Firdin teessoo adii guddaa maalii dhaa?



Gaaffii: Firdin teessoo adii guddaa maalii dhaa?

Deebii:
Firdiin teessoo adii Mul’ata 20:11-15 irratti ibsameera, innis seera raawwii firdii dhumaati, warri badan gara galaana abiddaatti kan gataman. Mul’ata 20:7-15 irraa akka hubanuutti, firdiin kun kan inni godhamuu bara waggaa kumaa booda, akkasuma seexanni, bineensichi, fi raajichi sobaan gara galaana abiddaatti erga gatamanii booda (Mul’ata 20:7-10). Macaafni hiikaman (Mul’ata 20:12) tokkoon tokkoon hoji namaa qabataniiru, gaariis ta’e yookiis hamaa.

Waaqayyo wanta hundumaa beekuu isaa irraa kan ka’e, kan jedhamee, kan godhame, yookaan kan yaadame illee yoo ta’e, inni ni badhaasa yookaan ni adaba, tokkoon tokkoon haaluma sanaan (Faru. 28:4, 62:12, Rom. 2:6, Mul. 2:23, 18:6, 22:12).

Akkasumas yeroo kanatti, kitaabni biraan ni banama, “kitaaba jireenya” kan jedhamuu (Mula’ta 20:12). Kitaaba kana kan murteessuu, namni dhuunfaan sun Waaqayyoo dhaa wajjin jireenya bara baraa kan itiin dhaalu yookaan adaba bara baraa galaana abiddaatti kan itiin fudhatu. Ammam illee kiristaanonni gochaa isaaniitiin yoo itti gaaffataman iyyuu, Kristoosiin dhiifamni ta’eeraaf, kanaafis maqaan isaanii barreeffameera “kitaaba jireenyaa irratti, uumama biyya lafaatii kaasee” (Mul’ata 17:8). Qulqulluu sagalee isaa irraa akka hubanuutti firdii kana irratti, warri du’an “akka hojii isaanitti kan itti faradamu” (Mul’ata 20:12) akkuma kana “maqaan nama kamii iyyuu” innis kitaaba jireenya irratti kan hin barreeffamiin” “gara galaana abiddaatti gadi darbatama (Mul’ata 20:15).

Nama hundumaa irratti firdii dhumaa laata dhugaan jedhuu, amantootas ta’e warra hin amanin, ifatti mirkanaa’eera, qulqulluu sagalee isaa keessaa dubbifamni heedduun. Tokkoon tokkoon namaa guyyaa tokkoo Kristoos dura nii dhaabata, waa’ee hojii isaatiif yookaan hojiin isaa itti farada. Firdii teessoo guddaa isa adii firdii isa dhumaa ta’uun isaa baay’ee ifaa ta’uu iyyuu, kiristaanoonni wali galtee hin qaban, firdii isa biraa irraa, kitaaba qulqulluu irratti kan eeramanii wajjin akkamitti akka wali wajjin deemu, keessumatti eenyu firdii teessoo adii guddaa duratti akka itti faradamu.

Kiristaanonni tokko tokkoo kan isaan amanan, qulqulluun sagalee isaa kan inni mul’isuu firdiin gara garaa sadii akka dhufanii dha. Inni jalqabaa firdii hoolotaa fi re’ootaati yookaan firdii ormootaa (Mat. 25:31-36). Kunnis kan inni ta’uu Yeroo rakkinaa booda yeroo ta’uu, waggaa kuma sana ni dursa, kaayyoon isaas eenyu gara mootummaa waggaa kuma sanatti akka galuu murteessuu dha. Inni lammaffaa firdii hoji amantootaati, yeroo hundumaa kan eeramuu kan “teessoo firdii Kristoos [bema]” dha (2Qor. 5:10). Firdii kanaan kiristaanonni hojii isaaniitiif yookaan Waaqayyoof tajaajila godhaniin badhaasa gonfoo fudhatu. Inni sadaffaan firdii teessoo guddaa adiiti, dhuma waggaa kumaatti (Mul’ata 20:11-15). Kun firdii warra hin amaniniiti, isaanis akka ga’ee hojii isaanitti kan itti faradamu galaana abiddaatti adaba bara baraa kan irratti fudhatamu.

Kristaanonni kan biroon kan isaan amanan firdiin sadan kun waa’ee firdii dhumaati, waa’ee firdii adda addaa sadii osoo hin taane. Ibsa biraatiin, firdii teessoo guddaa adii, Mul’ata 20:11-15 irratti amantootaa fi kan hin amaniin bifa wal fakkaataadhaan kan itti faradu. Maqaan isaanii macaafa jireenyaa irratti kan argaman isaan hojii isaaniitiin itti faradama, waa’ee isa fudhatan yookaan badhaasa dhabaniif murteessuuf. Maqaan isaanii kitaaba jireenyaa irra kan hin jiree isaan hojii isaaniitiin isaanitti faradama, galaana abiddaatti waa’e sadarkaa adabaa fudhatanii murteessuudhaaf. Ilaalcha kana kan qabatan kan isaan amanan Mat. 25:31-46 ibsa biraadha, firdii teessoo adii guddaa duratti maal akka raawwatamu. Dhugaa isaan argisiisan, bu’aa firdii kanaa Mul’ata 20:11-15 irratti kan jiru firdii teessoo guddaa adiitti fufee kan mul’atuu wajjin wal fakkaataa dha. Hooliitni (amantootni) gara jireenya bara baraatti galu, re’oonni (kan hin amaniin immoo gara “adaba bara baraatti” gatamu (Mat. 25:46).

Waa’ee firdii teessoo guddaa adii eenyu iyyuu ilaalcha barbaadee yoo qabatees, faayida qabeessa kan ta’uu waa’ee isa dhufuu (harma) dhugaa firdii kan ilaalatee raawwatee ilaalcha dhabuu hin qabu. Duraan dursee, Yesuus Kristoos abbaa firdii ta’aa, warri hin amanne hundumtuu Kristoosiin itti faradama, akkasumas akka hoji hojjetaniitti adabamu. Kitaabni qulqulluun baay’ee ifaa dhaa, warri hin amannee mataa isaanii irratti dheekamsa akka walitti qaban (Rom. 2:5) Waaqayyos “tokkoon tokkoon namaatiif hanga waan inni hojjeteetti kennaaf” (Rom. 2:6). Amantootni immoo Kristoosiin itti faradama, haa ta’uu malee tolli Kristoos sababa nutti darbeef maqaan keenya galmee jireenyaa irratti galmeefamuu isaatiin, ni badhaafamna malee hin adbamnu, akka hojii keenyaatti. Roomee 14:10-12 akka jedhuutti hundumtii keenya teessoo firdii Kristoos dura ni dhaabbana, akkasumas tokkoon tokkoon keenya Waaqayyoodhaaf deebii laanna.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Firdin teessoo adii guddaa maalii dhaa?