settings icon
share icon
Gaaffii

waa'ee gaa'ela sanyii gara garaa gidduu Macaafni Qulqulluun maal jedha?

Deebii


Seerri Kakuu Moofaa gaa'ela sanyii gara garaa gidduutti akka hin taasifamne ni abbooma Seera Keessa Deebii 7:3-4). Haa ta'u malee, isa kanaaf sababa kan ture jalqaba sanyii hin turre. Inni kan amantaa ture. sababn Waaqayyo gaa'ela sanyii gara garaa gidduutti taasifamu dhowweef namoonni sun jarreen qomoo adda biraa ta'an kan waaqolii tolfamoo sobaa kan waaqessan waan ta'aniidhaaf. Israa'eelonni yoo jara warra waaqalii tolfamoo waaqessan ormoota kanaa wajjiin gaa'eelaan walitti hidhaman Waaqayyoon isaanii irraa gara galuu danda'u. qajeelfamni wal fakkaatus kakuu haaraa keessatti kaa'ameera, garuu sadarkaa adda addaa qaba. 'Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii fi jal'innni maal walittii qabaa? Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree?' (2 Qorontoos 6:14). Akkuma Israa'eelonni (Waaqayyo dhugaa tokkichatti amanaan) akka warra hin amanne akka hin fuune abboomaman. Gaaffii kana addaatti deebisuudhaaf, lakkii, Macaafni Qulqulluun gaa'elli sanyii gara garaa gidduutti taasifamu dogoggora hin jedhu.

Akka mootichi Maartiin Luuter kaa'etti, namni tokko akka amala isaa yookiinis akka amala isheetti itti faradama, halluu gogaa isaatiin miti. Jireenya kiristaanotaa keessatti qomoo yookiin sanyii irratti hundaa'uudhaan caalaatti jaallachuun iddoo hin qabu (Yaaqoob 2:1-10). Michuu barbaaduu irratti, kiristaanni yeroo hundumaa kan dursee barbaaduu kan kaadhimachuu yaade yookiin yaadde Yesuus Kiristoositti amanuudhaan kan lammee dhalatte yookiin lammee dhalate ta'uu barbaaduu qaba yookiin qabd (Yohaanis 3:3-5). Halluu gogaa utuu hin taane, amantiin Kiristoos irratti ta'e, sadarkaa kaadhima barbaaduu isa kan Macaafa Qulqulluuti. Gaa'illi sanyii gara garaa gidduutti taasifamu, waa'ee inni sirrii fi sirrii ta'uu dhiisuu isaa miti dhimmi barbaachisaan, garuu kan oogummaati, adda baafachuu fi kadhannaa.

Sababni inni tokkichi namoota sanyii adda addaa irraa gaa'eelaan walitti hidhaman kan irratti yaaduu qaban rakkinni namoota sanyi adda addaa irraa gaa'elaan walitti hidhaman keessa kan darban sabababni namoonni kan bira jara fudhachuun ulfaataa isaanitti ta'uu isaati. Kan sanyii adda addaa irraa gaa'eelaan walitti qabaman adda baafamuu fi ga'isamuun adda adda jara irra ga'uu danda'a. Namoonni sanyii adda addaa irraa gaa'eelaan walitti hidhaman rakkina adda addaa dabarsu yeroo ijoolleen isaanii gogaan isaanii maatii isaanii yookiin obboleewwan isaanii irraa halluu adda addaa qabaatan. Namoonni sanyii adda addaa irraa gaa'eelaan walitti hidhaman waa'ee dhimmoota kana yaada keessa galfachuun waa'ee kanaa qophii taasisuu qabu, utuu wal fuuchuudhaaf hin murteessin dura. Ammas egaa daangaan kirstaanni eenyuun qofa fuuchuu akka qabu kaa'ame inni kan fuudhu nama miseensa dhagana Kiristoos kan ta'e dha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

waa'ee gaa'ela sanyii gara garaa gidduu Macaafni Qulqulluun maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries