settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus araarsuuf bakka bu’ee du’uun isaa maaliidha?

Deebii


Cuuphaa haaromsuun namni tokko fayyuuf cuuphamuu qaba jedhanii amanuudha.

Cuuphaan fayyinaaf barbaachisaa ta’uun isaa falmisisaa ta’us, ajajamuu kirstaana tokkoof tarkaanfii barbaachisaadha. Kiristanni tokko cuuphaa bishaanii gochuu akka qabu cimsinee amanna. Cuuphaan, du’a, awwaalchaa fi du’aa ka’uu Kiristoos mullisa. Roomee 6:3-4 akkas jedhee labsa, “Yookiis nuyi warri kiristoos Yesuusitti dabalamuudhaaf cuuphamne, du’a isaattis isatti dabalamuudhaaf akka cuuphamne hin wallaaltaniire? Nuyi cuuphamuudhaan du’a isaatti isatti dabalamnee isaa wajjin awwaalamneerra.” Taateen bishaan keessatti cuuphamuu Kiristoos du’uu fi awwaalamuu isaa kan agarsiisu yommuu ta’u, bishaan keessaa ba’uun immoo du’aa ka’uu Kiristoos agarsiisa. Yeesuu Kiristoositti amanuudhaan fayyina aragamuun alatti dabalataan fayyinni argamu fayyina hojii irratti hundaa’edha. Waan wangeelli jedhuun alatti amanuun duuti Yesus fannoo irratti du'e fayyina argachuuf gahaa hin turre jedhanii amanuu dha.

Fayyina argachuuf cuuphamuu qabna jechuun du'a Kiristoos fayyina keenyaaf du’e gahaa taasisuuf hojii gaarii hojjechuu fi waaqayyoof ajajamuun barbaachisaadha jechuu dha. Du’a Yesus qofatu aarsaa cubbuu keenyaaf kaffalame dha (Roomaa 5:8; 2Qorontoos 5:21). Kaffaltiin Yesus cubbuu keenyaaf godhe “Herreega” keenya kan amantii qofaan madaalamudha (Yohaannis 3:16; Hojii Ergamootaa 16:31; Efesoon 2:8-9). Kanaaf cuuphaan abboommii fayyina keenya booddee raawwatamudha malee ulaagaa fayyinaa ta’uu hindanda’u.

Dhugaadha caaffanni kitaaba qulqulluu tokko tokko cuuphaan fayyina keenyaaf akka barbaachisaa ta’etti fakkeessanii mullisan jiru. Haa ta’u malee, Macaafni qulqulluun fayyinni amantii qofaan akka argamu ifatti waan nutti himuuf (Yohaannis 3:16; Efesoon 2:8-9; Tiitoos 3:5), caafannoonni kun hiika adda ta’e qabu jechuudha. Kitaabni qulqulluun wal hinfaalleessu. Bara Macaafa Qulqulluutti namni amantii tokko irraa gara amantii biraatti jijjiiramuu isaa mullisuuf cuuphama ture.

Cuuphaan mala murtoo tokko ummataaf ifa gochuu dha. Warri cuuphamuu didan dhugaan hin amanne jechuudha. Egaa, yaada ergamootaa fi duuka buutota jalqabaa keessatti yaadni namni amanee garuu hincuubame jira jedhamee hinyaadamu ture. Kanaaf namni tokko, namni kiristoositti nan amana jedhu tokko garuu amantii isaa namoota duratti labsuuf yoo qaanaʼu, durumayyuu amantii dhugaa akka hin qabne argisiisa.

Fayyinaaf cuuphaan barbaachisaa yoo ta’e, Phaawuloos maaliif “Kiristoosii fi Gaayoos malee isin keessaa nama tokkollee bagan hincuuphin” (1Qorontoos 1:14) maaliif jedharee? “Kiristoos wangeela akkan lallabuuf na’erge malee akkan cuuphu ana hin ergine, fannifamuun Kiristoos ulfina isaa akka argattuttan lallabe malee, fannoo isaa salphachiisuudhaaf oogummaa namaatiin hinlallabne” (1Qorontoos 1:17) jedhee kan ture maaliifere?

Dhugaadha, kutaa kana keessatti Phaawulos qoqqoodinsa waldaa Qoronxos dhiphise mormaa jira. Haa ta’u malee, Phaawuloos utuu fayyinaaf cuuphaan barbaachisaa ta’eeti, “Ani hin cuuphamne...” ykn “Kiristoos akkan cuuphamuuf na hin ergineef...” jechuu akkamitti danda’a? Yoo cuuphaan fayyinaaf barbaachisaa ta’e, Phaawuloos jecha isaa keessatti, “Isin fayyuu dhabuu keessaniif nan galateeffadha...” fi “Kiristoos akkan fayyisuuf waan ana hin ergineef...” jedha ture. Silaati haasaankun haasaa Phaawuloos jechuuf hinmalle ture.

Dabalataanis, Phaawuloos wanta wangeelli jedhu yeroo ibsu (1Qorontoos 15:1-8), maaliif waa’ee cuuphaa utuu hinkaasin bira barba? Cuuphaan fayyinaaf ulaagaa barbaachisaa yoo ta’e, akkamitti kutaa wangeelaa keessatti bakka tokkotti utuu hinibsamin hafuu danda’a?
Cuuphaa haaromsuun yaada macaafa qulqulluu miti. Cuuphaan cubbuu irraa osoo hin taane qalbii hamaa irraa nama fayyisa. 1 Pheexiroos 3:21 irratti Pheexiroos waa’ee cuuphaa yeroo barsiisu, cuuphaan gocha sirnaan qaama qulqulleessuuf raawwatamu osoo hin taane, waadaa qalbii gaarii qaabaachuuf Waaqayyoof galamudha.

Cuuphaan fakkeenya wanta duraan qalbii fi jireenya nama Kiristoosiin akka fayyisaatti amane tokko raawwatudha (Roomaa 6:3-5; Galaatiyaa 3:27; Qolosaayis 2:12). Cuuphaan tarkaanfii barbaachisaa abboomamummaa Kiristaanni hundi fudhachuu qabudha. Cuuphaan garuu fayyinaaf ulaagaa ta’uu hin danda’u. Akkas gochuun du’aa fi du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoos fayyina keenyaaf gahaa dha amantaa jedhu mormuudha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Fayyinaaf cuuphaan barbaachisaadhaa? Haaromsi Cuuphaa maali?
© Copyright Got Questions Ministries