settings icon
share icon
Gaaffii

Hafuurri Qulqulluun eenyu dha?

Deebii


waa'ee eenyummaa Hafuura Qulqulluu yaada dogoggoraa heedduutu jiru. Kaan Hafuurri Qulqulluun humna hafuuraa akka ta'etti yaadu. Kaan immo Hafuurri Qulqulluun Waaqayyo warra Kiristoosiin hordofaniif kan kennu humna dhuunfaa akka ta'etti hubatu. Macaafni Qulqulluun waa'ee eenyummaa Hafuura Qulqulluu maal jedhaa? Salphaatti, Macaafni Qulqulluun Hafuura Qulqulluu Waaqayyo dha jedhee labsa. Macaafni Qulqulluun Hafuurri Qulqulluun eenyummaa waaqayyumma akka qabu, sammuu mataa isaa kan qabu, miiraa fi fedha ofii isaa kan qabu akka ta'etti nutti hima.

Dhugaan Hafuurri Qulqulluun Waaqayyo ta'uu isaa caaffata qulqullaa'oo baay'ee keessatti ifatti mul'ateera, Hojii Ergamootaa 5:3-4 dabalatee. Anaaniyaasiin yeroo inni Hafuura Qulqulluu maaliif akka sobe isatti himame 'ati namoota sobde miti garuu Waaqayyoon sobde malee' ittiin jedhame. Hafuura Qulqulluu irratti sobuun Waaqayyo irratti sobuu ta'uu isaatiif hima ifa ta'edha. Dabalataanis Hafuurri Qulqulluun Waaqayyoon akka ta'e beekuu daandeenya sababni isaas inni amala Waaqayyoo qaba. Fakkeenyaaf, inni bakka hundumaatti argamuun isaa Faarsaa 139:7-8,irratti mul'ateera, 'Hafuura kee duraa eessan dhaqa? Fuula kee duraas eessattan baqadha? Bantii waaqaatti yoon ol ba'e ati achi jirta! Iddoo lafa jalaa keessa yoon ciises ati achittis immo ni argamta' Achumaan 1 Qorontoos 2:10-11 keessatti, amala hunda beekuu isaa ilaalla'Waaqayyo garuu Hafuura Qulqulluudhaan isa kana nutti mul'ise; Hafuurri Qulqulluun waan hundumaa, yaada Waaqayyo isa gad fagoo iyyuu qoree bira ni ga'a. waan yaada namaa keessa jiru, hafuuruma namicha keessa jirutu beeka malee namni biraa beekuu hin danda'u akkasuma Hafuura Waaqayyoo malee eenyu illee yaada Waaqayyoo hin hubatu.'

Hafuurri Qulqulluun dhugumaan eenyumma Waaqayyummaa akka qabu beekuu dandeenya sababni isaa inni sammuu qaba, miiraa fi fedha. Hafuurri Qulqulluun ni yaada ni beekas, (1 Qorontoos 2:10). Hafuurri Qulqulluun ni gadda (Efeesoon 4:30). Hafuurri nuuf kadhata (Roomaa 8:26-27). Akka fedhii isaatti murtoo taasisa (1 Qorontoos 12:7-11). Hafuurri Qulqulluun Waaqayyodha, Sadan Waaqayyoo tokkicha keessa isa sadaffaa. Akka Waaqayyotti, Hafuurri Qulqulluun akka jajjabeessaa fi akka gorsaatti hojjechuu akka danda'utti Yesuus waadaa galeera (Yohaannnis 14:16, 26, 15:26).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Hafuurri Qulqulluun eenyu dha?
© Copyright Got Questions Ministries