settings icon
share icon
Gaaffii

Kitaabni qulqulluun waa’ee fayyinaa maal jedha?

Deebii


Isa. 53:5 irra deebiin 1Phex. 2:24 kan eerame dhimma fayyinaaf luqisii furtuu dha, ta’us garuu yeroo baay’ee hubannaa dogogoraan bakka malee dha hojii irra kan inni oolu. “Cubbuudhaaf duunee qajeelinaaf haa jiraannu, inni ofii isaa foon isaan cubbuu keenya muka irratti baate, madaa reebamuu isaan fayyitan.” “Fayyitaniitu” jechi jedhu hiikii isaa kan hafuuraa yookaan kan qaamaa ta’uu danda’a. Ta’us garuu Isa. 53 fi 1Phex. 2:24 ifa kan inni nuuf godhu fayyina hafuuraa akka ta’ee dha. “Cubbuudhaaf dune qajeelinaaf ha jiraanuu, inni ofii isaa cuubbuu foonii keenya muka irratti baate, madaa reebamuu isaan fayyitan.” Kanaaf “Fayyitaniitu” kutaa lammanuutti kan inni dubbatu waa’ee dhiisuu fi waa’ee fayyuutti malee waa’ee fayyina qaamaa miti.

Kan biraan kitaabni qulqulluun kallattiidhaan fayyina qaamaati fi fayyina foonii wajjin walitti hin hidhamu. Yeroo tokko tokkoo namoonni Yesus Kristoositti yeroo amanan fayyina foonii ni fudhatu, kun garuu yeroo hundaa ta’uu dhiisuu danda’a. Yeroo tokko tokkoo fayyuudhaaf fedha Waaqayyoo ta’a yeroo tokko tokkoo immoo ta’uu dhiisuu danda’a. Ergamaa Yohaannis duraa duuba sirrii nuuf kaa’a, “Isa biratti ija jabina qabnuu kana dha, akka fedha keetti waan tokkoo illee yoo kadhannee nuuf dhaga’a. waan nu kadhannuu hundumaas akka nuuf dhaga’uu osoo beekne kadhata isa irraa kadhanne akka fudhanneetti beekna.” (1Yoh. 5:14-15). Waaqayyo har’as waan ajaa’ibaa ni godha, har’as namoonni ni fayyu. Dhukkubni dhiphisaan waantoota addunya kana irra jiranii dha. Yesuus deebisee hanga hin dhufneetti lafa kana kan jiran ni du’u kan du’aan keessaa baay’een isaanii kirstaanoota dabalatee qaama isaanii irratti rakkoo mudatuun (dhukkuba dhiphinaa fi madaa). Fayyina foonii nuuf gochuun yeroo hundumaa fedha Waaqayyoo miti.

Xumura irratti kan keenya guutuu kan ta’ee fayyinni qaamaa waaqa irratti nu eegaa jira. Waaqa irra achi dhukkubni hin jiru dhukkubni dhiphinnii gad deebi’uun du’ii hin jiru (Mul. 21). Hundi keenya addunyaa kanatti haalawwan qaamaa foonii caalaa jireenya hafuuraa keenyaaf baay’ifnee dhiphachuutu nurra jiraata (Rom. 1:1-2). Xiyyaafannoo laphee keenyaa waaqa irra kan jiru irra gochuun biyya lafaa irra osoo jiru ha dhiphannu. Mul. 21:4 dhugaa kan ta’e hundii keenya yaaduun kan nurra jiraatu fayyina nutti hima:- “Immimaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa, duuni sichi asitti hin ta’u, gaddis yoo ta’ee iyyii yookaan dhiphinnii egaa si’achii hin ta’u, seerri duraanii darbeera jedhee osoo dubbatuun dhaga’e.”

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kitaabni qulqulluun waa’ee fayyinaa maal jedha? Wareegamuu Yesus Kristoos keessa fayyinni jiraa?
© Copyright Got Questions Ministries