settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus araarsuuf bakka bu’ee du’uun isaa maaliidha?

Deebii


Fayyinni keenya bara baraan kan mirkanaa’e yoo ta’e, Macaafni Qulqulluun gantummaa irraa maaliif akkas cimsee akeekkachiisa?

Deebii: Macaafni Qulqulluun namni humna hafuura qulqulluutiin lammata dhalate hundinuu fayyina bara baraan akka argatu barsiisa. Kennaa fayyina bara baraa (Yohaannis 10:28) arganna malee jireenya yeroof kennamu miti. Namni lammata dhalate (Yohaannis 3:3), deebi’ee “kan hin dhalanne” ta’uu hin danda’u. Maatii Waaqayyoo keessatti erga guddifanmnee booda (Roomaa 8:15), deebinee hin ari’amnu. Waaqayyo hojii tokko yommuu jalqabu ni xumura (Filiphisiiyus 1:6). Kanaaf, mucaan Waaqayyoo—kan Yesus Kiristoositti amanu—fayyina isaa keessatti bara baraan nageenya qaba.

Haataʼu malee, Macaafni qulqulluun gantummaa irratti akeekkachiisa cimaa tokko tokkos of keessaatti qabateera. Akeekkachiisni kun namoota tokko tokko barsiisa waa’ee fayyina bara baraa akka shakkan isaan taasiseera. Hundumaa ol, fayyina keenya dhabuu yoo dandeenye,maaliif waaqayyo irraa fagaannee akka hinkufne akeekkachiifamna? Kun gaaffii gaarii dha. Jalqaba, “gantummaa” jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuu qabna.

Gantuun nama amantii isaa dhiise jechuudha. Gantoonni namoota Yesus Kiristoositti amanuu isaanii afanniin himanu garuu dhugaadhaan akka fayyisumma issa fudhatanii hin beekne ta’uu isaanii Macaafni Qulqulluu nidubbata. Isaan warra amantoota of fakkeessani dha. Warri Kiristoos irraa garagalan jalqaba irratti dhugumaan isatti amanatanii hin beekan. Akkuma 1 Yohaannis 2:19 jedhu, “Isaan nu keessaa ba’an malee, kan keenya miti; utuu kan keenya ta’anii nuwajjin itti hinfufu turani. Garuu isaan hundinuu kankeenya akka hinta’in haa mul’atuuf nu keessaa ba’an.’’ Warri gantoota amantii isaanii ganan amantoota dhugaa akka hin taaneefi jalqabumayyu gonkumaa amantoota akka hinturre agarsiisa.

Fakkeenyi Qamadii fi Inkirdadaa (Aramaa) (Maatewos 13:24–30) fakkeenya akka salphaatti gantummaa agarsiisudha. Lafa tokko irratti qamadii fi “qamadii sobaa” (Inkirdaada ykn aramaa) facaasanii turan. Jalqaba irratti garaagarummaan gosoota biqiltootaa lamaan gidduu jiru kan hin mul’anne yoo ta’u, yeroo booda keessa garuu haalli aramichaa mullachaa deeme. Haaluma walfakkaatuun, har’a waldaa kiristaanaa keessatti, amantoonni dhugaa, kan lammata dhalatan akkauma jiran warri fakkeessani, kan ergaawwan afuraa, muuziqaa fi gumii waldaa sanatti gammadan garuu cubbuu isaaniitti gaabbaniii amantiidhaan Kiristoosiin fudhatanii hin beeknes jiru. Nama ilaalu kamiifuu warri dhugaadhaan amananii fi warri fakkeessituun tokko fakkaatu. Garaa laphee namaa kan arguu danda'u Waaqayyo qofadha. Maatewos 13:1–9 (Fakkeenya Namicha sanyii facaasu) fakkeenya biraa gantummaa hojiidhaan agarsiisudha.

Sbabni Macaafni Qulqulluun gantummaa irratti akeekkachiisa kenneef namoonni amantii gosa lama waan ta’aniif. isaanis warra amanii fi warra hin amanne. Waldaa kamiyyuu keessatti warri dhuguma Kiristoosiin beekaniifi sochii kana keessa darbaa kan jiran jiru. Maqaa “Kiristaana” jedhu qabaachuun laphee namaa jijjiiruuf wabii hin ta’u. Osoo lapheetti hinfudhatin dubbicha dhaga’uun, dhugaa isaa irratti ilee walii galuun ni danda’ama. Waldaa dhaquun, tajaajila keessatti hirmaachuun fi Kiristaana ofiin jechuun ni danda’ama ta’a. Ammas garuu fayyuu dhabuun ni jira (Maatewos 7:21–23). Akkuma raajichi jedhe, “Sabnii kun afaan isaatiin ulfina anaaf hinkenna, garaan isaa garuua anttii baayyee fagoodha.” (Isaayaas 29:13; Maarqos 7:6).

