settings icon
share icon
Gaaffii

Gara fayyinaatti karaan warra Roomaa maali?

Deebii


Gara fayyinaatti karaan warra Roomaa karaa waraabbiilee kitaaba Ergaa Roomaa keessaatti gargaaramuun ergaa fayyina gaarii ibsanidha. Inni salphaadha garuu fayyinni maaliif akka nu barbaachisu mala humnaan guutuu ta'een kan ibsudha, Waaqayyo akkamiin akka qopheesse, fayyina akkamiin akka fudhannu, akkasuma bu'aan fayyinaa maal akka ta'an.

Waraabbiin jalqabaa karaa warra Roomaa gara fayyinaattii Roomaa 3:23 dha. 'Hundinuu yakkaniiru hulfinni Waaqayyoos isanitti hir'ateera.' Hundumti keenya cubbuu hojjenne. Hundumti keenya hojii Waaqayyoon hin gammachiifne hojjenne. Kan mudaa hin qabne eenyu iyyuu hin jiru. Roomaa 3:10-18 cubbuun jireenya keenyaa keessatti maal akka fakkaatu fakkii gad-fageenya qabu nuuf kenna. Waraabbiin inni lammaffaan karaa warra Roomaa gara fayyinaattii, Roomaa 6:23 kan nu barsiisu gatii cubbuuti- 'Beenyaan nama cubbuu hojjetu du'a; kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraati.' Adabbiin gatii cubbuu keenyaa fudhachuun nuuf ta'u du'a. Du'a foonii miti, garuu du'a barabaraati.

Waraabbiin inni sadaffaan karaa warra Roomaa gara fayyinaattii Roomaa 6:23 irraa isa hafeedha. 'kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraati.' Roomaa 5:8 akkastti dubbata, 'Waaqayyo garuu utuma nuyi cubbamoota taanee jirru, Kiristoos nuuf du'uu isaatiin ammam akka nu jaallate ni agarsiisa.' Yesus Kiristoos nuuf du'e! duuti Yesus cubbuu keenyaaf gatii kaffaleera. Du'aa ka'uun Yesus Waaqayyo du'a Yesus cubbuudhaaf gatii baasuu akka ta'etti fudhachuu isaa ragaasisa.

Sadarkaan inni afuraffaan karaa warra Roomaa gara fayyinaattii Roomaa 10:9 dha, 'Yesus gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du'aa akka isa kaasemmii garaa keetti amante fayyina bara baraa ni argatta.' Sababa du'a Yesus bakka keenyaatiif, hundikeenya kan raawwachuu qabnu isatti amanuudha, duuti isaa cubbuu keenyaaf kaffaluuf akka ta'e amanuun- kanaaf nuyis ni fayyina! Roomaa 10:13 irra deebi'uun akkas jedha, 'Namni maqaa gooftaa waammatu hundinuu ni oola.' Yesus gatii cubbuu keenyaa kaffaluudhaaf du'e du'a bara baraa irraas nu baraare. Fayyinni, dhiifamuun cubbuu, namoota Yesus Kiristoos akka Gooftaa fi Fayyisaa isaaniitti amanan kamiifuu kan qophaa'eedha.

Kutaan inni xumuraa karaa warra Roomaa gara fayyinaattii bu'aa fayyinaati. Roomaa 5:1 ergaa dinqisiisaa qaba, 'Kanaaf amantiidhaan qajeelota erga taanee, gooftaa keenya Yesus Kiristoosiin Waaqayyo biratti nagaa qabna.' Karaa Yesus Kiristoos Waaqayyoo wajjin walittidhufeenya nagaa qabaachuu dandeenya. Roomaa 8:1 nu barsiisa akkas jedhee, 'Egaa amma firdiin warra Yesus Kiristoositti qabamanii jiraanitti faradamu tokko illee hin jiru.' Sababa du'a Yesus bakka keenyaa, cubbuu keenyaaf nutti hin faradamu. Xumura irratti, Roomaa 8:38-39, irraa abdii gati jabeessa kana qabna, 'Duuni jireenyi, ergamoonni Waaqa irraa warrii bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, waanti amma jiru , waanti dhufuuf jirus hundinuu, waanti humna agarsiisuu danda'us, waanti ol ka'ee jirus, waanti gadi fagaatee jirus, uumama keessaa waanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kiristoos Yesus nuuf dhufetti danda'ee gargar nu hin baasu.'

Fayyinaaf karaa warra Roomaa kana irra bu'uu barbaaddaa? Egaa, kadhannaan salphaan ati gara Waaqayyootti kadhattu kunooti. Kadhannaan kana kadhachuun karaa ati amantii kee isa irratti qabdu Waaqayyotti agarsiiftu dha fayyina siif qopheessuu isaatiif. Jechoonnni mataan isaanii si fayyisuu hin danda'an, amanttii ati Yesus Kiristoos irratti qabdu duwwaatu fayyisa siif argamsiisa! 'Waaqayyo, ani sirratti akkan cubbuu hojjedhe fi adabbiin akka naaf ta'u nan beeka. Garuu Yesus Kiristoos adabbii anaaf ta'u fudhateera kanaaf araara argachuu nan danda'a. gargaarsa keetiin fayyinaaf amantii koo sirratti nan godhadha! Ayyaana kee fi araara kee dinqisiisaadhaaf sin galateeffadha ' kennaa jireenya barabaraatiifs! Ameen!

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa 'An har'a Kiristoosiin simadheerra' jedhu tuqi.
English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Gara fayyinaatti karaan warra Roomaa maali?
© Copyright Got Questions Ministries