settings icon
share icon
Gaaffii

Kitaabni qulqulluun waa’ee dhiphinaa maal jedha?

Deebii


Dhiphinni babal’achaa haala dhufuu irra jira, amantootaa fi amantoota kan hin taane miliyoonni baay’ee miidhaa jira. Dhiphinaan kan dhiphatan mallattowwaan isaa gadda dheekamsa abdii kutachuu bitaa itti galuu fi mallattoowwan kan biroon isaan irratti mul’ata. Akka hin fayyadne itti dhagaa’amuu yeroo jalqabuu fi of ajjeesuu yeroo barbaadan yeroo tokkoo wantoota itti gammadaa tureef fedhii namootaa dhabuu danda’u. Dhiphinni hojii dhabuudhaan nama jaallatan du’aan yoo adda ba’u wal hiikuun jeequmsa sammuutiin rakkoon kan akka bitaa itti galuu miirii dhufuu danda’a.

Kitaabni qulqulluun gammachuudhaa fi gallataan akka guutamu nuttii hima (Fil. 4:4, Rom. 15:11) Waaqayyo gammachuu hunda keenyaa fi jireenya akka jiraanu akka nuuf karoorse argisiisa. Dhiphinnii kan yeroo ta’e keessa osoo jiranii kun salphaa miti garuu Waaqayyo kadhata keessatti qayyabannaa jireenyatti firoome tokkummaa amantootaa warra gargaaran qalbi jijjirannaa fi dhiifaman gorsaan fayyuu danda’a. Ofii keenyaa akka baanuu akka hin taane Rakkoo dhiphinaatiin xiyyaafannoo isaan qaban isaan irraa kaasuudhaan gara gooftaa fi gara kan biro ilaaluudhaan dhabamsiifamuu danda’u.

Ogeessonni dhukkuba dhiphinaa haala qaamaa yaalaamu qabu dha, kan hin eegamne mudannoon jireenyaa kan uumame ta’uu dhiisuu danda’a yookaanis mallattoon dhukkubaa nama tokko irratti fedha ofii isaa dabalaa kan dhufee ta’uu dhiisuu danda’a. Hawaasni kristaanaa tokko tokkoo kan isaan amanan keessaa haala faallaadhaan dhiphina yaaluumsa yeroo hundumaa sababa cuubbuutiin kan dhufuu ta’uu dhiisuu danda’a. Dhiphinni yeroo tokko tokkoo qorichaa fi tajaajila gorsitootaatiin yaalamuun kan danda’amu jeequmsa qaamaa fiduu danda’a. Dhuguma Waaqayyoo fayyaa qaamaa wal dha’ee kam iyyuu fayyisuu danda’a.

Dhiphina keessatti kan mudaman dhiphina isaanii akka salphatuu kan godhan jiru. Isaan akka isaan barbaadaniitti yoo itti hin dhaga’amnees sagalee isaa irra turutu isaan irra jiraata. Miiri gara badiisaatti nu geessuu danda’a, Sagaleen Waaqayyoo raafama malee cimsee dhaaba. Waaqayyo irratti amantii cimaa ijaaruuf qorumsaa fi rakkina keessa yeroo darbinu gara isaatti maxanuutu nurra jira. Waaqayyo jireenyatti baachuu kan nu dandeenyu caalaa rakkina akka nutti ta’u Waaqayyo akka hin eyyamne nutti hima (1Qor. 10:13). Ta’us dhiphachuun cubbuu miti, namni tokkoo walitti bu’iinsi mudatu gargaasa ogeessaa fudhachuu dabalatee deebii kennamuuf itti gaaffatamummaa fudhachuutu irra jira. “Egaa kottaa karaa isaa utuu gargar hin kutin, aarsaa galataa Waaqayyof dhi’eessinaa! Aarsichis maqaa isaa beeksisuudhaaf wanta afaan keenya keessaa ba’uu dha.” Ibr. 13:15.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kitaabni qulqulluun waa’ee dhiphinaa maal jedha? Kristaanni dhiphina akkamitti mo’uun danda’ama?
© Copyright Got Questions Ministries