settings icon
share icon
Gaaffii

Dhuga-baatoonni Joobaa eenyuudhaa? Maliidha kan isaan amanan?

Deebii


Amma dhuga-baatoota Joobaa jedhaamuun kutaan beekamu kan jalqabame Pensilvaaniyaatti bara 1870 Charses Taz Rusil akka kitaaba qulqulluu kutaa barnootaa keessa ture. Rusil garee isaa “Miliniyaal Dawun qayyaannaa kitaaba qulqulluu” jedheeti kan inni waamu. Charsees Taaz Rusiil Miliniyaal Daawun kan jedhame kutaa walitti aanuu kitaaba qabu jalqabe: du’uu isaan dura kan inni barreessee hanga kutaa ja’aatti kan gahe yeroo ta’u baayinaan amma dhuga-baatoota Joobaa og-waaqummaa isaan qaban kan qabatee dha. Rusiil erga du’ee booddee bara 1916 abbaa murtii kan ture J.F. Ruterford hiriyaan Rusiil fi isa duukaa bu’ee kan bakka buuse torbanii fi kan xumuraa kan Miliniyaal Daawul maxansa itti aanu “Icitii xumurame” “The Finished Mystery” bara 1917 tti barreesse. Jirma eeggannaa kan kitaaba qulqulluu fi piroosheera hawaasummaa bara 1886 hundeefame kanaaf ariitiidhaan Miliniyaal Daawun sochiin miila ta’uu isaan yaada isaanii kan biroodhaaf hir’uu jalqaban. Gareen isaa hanga 1931 Ruslist jedhamuun beekama ture – ijaarimicha keessatti qoqodama godhameen irra deebiin dhuga-baatotni Joobaa “Jehobah’s Witnesses” maqaan jedhu kennameef. Gareen qoodame hafe baratoota kitaaba qulqulluu “Bible students” jedhame beekame.

Dhuga-baatoni Joobaa kan isaan amana maaliidha? Itti dhi’aannee sadarkaa barsiisa isaanii gadi fageenyaan yeroo sakataanu barsiisa akka kanaa waa’ee Kristoos waaqummaa isaa fayyina Silaasee hafuura qulqulluu fi aarsaa Kristoos kan argisiisan shakkiin olitti mata-dureewwan kana irratti kan hin cepha’amne kallatiidhaan ejjennoo kristaanaa hin qabanne. Dhuga-baatonni Joobaa Yesus qaama uumaman gidduudhaa bakka guddaa kan qabu Mika’eel jedhanii amanu. Kun Yesus Waaqa akka ta’e ifatti kan dubbatan kutaa kitaaba qulqulluu baay’ee wajjin walitti bu’a (Yoha. 1:1, 14, 8:58, 10:30). Dhuga-baatoonni Joobaa fayyina amantiidhaan hojii gaariidhaa fi abbomamuudhaan tokkummaadhaan kan argamu akka ta’e amanu. Kun lakkoofsaan ol kan ta’e fayyinni ayyaanan karaa Yesus Kristoosiin amantiidhaan akka ta’e kan dubbatan kutaa kitaaba qulqulluu wajjin wali hin galu (Yoha. 3:16, Efe. 2:8-9, Tito 3:5). Dhuga-baatoonni Joobaa Silaasee ni mormu, Yesus kan uumame akka ta’e fi waa’ee hafuura ququlluu bu’uura irraa Waaqayyoo humna guddaa akka ta’e amanu. Dhuga-baatooni Joobaa yaada aarsaa bakka bu’ummaa ni mormu fi yaad-rimee oolchuu isaa du’a Yesus Kristoos caalaa cubbuu Addaamiif gatii kaffalamee dha jedhu.

Dhuga-baatonni Joobaa akkamitti kitaaba kana barsiisa qulqulluu hin taaneen mirkanneessuuf warra yaalaanii? Jalqaba irratti waldaan kristaanaa barootaaf kitaabni qulqulluun kan wal make akka ta’u gootetti jedhu. Achi irraas kitaaba qulqulluu isaan new warlid tiransileshin (world Translation) jedhanii gara waamanitti hiikan. Kitaabni warra Joobaa kitaaba qulqulluu Tawor fi gamtaa pirosheera kutaallee kitaaba qulqulluu sirritti akka barsiisu barsiisa isaanii bu’uura qabachisuuf caalaa barsiisa sobaa isaanii akka wali galuu godhee Sirreesse. Niw Worild Transileshin yeroo isaatti dhuga-baatoonni Joobaa barsiisa isaanii wajjin kutaa wali hin galle lakkoofsa argataniin yeroo sanatti maxansaaf ga’eera.

Barsiisa dhuga-baatoota Joobaa fi amantii isaanii kan hundeessan Charlis Taaza Ruseel fi isa kan bakka bu’e abbaa seeraa Yooseef Faraakilin Ruterfordi yeroo jalqabaatii fi irra deebiin baba’late barsiisa barreefame irratti dha. Kitaaba qulqulluu Wachitaworfi gamtaa Piroosheera qaama aangoo barumsa amantaa sirrii hin taane isaa keessatti kitaaba qulqulluu isaanii hiikuudhaaf qaama qofaa isaa aangoo qabuu dha. Jechama kan biraan qaamni aangoo kun kutaa kitaaba qulqulluu kam irratti kan inni jedhu akka jecha xumuraatti argama kanaaf yaada itti fufuu kana malee kan inni jedhu akka jecha xumuraatti argama kanaaf yaada itti fufuu kana irraa adda ta’e raawwate hin jajjabefamu. Kun Phaawulos Ximotiwosiif kan inni kenne hifannaa wajjin kallattiidhaan mormii qaba (nuufis akkuma kana) yeroo qayyabannuu Waaqayyoon fudhatama argachuuf kanaa fi sagalee Waaqayyoo sirritti qabachuu keenyaaf hin qaanofnu. Hiffaatni kun 2Xim. 2:15 Waaqayyo irraa qajeelfama ifaa yeroo ta’u ijoolleen isaa hunduu akka namoota Beeriyaa guyyaa guyyaatti kan isaan baratan sagalee Waaqayyoo baarumsi sagalee isaa wajjin kan wali galu akka ta’e qorachuutu irra jira.

Tarii ergaa isaanii dhuga-ba’umsaaf qabatanii bahuudhaaf amanamummaan jiru akka dhuga-baatoota Joobaati dhaabbatni amantaa hin jiru. Bifa hin eegamneen garuu ergaan isaa kan wal dha’e kan fi barumsa sobaati. Waaqayyo ija dhuga-baatoota Joobaa dhugaa wangeelaatiif dhugaa dubbii Waaqayyootiif barumsi ha banamu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Dhuga-baatoonni Joobaa eenyuudhaa? Maliidha kan isaan amanan?
© Copyright Got Questions Ministries