settings icon
share icon
Gaaffii

Dhugaa guutuu fi dhugaan addunyaalleessaa kan jedhamuu jiraachuu danda’aa?

Deebii


Dhugaa guutuu yookaan dhugaa addunyaalleessaa hubachuuf dhugaa akka ta’e hiikuudhaan jalqabuutu nurra jiraata. Dhugaan galmee jechaa irraa “Dhugaa mirkanneefachuuf sirrii ta’uu isaa, hima tokko dhugaa akka ta’ee mirkaneessuu” namni tokko tokkoo dhugaa kan ta’ee wanti qabatamaan hin jiru waan akkasumaanii fi kan argisiisu qofa dha kan jiru jechuu danda’u. Kan biroon dhugaa ta’ee yookaan waan qabatamaan jira jedhanii wal falmuu danda’u.

Ilaalchi tokko tokkoo dhugaa hiikuun kan ittiin danda’amu karaan hin jiru jedhu. Ilaalcha kana kan fudhatan wanti hundumtuu sadhatawaa dha kan jedhu ilaalcha qabaatu, isaaniif dhugaan sirriin hin jiru. Sababa kanaaf guutuu kan ta’e seerri safuu hin jiru gochi tokko sirrii dha yookaan miti gadhee yookaan dogogora jedhee kan murteessu aanoon hin jiru. Ilaalchi kun “Naamusa haalaa wajjin wal qabate” “situational ethics,” nu geggeessa kunis sirrii yookaan dogogora waan ta’e haalaa wajjin jijjiramaadha jedhee amanuu dha. Sirrii yookaan dogogora wanti ta’e hin jiru kanaaf yeroodhaaf haala jiruun dhugaadha jedhanii akka ta’e akka nutti dhaga’amuutti isin sirriidha. Sirritti haalaa wajjin kan wal qabate namuusni miira dhuunfaa wajjin gara wal qabateetti “Waan nutti dhaga’amu kam iyyuu sirri dha” ilaalcha jedhuu fi dhuunfaa fi waliin gara badiisa guddaan jiruutti ilaalchi gara fakiiduu jireenyaatti nu geessa. Waantonni gtii qabeessa ta'an hundi amantiin, fakiiduu jireenyaa fi dhugaan hunduu gatii wal qixa qabu kan jedhu hawaasa kan uumu kan postmodernisimti. Ilaalchi kan biraan kan inni qabatu sirritti dhugaa guutuu ta’ee fi sirrii kan hin taane safartuu qaba kan jedhuu dha. Egaa gochi sirrii yookaan dogogora akka ta’e isaan safartuuwwan dhugaa ta’an akka hiikamanitti murteessuu danda’a. Dhugaa guutuun dhugaa fi haqa kan hin jiraanne yoo ta’e digaamuutu duuka bu’a. Seera harkisaa fakkeenyaaf haa fudhanu guutuutti kan mirkanaa’ee yoo hin taane bakka tokkootti dhaabbachuu fi taa’uu dadhabuu keenya hanga hin sosochineetti amansiisa ta’uu raawwannee hin dandeenyu ture. Yookaan lamaa fi lama yeroo hundaa afur osoo hin taanee qaroomina irratti badiifni inni fidu hamaataa ture. Seera saayiinsii fi Fiziksii gatii homaa kan hin qabne ta’u turan wal jijjiraan daldalaa kan hin danda’amne ta’a ture. Diigama akkami ta’a ture! Haala gammachiisaan lamaa fi lama afur dha. Dhugaan guutuu ta’ee jira hubachuu fi argachuunis ni danda’ama.

Dhugaa guutuu akka hin jire dhubbachuun fudhatama kan hin qabnee dha. Ta’us har’a namoonnii baay’een guutuun akkami iyyuu kan inni ganu sadhatawaa shaakalaa qabatera. “Dhugaan guutuu ta’ee hin jiru kan jedhan” gaaffiin gaarii ta’e “Isinoo guutuu fi amansiisoo dhaa,” kan jedhuu dha. Eeyyee yoo ta’e isaan hima guutuu ta’ee dubbachaa jiru dubbiin isaanii kun guutuu kan jedhamu akka jiru mirkaneessaa jiru. Jechaa kan jiran dhugaa guutuun hin jiru karaa tokkoon yeroo jedhan karaa kan biraan immoo dhugaa guutuun jra jechaa jiru.