Waaqayyoo fakkeessitoota taa’umsa waldaa keessa taa’aii sanbata sanbata sagalee waaqayyoo dhaggeeffatn ibiddaan akka taphataa jiran akkeekkachiisa. Dhuma irratti namoonni fakkeesitoonni waaqayyoon niganu. Kana jechuunis amantii yeroo tokko dubbate irraa ‘ni kufa’—yoo qalbii hin geddarre ta’e. Akkuma aramaa qamadii sana keessaa eenyummaani isaa inni dhugaan ni mul’ata.

Kutaaleen waa’ee gantummaa akeekkachiisan kaayyoon isaanii waan gudguddaa lamaafi. 1ffaa, namni hundinuu fayyina isaa irratti mirkanaa’aa akka ta’u gorsu. Hireen fayyina bara baraa nama tokkoo dhimma salphaa miti. Phaawulos 2 Qorontos 13:5 irratti amantii keessa jiraachuu fi dhiisuu keenya akka of qorannu nutti hima.

Qormaanni amantii dhugaa tokko jaalala walii waliif qabanidha (1Yohaannis 4:7–8). Kan biraan immoo hojii gaarii hojjechuudha. Namni kamiyyuu Kiristiyaana ta’uu isaa dubbachuu danda’a ta’a garuu warri dhugumaan fayyan “firii” ni godhatu. Kiristaanni dhugaan, dubbii, gochaa fi amantii isaatiin gooftaa hordofuu isaa ni agarsiisa. Kiristaanonni sadarkaa abboomamummaa isaanii fi kennaa hafuuraa isaanii irratti hundaa’uun sadarkaa adda addaatiin firii ni godhatu, garuu kiristaanonni hundinuu akkuma hafuurri isaan keessatti biqilchetti firii ni godhatu (Galaatiyaa 5:22–23). Akkuma hordoftoonni Yesus Kiristoos dhugaa fayyina isaanii arguu danda’an (1 Yohaannis 4:13 ilaali), gantoonni dhuma irratti firii isaaniitiin (Maatewos 7:16–20) yookaan hanqina isaaniitiin (Yohaannis 15:2) ni beekamu

Kaayyoon inni 2ffaan akeekkachiisni Macaafni Qulqulluun waa’ee gantummaa irratti kennu waldaan gantoota akka adda baasuuf dandeessuufi. Isaanis Kiristoosiin ganuu, barsiisa sobaa amanuu fi fedha fooniitiin beekamu. (2 Phexros 2:1–3).

Kanaaf akeekkachiifni macaafni qulqulluu waa’ee gantootaa ilaalchissun kenne, warra maqaaf ‘Amantaa’ qabna offin jedhanii garuummoo gonkumaa amanataa qabaatanii warra hinbeekne akkeekkachisuufi dha. Caaffanni qulqulluun akka Ibroota 6:4–6 fi Ibroota 10:26–29 irratti kaa’een ‘Fakkeessitoonni’ utoo yeroon itti hindarbin yeroon of ilaaluu akka qaban akeekkachiisa.

Akkaataa Maatewos 7:22–23 irratti caafameen, “amantoota fakkeessituu” kan gooftaan guyyaa firdii isaanitti faradu waan isaan “amantii dhabaniif” osoo hin taane gooftaan gonkumaa waan isaan hin beekneef akka gatamaniidha. Isaan siluma waaqayyo waliin hariiroo qabaatanii hin beekan.

Namoonni baayyen waan amantiif jecha amantii kan jaallatan jiru. Yesuus fi waldaa wajjin adda of baasuuf kan fedhii qaban. Jireenya bara baraa fi eebba eenyutu hin barbaadu? Haa ta’u malee, Yesus “gatii” duuka bu’ummaa akka lakkoofnu nu akeekkachiisa (Luq 9:23–26; 14:25–33). Amantoonni dhugaan baasii fi gatii isaanii lakkaa’anii murteessaniiru; gantoonni kana gochuu dadhabu. Gantoonni yeroo tokkotti amantii akka qaban himatu garuu amantii sanaan hinjiraatani. Afaan isaanii waan isaanii itti amane dhiisee waan biraa dubbata. Gantummaan fayyina dhabuu osoo hin taane ragaa jireenya fakkeessummaa darbeeti.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Fayyinni keenya bara baraan kan mirkanaa’e yoo ta’e, Macaafni Qulqulluun gantummaa irraa maaliif akkas cimsee akeekkachiisa?
© Copyright Got Questions Ministries