Wanti tokko cubbuu ta’uu isaa akkamitti beekuu dandeenyaa?



Gaaffii: Wanti tokko cubbuu ta’uu isaa akkamitti beekuu dandeenyaa?

Deebii:
Gaafii kana irratti wanti lama ni hordofu, kitaabni qulqulluun adda baasee kan inni eereefi cubbuu akka ta’an kan inni beeksisee fi macaafni qulqulluun kallattidhumaan kan inni hin beeksiifne. Qulqulluun sagalee isaa kan inni tarreessuu cubbuu adda addaa kan of keessatti qabatan Fakkeenya 6:16-19, Gal. 5:19-21 fi 1Qor. 6:9-10. Shakkiin tokko illee jiraachuu hin danda’u, dubbifamni kun gocha isaani akka cubbuutti dhi’eessuu isaa, Waaqayyo wanta inni hin fudhanne. Ajjeechaa, ejja, soba, hanna, k.k.f shakkii tokko illee hin qabu. Macaafni qulqulluun wantoota kana cubbuu jehuu isaatiif. Wanti baay’ee rakkisoon macaafni qulqulluun kallattiidhaan kan inni hin ibsinee cubbuu murteessuu dha. kitaabni qulqulluun dhimma tokko tokkoo osoo hin hagugamiin yeroo hafuu, sagalicha irratti qajeelfamni wali gala jira, akka nu geggeesaniif.

Duraan dursee, kan murtaa’ee waabii sagalee isaa waa tokko illee kan hin qabne, wanti tokko dogogora jedhe gaaffachuu dhiisu isaatu wayya, ha ta’uu malee caaladhumatti, inni dhugumatti gaarii yoo ta’e. kitaabni qulqulluun ni jedha, fakkeenyaaf, nutty, “tokkoon tokkoon carraa haala wayyun akka itti fayyadamnu” (Qol. 4:5). Lafa kana irratti guyyaa muraasni nu qabnu baay’ee gabaabaadhaa fi minyaa dha, kan bara baraa wajjin kan wal qabate, akkasumas wanta dhuunfaatiin yeroo keenya akka hin dabarsinee raawwatee nuuf hin ta’u , ha ta’uu malee kan biroo akka fedhii isaanitti ijaaruudhaaf akka gargaaru malee” (Efe. 4:29).

Yaalli gaariidhaa fi murtoon, nu amanamummaadhaan, sammuu gaariidhaan, Waaqayyo akka nu eebbisu kadhachuudha, akkasumas gocha murtaa’ee fi kaayyoo mataa ofiif. “Kanaaf yeroo nyaattanis ta’e dhugdan wanta gootan hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa” (1Qor. 10:3). Bakka shakki yoo jiraatee, Waaqayyoon ni gammachiisaa/hin gammachiisuu akka ta’ee, egaa dhiisuutu filata. “Amantii irraa kan hin taanee hundumaa cubbuu dha” Roome 14:23). Yaadachuun kan nurra jiru foon keenyas ta’e lubbuun keenyaa kan furamteef Waaqayyoodhaaf akka ta’ee dha. “Yookaas foonni keessan Waaqayyo irraa kan fudhatan isin keessa kan jiraatu mana hafuura qulqulluu akka ta’ee hin beektanii? Gatiidhaan bitamtaniitu hook an mataa keessani miti, kanaaf foon keessaniin Waaqayyoon ulfeessaa.” (1Qor.6:19-20). Dhugaa guddaa kanaaf gatii amansiisaan kennamuufitu irra jiraata, maal akkahojjennuu fi eessa akka deemnu.

Dabalataanis, gocha keenyaan sakkata’uutu nurra jiraata,Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qabnu qofan osoo hin taanee inni maati keenya irratti, firoota keenya irratti fi namoota biroodhaan walummaa galatti dhiibbaa inni fidu. Ammam illee wanta adda ta’ee dhuunfaatti yoo nu miidhuu baatees, inni bifa nama miidhuun nama biraa irratti dhiibbaa yoo geessise yookaan yoo miidhe inni cubbuu dha. “Foon nyaachuu dhiisuun yookaan wayinii dhuguu dhiisuun yookaan obbolessi kee kan itti guffatu waan tokko illee gochuu dhiisuu wayya… fi jaboo kan taanee ba’aa warra dadhabootaa baachuutu nurra jiraata, mataa keenya osoo hin gammachiisiin” (Roome 14:21, 15:1).

Xumura irrattis, Yesus Kristoos gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenya akka ta’e yaadadhaa, kanaaf kan biraa kamiinuu fedha isaaf kan qabnu kallattiidhaan dursa akka fudhatu eyyamuun nurra hin jiru. Amala akkami iyyuu yookaan fincila kan kaasu yookaan kakka’umsi jireenya keenya irrati akka bakka qabaatuu eyyamuufiin irra hin jiraatu, Kristoos qofa dha sun aboo kan inni qabu. “Hundu nu iyyamameera, hundumtuu garuu nama hin fayyadu. Hunduu nu iyyamameera, ana irratti garuu wanti kam iyyuu gooftummaa hin qabaatu.” (1Qor. 6:12). “Waaqayyo abbaa isaan galateeffachaa, jechaan yoo ta’es yookaan hojiidhaan kan gootan hundumaa maqaa Yesuusiin godhaa.” (Qolasiyaas 3:17).


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Wanti tokko cubbuu ta’uu isaa akkamitti beekuu dandeenyaa?