Isaa wajjin walitti bu’iinsa ta’u irraa kan hafee namni tokkoo guutuu fi dhugaa addunyaalessaa hin jiru jechuuf kan biroo amansiisoo kan ta’an rakkinawwan namni tokko mo’uutu irra jira. Inni tokkooffaan namoonni hundi beekumsa muraasaa fi sammuu muraasa qabu kanaaf fudhatama qabaachuun bifa irra jiruun alta’aa guutuu ta’een himaa yeroo hojjetan garuu jecha hojjechuu hin danda’an. Namni tokko bifa fudhatama qabuun “Waaqayyo hin jiru” jechuu hin danda’u (ammam illee kan biroon yoo danda’anis) sababni isaas jecha akkasi dhi’eessuuf dhugaa guutuu ta’e waa’ee abjuu wali gala hawwaan jalqabaa jalqabee hanga xumuraatti ni barbaachisa. Saayiinsiidhaan kan hin danda’mnee dha, namni kam iyyuu baay’inaan jechuu kan danda’u “beekumsa muraasa qabuun Waaqayyo jira jedhee hin amanu”

Rakkinni kan biraan dhugaa addunyaalessaa ganuudhaan jiraachuun kan hin danda’amne amantii akka ta’e sammuu keenyaatti shaakala keenyaan kan nu beeknu wajjin deemuu waan hin dandeenyeefi dha. Akkasumas dhugaa guutuun tokkoo yoo hin jiraanne waa’ee waan tokkoo sirrii fi sirrii kan hin taane hin jiraatu. Siif wanti sirrii hin taane anaaf sirrii ta’uu danda’a. Muraasaan sadhataawaa akka kanaati ka’umsa irraa haala nama dheebosuu kan fakkatuu maal akka jechuuti tokkoon tokkoon namaa kan ofii isaa qajeelfama qabuu waan baasuuf sirrii waan fakkaatu immoo ni raawwata. Namni tokko waan sirri tokkoon hubannaan yoo hin jiraanne namaa wajjin kan walitti bu’uu akka ta’uu kan hafeeru ta’a. Anaaf kan tiraafikaa ifa diimaa bobooeessaa darbuun sirrii yoo ta’e maaltu uumama? Namoota baay’ee bal’aa keessa buusa. Sirraa hatuun sirri yoo natti fakkaate sitti immoo sirri yoo hin fakkaannee, ifatti sirri isa ta’ee fi sirrii hin taane ilaalchi nu qabnuu kan walitti bu’uu ta’a. Dhugaan guutuu ta’e yoo hin jiraannee hundi keenya safartuu ittiin gaaffatamnu hin jiraatu kanaaf waa’ee waan kami iyyuuf amansiisoo hin taanu. Namoonni waan barbaadan hunda gochuuf bilisa ta’u, ajjeessuu, dirqimsisanii gudeeduu, hatuu, sobuu gowoomsu…. Kan kana fakkaatanii fi haqni hin jiraatu sababni isaa namni tokko sabni baay’een saba muraasa irratti safartuu kaa’uudhaa fi dhiibbaa uumuuf mirga qabu jechuu illee danda’a. Addunyaa guutuu hin taanee yaaduun baay’ee sodaachiisa.

