaa akka foon ofi isaatitti jaallachuu, fi eeguun akka irra jiraatuu dha (Efe. 5:25-31). Qajeelfamni cinaan haati manaan eeguun kan irra jiraatu Waaqayyoof abboomamuu fi abbaa manaa isheef abbomamuu akka irra jiraatu dha “Gooftaadhaaf akka godhamu” (Efe. 5:22). Dhiiraa fi dubartii gidduutti ga’iilli godhamu Kristoosii fi waldaa kristaanaa gidduutti walitti dhufeenya jiru kan argisiisuu dha. Kristoos waldaa kristaanaatiin mataa isaa kenneera, ni jaallatas, akka “misirichaa” ni eegas (Mul. 19:7-9).

Waaqayyo Heewaniin gara Addaamitti yeroo fidee gaa’ila jalqabaa, isheen kan isheen hojjetamte isa irraa “foonii fi lafee” dha (Um. 2:21). Isaaniis “foon tokko” ta’an (Um. 2:23-24). Foon tokko ta’uu jechuun, tokkummaa foonii olii dha. Isa jechuun walitti dhufeenya yaadaa fi lubbuuti dha, ramaddii tokko irraa. Walitti dhufeenyi kun qaama irraa yookaan dheebuu ba’uu miiraa irra darbee kan deemuu dha, gara addunyaa hafuuraatti “tokkummaa”, sun argamuu kan danda’u wal cina kan jiran lama Waaqayyoo fi wali wali isaaniitiif yoo bitaman qofaa dha. Walitti dhufeenyi kun “anaa fi kan koo” kan jedhu giddugaleessa hin godhatu, “nu’ii fi kan keenya” malee. Kunis isa tokkoffaa dhoksaa gaa’ila itti fufeenya qabuuti. Gaa’ila hanga du’aatti itti fufeenya akka qabaatu gochuun hidhatni lamaan dursa kennuufi dhimma isaan qabanii dha. Tokko Waaqayyoo wajjin gara olii kan jiru walitti dhufeenya qabatamaa yeroo godhuu, abbaa manaa fi haadha manaa gidduu kan jiru walitti dhufeenyi cinaani itti fufeenya akka qabaatuu gara godhuutti waabiitti geggeessa, fi kanaaf Waaqayyoon kan ulfeessu.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Gaa’ila isa dhumaa gochuu - furtuun isaa maalii dhaa?