settings icon
share icon
Gaaffii

Duuka buutoonni kudha laman eenyuuffaa turan/ergamoota Yesus Kristoos turanii?

Deebii


“Duuka buutuu” jechi jedhu barataa yookaan duuka bu’aa kan jedhu argisiisa. “Ergamaa” jechi jedhu kan ergamee jedhuu dha. Yesus lafa irratti yeroo tureetti duuka buutonni isaa kudha laman duuka buutota jedhamu turan. Duuka buutonni kudha laman Yesus Kristoosiin duukaa bu’an isa irraa baratani isaanis kan leenji’an turan. Duuka buutonni kudha laman Yesus Kristosiin duuka bu’an isa irraa kan baratan isaanis kan leenji’an turan. Du’aa ka’uu fi butamuu Yesus booda Yesuus dhuga-baatuu akka ta’aniif duuka buutoota isaan erge (Matt. 28:18-20, HoE. 1:8).

Duuka buutoota kudha laman jedhamani eeraman. Ta’us garuu Yesus Kristoos yeroo lafa irra tureetti “Duuka buutu” kan jedhuu fi “Ergamaa” kan jedhuu fi “Ergamaa” jecha jedhu jijjiruuf faayidaa irra ni oola ture. Duuka buutonni sirriin kudha laman yookaan ergamoonni Matt. 10:2-4 eerameera (Maqaan ergamoota kudha lamaa kana dha, jalqaba irratti Pheexiroos kan jedhame obbollessa Simi’oon Indiriyaas, mucaa Zebdihoos Yaaqoob obbollessa isaa Yohannis,Filliphos, Bertelomewos, Tomas, Matihoos isa qaraxa muruu, mucaa Ilfiyos Yaaqoob Tadewos kan jedhame Libdiyos, Simoon isa Qaanaa dabalataanis dabarsee kan kennee Yihuuda Asqoor.” Kitaabni qulqulluun dabalataan Mar. 3:16-19 fi Luqa 6:13-16 isaan eerera.

Wal madalliin kutaa sadanuu kan murtaa’an garaagarummaa argisiisa. Indiriyaas “Yihuudaa, mucaa Yaaqoob” jedhamee kan beekamu fakkaata” (Luq.6:16) fi Bertlomiwos (Mat. 10:3). Simoon hinaafaan akkasuma Simoon Kana’an irraa (Mar. 3:18). Yihuuda isa Yesusiin dabarsee kennee Asqortoo Matihoosiin kan ergame (dabalataan HoE. 1:20-26) ilaala. Barsiisoota tokko tokkoo Matihoosiin fudhachuu dhiisuun Phaawulos duuka buutota kudha laman keessaa waamicha Waaqayyootiin ta’eera jedhanii amanu. Duuka buutonni kudha laman yookaan ergamooni namoota turan Waaqayyoon garuu bifaa adda ta’ee fi haala hin baratamneen isaanitti fayyadame. Isaan gidduu dhaa qurxummii kan qaban qaraxa kan walitti qabani fi namoonni finciltootni turan. Kitaabni qulqulluun kan warra Yesus Kristoos duuka bu’anii kufaatii wal’aansoo fi shakkii nuu ka’eera. Dhuga baatii du’aa ka’uu fi butamuu Yesus booda hafuurri qulqulluun namoota kana cimoo godhee kan isaan baasee addunyaa kana galagalchan (HoE. 17:6). Jijjiramichi maal ture, duuka buutonni kudha laman “Yesus wajjin turan” (HoE. 4:13). Nuufis akkas nuuf ha jedhamu!

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Duuka buutoonni kudha laman eenyuuffaa turan/ergamoota Yesus Kristoos turanii?
© Copyright Got Questions Ministries