Ejjennoo hafuuraaf bu’aa sadhatawaa akka kanaa amantaa bitaa itti galchuu amantii dhugaa ta’ee kan hin jiree fi Waaqayyoo wajjin karaa walitti dhufeenya sirrii kan hin qabnee dha. Egaa amantaan hunduu dogogora ta’uu danda’u sababni isaa hunduu jireenya kana booddee waa’ee waan jiru hunduu dhugaa guutuu qabna jedhu. Yeroo ammaa namootaaf waan sirritti walitti bu’u lama amantaawan wal qixuummaan “Dhugaa” ta’uu danda’uu jedhee amanuuf, amantaan lamman ammam illee gara waaqaatti kan galchu karaa addaa qabna jedhanii yookaan waan raawwatanii wal faalleesan lama “Dhugaawwan” yoo ta’es jedhanii amanuun kan hin baratamne miti. Guutummaatti dhugaan jiraachuu kan amanan namoonni akkas jechuu ni mormu u fi wal danda’uun kan irratti mo’ee Yunuversalii hundumaa amantaawwan wal qixa amantiin hunduu gara mootummaa Waaqatti geessu yaada jedhu qabatu. Addunyaa kana yaada wali gala namoota qabatan xiyyaafannoon wal danda’uu amma hawaasa qaroome hawaasni baay’ee guddaan kan ittiin of jaju qophaan isaa guutuu kan ta’uu wal danda’uu dhabuu immoo qophaa isaa hamaa ta’aa dhufeera. Amantaan kan kootu caala jedhuu kam iyyuu keessaa iyyuu dhugaa guutuutti amanuu kan akka wal danda’uu dhabuuti lakkaa’ama kanas immoo cubbuu guutuu. Dhugaa guutuu amanuu akka wal danda’uu dhabuutti lakkaa’amu kunis immoo cubbuu guutuu dha. Namoonni dhugaa guutuu morman yeroo baay’ee kan isaan jedhan waan barbaadde amanuun rakkoo hin qabu amantiin kee namoota kan biroo irratti dhiibbaa akka uumu yoo gooteedha jedhu. Garuu ilaalchi kun ofii isaa sirri yookaan dogogorri inni uumuu isa kam amantii jedhuu dha, fi baay’iinaan ilaalcha kana kan qabatan ofii isaanii inni tokko isa tokko irratti dhiibbaa uumuuf yaalu. Namoonni kan biroon akka isaan duukaa bu’an amala isaan barbaadan safartuuwwan kaa’u isaan ofii isaanii kan biraa irratti dhiibbaa hin uumiin kan jedhu wali walii isaanitti bu’uu keessa galuu ni jibbu. Namoonni amantii akkasi qaban waa’ee waan godhanii waa’ee raawwii isaaniif itti gaaffatamummaa fudhachuu hin barbaadan. Amantii guutuu ta’e guutuu fi sirrii fi safartuu dogogora ta’e qaba fi nuyi safartuuwwan sanaaf itti gaaffatamoo dha. Itti gaaffaatamummaan kun namoonni safartuu guutuu ta’ee yeroo morman kan isaaniin mormanii dha.

Dhugaa addunyaalessaa guutuu mormuun sadhatawaa aadaa sanaa wajjin wal qabatee kan dhufu akkaataa yaada hawaasaa wal qabatee kan dhufuu Jijjirama harkifataa akkaataa yaadaa kan qabatee dha. Jijjiramni uumamaa harkifataan dhugaa osoo ta’ee jireenya sana irraa hiika hin qabaatu, nuyis kaayyoo hin qabaanu, fi guutuu kan ta’ee sirrii fi waan dogogora ta’e hin qabaanu ture. Ta’us garuu amma illee namni cubbamaan beekamtii Waaqayyoo fi amantii guutuu yoo ganes guyyaa tokkoo teessoo Waaqayyo dura firdiidhaaf ni dhaabbatu. Kitaabni qulqulluun akkasitti dubbata “……Waa’ee Waaqayyootiif beekuun kan namaaf danda’amu isaanifis hubatamaadha, kanas Waaqayyo ofii isaa isaanitti hubachiiseera. Bifni isaa ijaan hin argamne, garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyo lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifamee yaadatti argamuu in danda’a; kanaafis waan itti qabatan hin qaban. Waaqayyoon utuma beekanii, akka Waaqayyootti ulfina hin laanneef, galata isaaf hin galchine; garuu yaada isaaniitiin waan waa’ee hin baafne duukaa bu’an sammuu isaanii inni duudanis in dukkaneeffame. Ogeessota utuma ofiin jedhanii gowwooman. (Rom. 1:19-22). Dhugaa guutuu ta’e waa’ee jiraachuu kan mirkaneessu jiraa? Eeyye. Sammuun namaa inni tokkoo jira innis “Wanti tokko” sirri godha, wanti tokko sirri yookaan dogogora akka ta’e addunyaan karaa ta’een deemuun akka irra jiraatu keessa keenyatti nutti hima. Sammuun keenya waan dogogora ta’e akka jiru rakkinaan, lafa honaa, dirqimsisanii gudeeduu, dhukkubaan, hojii hamaan akka jiru nutti hima akkasumas jaalala, waan gaarii gochuu, haraara, waan dirqimsifamnuuf akka ta’utti waan gaarii akka ta’e akkasumas. Kun aadaa hundumaa shaakalli yeroo kam iyyuu dhugaa dha. Kitaaba qulqulluu irratti yaada qalbi hojiidhaan dubbata (Rom. 14-16) “Yihudoota kan hin ta’in warri seerricha hin qabne, uumama isaaniitiin waan seerichi isaan irraa barbaadu yeroo hojjetan, yoo seericha hin qaban ta’e iyyuu isaan ofuma isaanii keessaa seera qabu. Isaan, hojiin seerichi abboomu garaa isaanii keessatti akka caafame jiru in argisiisu; dhageetiin garaa isaanii akkasumaan yaadni gara garaa takka takkaa isaan hadheessan, takka takka immoo isaaniif falman, waa’ee kanaaf dhugaa ba’uu isaanii ti. Akka wangeela ani barsiisuutti, guyyaa Waaqayyo harka Yesus Kristosiin dhoksaa namootaa bakkee baasee faradutti, wanti kun in beekama.”

