settings icon
share icon
Gaaffii

Macaafni Qulqulluun waa’ee daaynooserootaa maal jedhaa? Macaafa Qulqulluu keessa daainooseeroonni jiruu?

Deebii


Matadureen daaynooserootaa kun bara umurii biyya lafaa keessa Macaafa Qulqulluu keessaa hawaasa kiristaanaa gidduutti mataduree guddaa waliin falmii walitti fufiinsaa qabaachaa jiruudha, Seera uumamaa sirriitti hiikuun, fi haambaalee argaman naannaa keenyaa akkaataan nuyi itti hiiknu. Jarreen lafti umurii dheeraa qabaachuu isheetti amanan Macaafni Qulqulluun daaynoseroota akka hin caqasne amanu, sababni isaa akkaataa fakkenyaa isaaniitti daaynooseroonni namnni inni jalqabaa lafa kana irra utuu hin adeemin duree waggoota miiliyoonaan lakkaa’aman dursanii akka du’an amanu. Namni Macaafa Qulqulluu barreesse daayinoosaroota lubbuudhaan jiraachaa turan arguu hin dandeenye.

Lafti umurii gabaabaa akka jiratte kan amanan immoo Macaafni Qulqulluun akka jara caqase ni amanu, ta’us jecha daaynooser jedhutti hin gargaaramu jedhu. Bakka isaa, jecha Ibrootaa tanniyn, jedhutti gargaarama jedhu isa afaan Ingliiffatti karaa adda addaatti jijjiirame. Alii alii “biineensa guddaa galaana keessaa” fi alii alii immoo “bineensa.” Harka caalaa “jawwudaa(dragon)” gara jedhutti hiikameera. Tanniyn gosa munyuuqaa lafa irra loo’u guddaa ta’uun mul’ata. Uumamni kun gara soddomaatti kan ta’u Kakuu Moofaa keessatti caqasamaniiru bishaan keessaa fi lafa irras ni jiraatu.

Dabalataanis munyuuqaa lafa irra loo’an gurguddaa eeruudhaaf, Macaafni Qulqulluun uumama lama ta’an karaa kanaan ni agarsiisa kan beektoonni kan barreesse sun daayinoosaroota agarsiisuudhaaf halaa sanaan akka barreesse amanan. Roobiin uumama Waaqayyoo keessa isa jabaa akka ta’etti kaa’ameera isa eegeen isaa akka muka gaattiraa ta’a. (Iyyoob 40:15). Beektoonni tokko tokko Roobii akka arbaa yookiin farad galaana keessaatti kaa’uu. Kaan arbi fi roobiin eegee gabaabduu akka qabanitti dubbatu, tasa kan muka gaattiraatii wajjin walibira qabamee ilaalamu miti. Daayinoosarootin akkuma bineensota dipldokas fi brachiosaurus kan jedhamn karaa gara biraatiinn, kan muka gaattiraa wajjin wal bira qabamee madaalamuu danda’au eegee guddaa qabu.

Qaroomni durii hundinuu bifa fakkeenyaa uumama munyuuqaa lafa irra loo’u gurguddaa qabu. Kaaba Ameeriikaatti kan argaman kan namni tolche booci adda addaa kan suphee irraa hojjetaman illee bifa fakkeenya daayinoosaroota qabu. Dhagaa irraa kan tolchame kaaba Ameeriikaatti kan argamu namni bineensota kana akka yaabbatee deemaa turetti kaa’aa, kan nama dinqisiisus bifa fakkeenyaa beekaamaa ta’e qabatee jira kan waan akka gaanfa sadii qabuu fakkaatu, kan akka munyuuqaa lafarra loo’uu ta’e qoochoo qabuu fakkaatuu, uumama dhiiraa fakkaatuu faa. Halluu gara garaan kan dibame kan warra Roomaa, meeshaan suphee warra Maayaan, dallaan warra Baabloonotaa hundinuu adaa namootaa kan ce’e daangaa adda addaa kan ce’e walitti dhufeenya namaaf namoota giddii ture kan agarsiisu namoonni uumama kanaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu jaraaf ragaadha. Raga qabatamaa ta’e seenaa namni lafa irra jiraachuu wajjin walk kan qabatee amma kana baayatuttus dabalatee namni fi daayinoosarootin wajjin argamuun isaanii, kan qabatamaa ta’es jira, namni fi daayinoosarootin faanni isaanii bakki ejjete bakka Kaaba Ameerikaa fi gara lixa Esiyaa keessatti argameera.

Kanaaf, daayinoosarootin Macaafa Qulqulluu keessa jiruu? Dhimmi isaa isa jedhame gararraadha. Inni kan inni irratti hundaa’u akkaataa ati ragaalee qabatamoo argaman kana itti hiiktu irratti fi adunyaa naannaa kee jiru akkaataa itti ilaaltuutti. Macaafni Qulqulluun jechaa jechatti yoo hiikame, lafti umurii gabaabaa qabdi kan jedhu ni argama, yaadi namni fi daayinoosarootin walii wajjin jiraachaa turan kan jedhu ni fudhatama. Namni fi daayinoosarootin walii wajjin yoo jiraatanii turan ta’e, daayinoosaroota irra maaltu ga’ee? Macaafni Qulqulluun dhimma kana irratti umaa dubbachuu dhabaatus, daayinoosarootin yeroo bishaan badiisaa booda du’aniiru ta’a jijjiirama lafa kana irratti ta’ee fi namoonni baay’isanii jara adamsamuudhaan ajjeefamanii dhumaniiru.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Macaafni Qulqulluun waa’ee daaynooserootaa maal jedhaa? Macaafa Qulqulluu keessa daainooseeroonni jiruu?
© Copyright Got Questions Ministries