settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus araarsuuf bakka bu’ee du’uun isaa maaliidha?

Deebii


Namni hundinuu faramuun ykn bilisa ba’uun barbaachisaadha. Haaluma uumamaa keenyaatiin nuti hundi yakkamaadha. “Hundinuu yakkaniiru, ulfinni waaqayyoos isaanitti hirrateera”(Roomaa 3:23) jedha. Furiin Kiristoos yakka kanarraa bilisa nubaasa. “Isaanumti immoo ayyaana waaqayyoo isa karaa furii Yesus Kisistoos tola isaaniif kennameen, qajeelota hinta’u”(Roomaa 3:24) jedha.

Faayidaan furamuu ykn furii, jireenya bara baraa (Mul’ata 5:9-10), dhiifamuu cubbuu

(Efesoon 1:7), qajeelummaa (Roomaa 5:17), abaarsa seeraa jalaa bilisa ba’uu (Galaatiyaa 3:13), maatii Waaqayyootti dabalamuu (Galaatiyaa 4:5), garbummaa cubbuu jalaa bilisa ba’uu (Tiitoos 2:14; 1 Pheexiroos 1:14-18), Waaqayyoon nagaa argachuu(Qolosaayis 1:18-20), fi hafuura qulqulluu keessa jiraachuu (1Qorontos 6:19-20) faa nidabalata. Furamuun egaa, dhiifama argachuu, qulqullaa’uu, qajeelaa ta’uu, bilisa ba’uu, ioollee waaqayyoo ta’uu fi araara argachuudha. (Faarfannaa 130:7-8; Luqaas 2:38; fi Hojii Ergamootaa 20:28).

Jechi furuu ynk bilisa baaasuu jedhu jecha “bituu” jedhu wajjin walqabata. Jechi kun addatti garbi tokko bilisummaa isaa bitachuu wajjin walqatee ka’a. Jechu kun du’a Kirstos fannoo irratti godhes nimullisaa. Furamne ykn bilisa baane yoo ta’e duraan garbummaa keessa turre jechuudha. Waaqayyo bilisummaa keenya nuuf bitee jira jechuudha. Kana booda waanjoo cubbuu ykn seera kakuu moofaa keessa hin jirru. Hiika jedha “Furii” kana barsiisa Galaatiyaa 3:13 fi 4:5 keessatti ibsameera.

Yaada biraa furii ykn bilisa ba’uu kiristaanaa wajjin kan walqabatu jecha ‘beenyaa’ jedhudha.

Yesuus gatii kaffalee cubbuu keenyaa fi adabbii isaa jalaa bilisa nubaase (Maatewos 20:28; 1Ximotewos 2:6). Du’a isaa jireenya keenyatti jijjiire. Dhugumaan Caaffanni Qulqullaa’oon furamuun ykn bilisa ba’uun kan danda’amu “dhiiga Isaa” jechuunis du’a Isaatiin (Qolaasaayis 1:14) qofa akka ta’e ifatti kaa’ee jira.

Mootummaan waaqayyoo booji’amtoota duraanii qajeelummaa isaaniitiin utuu hintaane garuummmoo furamannin, dhiifama argatanii fi bilisa ba’aniin kan guutamedha. Garboonno cubbuu qulqulloota ta’aniiru. Knaaf weedduu haaraa waa’ee furaa ynk bilisa baasaa isa ajjeefameef yoo faarfanne nama hindhibu. (Mul’ata 5:9). Waaqayyo nu furuuf ynk bilisa nubaasuuf gatii kaffaleera. Kunis garbummaa cubbuu jalaa bilisa taanee bu’aa cubbuu isa bara baraa jalaa bilisa nubaase.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Hiikni furii kiristaanaa maalinni?
© Copyright Got Questions Ministries