Lammaffaan kan dhugaa guutuu jiraachuun saayinsiin kan mirkaneessuu dha.Saayinsii jechuun salphaatti dhugaa barbaadu dha, waan beeknu qayyabachuu fi beekuudhaaf caalmaatti gaaffachuu. Egaa hunduu qorannoo saayinsawaa haloota qabatamoo addunyaa irratti jiru isaaniis haaloota mirkaneessuu danda’u amantii jedhu kan hundeefaman ta’uun barbaachiisoo dha. Dhugaa guutuudhaan ala maal waanti qayyabannu jiraa? Namni tokko saayiinsiin dhugaa ta’uu isaa akkamitti mirkaneessuu danda’a. Sirritti seeri bu’uuraa saayinsii kan isaan hundeefaman jiraachuu dhugaa guutuu irratti dha. Sadaffaan kan dhugaa guutuu dhugaa addunyaalessaa jiraachuu kan mirkaneessuu amantaa dha. Hunduu amantaawwaan waa’ee jireenyaa maluummaa isaa dubbachuuf hiikuudhaaf yaalu. Isaan mucaa namaa irraa callisee jireenya salphaa jiraachuu irraa fedha hafe kan dhalatanii dha. Namoota amantaan Waaqayyoon barbaadu, yeroo dhufutti abdii godhatu, dhiifama Cubbuu, wal’aansoo sammuu isaanii keessa nagaa, gaaffii isaanii guddaaf deebii barbaadu. Amantiin sanyii namaaf binensa fooyya’ee akka hin taane kan mirkaneessuu dha. Kaayyoo ol jedhaa guddaa akka qabuu fi qophaa isaa kaayyoon uumaan uumaa akka jiru isa beekuuf dheebuus keessa akka kaa’ee kan mirkaneessuu dha. Sirriitti uumaan yoo jiraate isin safartuu dhugaa guutuu ti, dhugaa kennuuf dhaabbachuun aboo keessan.

Sirritti uumaan jira, innis dhugaa keessan sagalee isaan nuuf ibseera, kunis kitaaba qulqulluu. Dhugaa guutuu dhugaa addunyaalessaa beekuun kan danda’aamu karaan qfaan isaa dhugaa isa ta’e Yesus Kkristoos wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya gochuu dha. Yesus Kristoos qofaa isaa dhugaa karaa fi jireenya jedheera, jireenya dhugaa fi karaan Waaqayyoo qofti (Yoha. 14:6). Dhugaan dhugaa guutuu qaba, Waaqni olaanaa ta’e lafaa fi waaqa kan uume fi ofii keenyaa nuuf mucaa isaa Yesus Kristoosiin akka beeknuuf nuuf akka ibsee eera. Sun immoo dhugaa guutuu dha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Dhugaa guutuu fi dhugaan addunyaalleessaa kan jedhamuu jiraachuu danda’aa?
© Copyright Got Questions Ministries