settings icon
share icon
Gaaffii

Kitaabni qulqulluun waa’ee du’a ergamootaa nutti himaa?

Deebii


Kitaabni qulqulluun akkamitti akka du’an kan inni eere du’a ergamaa Yaaqoob qofa dha HoE. 12:2 mootichi Herodis “Yaaqoobiin billaadhaan ajjeesse.” Morma isaa muree fakkata. Haali du’a ergamoota kan biroo aadaa waldaa kristaanaa wajjin kan wal qabate waan ta’eef ragaawwan kan biroo irratti amantaa baay’ee gatuun nurra hin jiraatu. Du’a ergamootaa kan ilaalate baay’een isaa shaakalatti akka amanan ergamaa Pheexiroos fannoo gadigalfamee irratti Roomitti Yesus akka dubbateeti raajiin raawwatamee du’eera (Yoha. 21:18). Du’a ergamoota kan biroo kan ilaalate barmaataan kan amanamu kanatti fufee akka jirutti.

Maati’oos wareegamaaf rakkina fudhatee Itiyoophiyaatti bilaan waraanamee du’e. Yohaannis ari’atama Roomaan Wareegamee zayitti danfaa keessatti affeelamee rakkina fudhate. Dinqiidhaan du’aa irraa kan fayye yoo ta’es, lafa bishaan gidduu Fiximootti akka gatamu itti faradame. Lafa bishaan gidduu Fiximoo taa’ee Mul’ata Yohaannis barreesse. Is booda hidhaa irraa hiikamee amma bakka Turkii jedhamtuutti deebi’ee duloome du’e. Yaaqoob obbolleessi Yesus (sirritti ergamaa yoo hin taanees) geggeessaa waldaa kristaanaa Yerusaaleem ture. Yesus Kristoosiin amanatii qabuu hin ganu jechuu isaatiin dheerina faanna dhibba kan qabuu mana qulqulluummaa kibba dhi’aa turee irraa gadi darbatame. Bakka darbatame irraa hafuu isaa yeroo beekaniitti hanga du’utti gareen dinoota isaa reebanii ajjeessan. Yaadni kun yeroo qorumsaatti seexanni fudhatee bakka turee kan akka kanaa bakka ol ka’aadha.

Bertelemiyoos waraqaa eenyummaa kan biraa Naatinaa’eel mishineerii ture. Har’a Turki bakka jedhamtuutti lallabuu isaan Armeeniyaatti hanga du’uutti reeban. Indiri’aas Girikitti boca X mallattoo qabu irratti fannifame. Loltoota torbaan erga reebamee booda dhiphina isaa itti dabaluuf fannoo irratti haadaan hidhan. Namoonni isa duukaa bu’a turan akka ragaa ba’anitti Indiriyaas akkas jechuudhaan harka fuudhaa ture. “Anaaf hawwa guddaa ture kanaaf yeroo gammachiisaa kanaa yaadaan ture, fannoos qaama Yesus Kristoosiin qulqullaa’ee ture” namoota isa hidhan hanga du’uutti lallabaa ture. Ergamaa Toomaas waldaa kristaanaa Hinditti adeemsa dhaabuu irratti cuubbeedhaan waraaname. Ergamaa Maatihoos Asqortoo Yihuudaa bakka kan bu’ee dhagaadhaan tumamee du'e. Ergamaan Phaawulos bara haraaraa 67tti Neeroo gara jabeessaan mormi isaa irraa muramee du’e. Waa’ee ergamoota kan biroos barmataan wanti jedhamu yoo jiraates seenaan amanamu kam iyyuu ragaan baratamaan hin qaban.

Du’ii ergamootaa waan guddaa miti. Wanti guddaan hunduu amantii isaaniitiif du’uuf barbaaduu isaanii ti. Yesus Kristoos utuu hin kaane ta’e duuka buutonni isaa ni beeku turan. Namoonni soba ta’uu isaa sobaaf du’uu hin heyyamu ture. Dhugaan isaa duuka buutonni du’a dhiphisaa fudhachuuf kan heyyaman Kristoositti amantii isaan qaban gara booddeetti deebi’uu dhiisuu isaanii du’aa ka’uu Yesus Kristoosiif dhuga ba’umsa ajaa’ibsiisaa ture.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kitaabni qulqulluun waa’ee du’a ergamootaa nutti himaa? Ergamoonni akkamitti du’an?
© Copyright Got Questions Ministries