settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus araarsuuf bakka bu’ee du’uun isaa maaliidha?

Deebii


Gaaffii yeroo baay’ee ka’u keessaa tokko “yoon cubbuu hojjedhe utuu waaqayyoon dhiifama hingaafatin du’e maaltu ta’a?” gaaffii jedhudha. Gaaffiin biraa immoo “yoon cubbuu hojjedhee, achumaan irraanfadhee waaqayyoonis dhiifama gaafachuukoo dagadhee maaltu ta’a” kan jedhudha. Gaaffiiwwan lamaan kun tilmaama dogoggoraa irratti kan hunda’anidha. Dhimmi fayyinaa dhimma amantoonni utuu hindu’in cubbuu isaanii himachuu fi qalbii diddiirrachuuf yaalan miti. Fayyinni kiristaanni tokko cubbuu hojjete himatee achiis qalbii jijjiirachuu irratti kan hundaa’e miti.

Eeyyee, akkuma cubbuu hojjechuu keenya barreen waaqayyoon dhiifama gaafachuu qabna. Haataʼu malee, yeroo hunda Waaqayyoon dhiifama gaafachuutu nurra jira jechuu miti. Fayyinaaf amantaa keenya yommuu Yesus Kiristoosirra keeyyannu, yoggas cubbuun keenya hundumaa nuuf dhiifama. Kunis daddarba keenya kan duraanii, kan ammaa fi kan garafulduraa hundumaa nidabalata jechuudha. Kanaaf daddarbaa cubbuutiif amantoonni guyyuma guyyaan dhiifama gaafachuu hinqabanu. Yesuus gatii daddarbaa cubbuu keenya hundumaa nurraa kafaluuf du’e. Cubbuun yeroo nuuf dhiifamu, cubbuu keenya hundumaatu nuuf dhiifama(Qolaasaayis 1:14; Hojii Ergamootaa 10:43). Wanti nurraa eegamu cubbuu keenya himachuudha. Wanti nuti gochuu qabnu cubbuu keenya himuudha: “Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf hindhiisa, jallina keenya hundumaattis nuqulqulleessa’’ (1Yohaannis 1:9) jedha. Kutaan kun kan nutti himu nuti cubbuu keenya waaqayyotti “himachuu” akka qabnudha. Jechi “himachuu” jedhu asitti irratti walii galuu jed=chuudha. Yeroo cubbuu keenya waaqayyotti himannu daddarbaa hojjechuu keenyaafi cubbamaa ta’uu keenya irratti walii galaa jirra jechuudha.

Waaqayyo “amanamaa fi haqa qabeessa” waan ta’eef cubbuu keenya haala walitti fufiinsa qabuun nuuf dhiisa. Waaqayyo akkamiin ‘amanamaa fi qajeelaa’ ta’e? Waaqayyo akkuma warra Yesuusiin akka fayyisaa isaaniitti fudhataniif waadaa seene, yeroo cubbuu namaaf dhiisu amanamummaa isaa mullisaa jira jechuudha. Qajeelummaan waaqayyoo immoo kan mullatu yeroo inni aarsaa Kiristoos cubbuu keenyaaf godhe lakkaa’uun, dhuguma cubbuu keenya nuuf dhiisuudhaani. Kanuma waliin, 1 Yohaannis 1:9, dhiifamuun cubbuu keenya cubbuu keenya waaqayyotti himachuu irratti akka hundaa’u agarsiisa. Yoo cubbuun keenya hundi battaluma Kiristoosiin akka fayyisaa keenyatti fudhanutti kan nuuf dhiifamu yoo ta’e, kun akkamitti ta’aree jedhamee gaafatmuu nimala. Asi irratti wanti Yohaannis ergamaan ibsaa jiru dhiifama cubbuu “walitii dhufeenya ykn hariiro” irratti hundaa’e dha. Cubbuun keenya hundinuu yeroo Kiristoosiin akka fayyisaatti fudhannutti “ejjennoodhaan ykn murteedhaan” dhiifama nuuf godhamudha.

Dhiifamni ejjennoo ykn muteedhaan godhamu kun fayyina keenyaa fi waadaa jireenya bara baraa kan samii irratti nuuf kennamuuf wabii nuuf ta ta’a. Du'a booda Waaqayyoon dura yommuu dhaabannu Waaqayyo sababcubbuu keenyaatiif mootummaa waaqayyootti seenuu nundhorku. Kana jechuun dhiifamni keenya dhiifama dhiifama ejjennoo ykn murtee ti.

Yaadni dhiifama hariiroo ykn walitti dhufeenyaa, dhugaa jiru irratti kan hundaa’udha. Kana jechuun, yeroo cubbuu hojjennu, Waaqayyoon muufachiifnee hafuura qulqulluus gaddisiisiifna jechuudha (Efesoon 4:30). Waaqayyo dhuma irratti cubbuu hojjenneef dhiifama kan nuuf godhu yoo ta’es walitti dhufeenya isa wallin qabnu irratti garuu dhiibbaa qaba. Ilmi tokko abbaa isaa irratti badii dalageen maatii keessa hin ari’amu. Waaqayyo haal duree tokko malee ijoollee isaatiif dhiifama nitaasisa. Akkusumas walitti dhufeenyi isaanii kan bakkatti deebi’u, abbaaf ilma gidduu hariiroon gaariin yoo jiratte qofadha. Kunis kan ta’uu danda’u, ilmi balleessaa isaa amanee yoo dhiifama gaafatedha. Nutis kan dhiifama waaqayyoon gaafannuuf kanaafidha malee fayyina keenyaaf miti. Kana wanni goonuuf, waqayyo isa nujaallatee fi dhiifama nuuf godhe waliin walitti dhufeenya gaarii qaabachuudhaafi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kiristaanonni cubbuu isaaniif dhiifama gaafachuu itti fufuu qabuu?
© Copyright Got Questions Ministries