settings icon
share icon
Gaaffii

Hafuurri Qulqulluun tasumaa amanaa/ntuu dhiisee in deemaa?

Deebii


Salphaadhumatti, lakkii, Hafuurri Qulqulluun goonkumaa amanaa/ntuu dhugaa dhiisee in deemu. Kun Kakuu Haaraa keessatti caaffatoota baayyee keessatti ibsameera. Fakkeenyaaf, Roomaa 8:9 akka nutti himutti “…namni hafuura Kiristoos of keessaa hin qabne, kan Kiristoos miti.” Luqqisiin kun akka ifa godhee dubbatutti namni yoo argamuu Hafuura Qulqulluu of keessaa hin qabu ta’e, namni sun hin fayyine jechuu dha. Kanaaf, yoo Hafuurri Qulqulluun amanaa dhiisee kan deemu ta’e, namni sun hariiroo fayyisuu Kiristoos waliin qaba ture dhaba jechuudha. Kun garuu faallaa barsiisa Macaafa Qulqulluu waa’ee wabii bara baraa Kiristiyaanotaati. Luqqisii kan biraan waa’ee argamuun Hafuurri Qulqulluu jireenya amantoota keessaatti dhaabbataa ta’uu isaa dubbatu Yohaannis 14:16 dha. Asitti Yesuus Abbaan Gargaaraa kan biraa “bara baraan isin bira haa jiraatuuf” akka kennu dubbata.

Dhugaan waa’ee Hafuurri Qulqulluun akka goonkumaa amanaa/ntuu dhiisee hin deemnee Efesoon 1:13-14 keessattis in argama, amantootni akka Hafuura Qulqulluudhaan “mallatteefaman” dubbata, “Hafuurri Qulqulluun immoo warra kan Waaqayyoo ta’an galata ulfina isaatiif yeroo furamanitti waanta nuti argachuuf jirruuf qabdii keenya.” Fakkeenyi Hafuuraan mallatteeffamuun fakkeenya qabiyyee fi qabeenyaa keessaa tokkodha. Waaqayyo warra Kiristoositii amanan hundumaaf jireenya bara baraa kennuufiif waadaa gale, waadaa Isaa akka eeguufis wabiiidhaan mirkaneesse, Hafuura Qulqulluu ergee hamma yeroo ooluutti akka Inni amantoota keessa buufatu godhe. Akkuma gaafa namni mana yookiin konkolaataa yeroo bitu qabdii kennu, Waaqayyos walitti dhufeenya amantootni Isa waliin gara boodaatti qabaachuuf jiraniif Hafuura Qulqulluu ergee akka inni isaan keessa buufatu gochuun qabdii kenne. Dhugaan amantootni hundi Hafuurichaan mallatteeffamuu himu 2 Qoronxoos 1:22 fi Efesoon 4:30 keessattis in argama.

Du’uu, du’aa ka’uu fi gara waaqaatti ol fudhatamuu Kiristoosiin dursee, Hafuurri Qulqulluun walitti dhufeenya “dhufee deemuu” namoota waliin qaba ture. Hafuurri Qulqulluun Mootii Saa’ol keessa buufatee ture, garuu sana booda dhiiseenii deeme (1 Saamu’eel 16:14). Iddoosaa, Hafuurichi Daawwit irra dhufe (1 Saamu’el 16:13). Erga Baatsheebaa wajjin ejjee booda, Daawwit Hafuurri Qulqulluun narraa fudhatama jedhee sodaatee ture (Faarsaa 51:11). Hafuurri Qulqulluun Bazaali’eliin guutee mi’oota dunkaana itti wal ga’aniif barbaachisu akka inni qopheessuuf dandeettii kenneef (Ba’uu 31:2-5), garuu kana akka walitti dhufeenya dhaabbataatti ibsuun hin danda’amu. Kun hundi erga Yesuus gara waaqaatti ol fudhatamee booda jijjiirameera. Guyyaa Pheenxeqosxee irraa eegalee, Hafuurri Qulqulluun dhaabbataatti amantoota keessa buufachuu jalqabe (Ergamoota 2). Dhaabbataatti buufachuun Hafuura Qulqulluu raawwii waadaa (kakuu) Waaqayyo yeroo hundaa akka nu wajjin jiraatuu fi akka nu hin ganneeti.

Hafuurri Qulqulluun yoo raawwatee amanaa/ntuu kan dhiisee hin deemne ta’eyyuu, cubbuun keenya “Hafuura Qulqulluu ukkaamsuu” (1 Tasaloonqee 5:19) yookiin “Hafuura Qulqulluu gaddisiisuu” (Efesoon 4:30) danda’a. Cubbuun yeroo hundaa walitti dhufeenya nuti Waaqayyo wajjin qabnu keessatti miidhaa qaba. Walitti dhufeenyi nutu kara Yesuus Waaqayyoo wajjin qabnu kan hin jijjiiramne yoo ta’eyyuu, cubbuun hin himatamne duukka bu’umsa nuti Waaqayyo wajjin qabnu danquu fii haalaan Hafuura Qulqulluu jireenya keenya keessatti ukkaamsuu danda’a. Kanaaf cubbuu keenya himachuun baayyee barbaachisaadha, sababiin isaa Waaqayyo “amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef cubbuu keenya Isatti yoo himanne Inni cubbuu keenya nuuf dhiisa, jal’ina keenya hundumaattiis nu qulleessa” (1 Ergaa Yohaannis 1:9). Kanaaf, yoodhuma Hafuurri Qulqulluun nu dhiisee hin deemu ta’eyyuu, faayidaa fi gammachuun jiraachuu Isaa keessaa argamu nu dhiisee deemuu danda’a.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Hafuurri Qulqulluun tasumaa amanaa/ntuu dhiisee in deemaa?
© Copyright Got Questions Ministries