settings icon
share icon
Gaaffii

Biyya lafaan ala kan jiru uumamni addaa jiruu?

Deebii


Jalqaba irratti lafaan alatti kan jiran “aliens” “Filannoo safuu fillachuu danda’u, heyyama miira fedhii jiraachuu” jechuun hiika itti haa laannu. Itti fufuun dhugaa saayiinsawaa:-

Namoonni pilaanetoota dhi’ootti tokkoon tokkoon isaanii seera aduutiin gara pilaaneetitti erganiiru. Isaan pilaanetoota erga ilaalanii booda hundumaa kan to’ataniidha garuu Marsii tarii adeessa Jupiterrii jireenya akka itti fufuu gargaaraa jirti.

Bara 1976tti USA balalistoota lama gara Maarsiitti ergite. Tokkoon tokkoon isaanii qotuudhaan meeshaa isaan dandeesisu qabu fi waa’ee jireenyaa mallattoo ta’e yaadachuuf akka ta’e qotan. Homaa hin arganne. Sadhatawwan biyyoo godhachuu kan hin dandeenye lafa honaa kan argame yookaan baay’ee kan cabbaa’u Antertikaan yeroo sana walitti qabaa lubbuu qabeeyyii argatu. Bara 1997 warri Ameerikaa gara Maarsitti xiyaara ergite. Isaan basaastootni kun waan irrratti qoratamuu waantota tokko tokko gad ergan. Akkasumas jireenya kan jedhamuu akka hin jiree mirkaneessan. Yeroo sanaa kaasee gara maarsii adeemsi baay’een godhameera. Bu’aan isaa garuu wal fakkaataa dha.

Waa’ee urjootaa kan qoratan yeroodhaaf pilaneetni aduu irraa fagaatanii argamu. Warri tokko tokkoo akka tilmaamanitti jiraachuun pilanetootaa kan mirkaneessu universii keessa bakka tokkoo jiraachuu kan danda’uu dha. Dhugaan isaa isaan kana keessa isa kam yoo ta’e pilaaneeti lubbuun irra jiru ta’uu isaa kan deggeru ta’ee kan hin mirkaneefamne ta’uu isaati. Baay’ee bal’aa kan ta’e lafaa fi pilaanetoota gidduu fageenyi jiru jireenya qabaachuu danda’a tilmaama jedhu kaa’uudhaan kan hin danda’amne godha. Lafti qofti seeraan aduu keessa jireenyatti jiraachuu kan eeyyamtu ta’uu isaa osoo beekanii jijjirama tirannaa degertootni haala olaanaan pilaneeti kan biraan seera aduu kan biraa keessa jireenyi jiraachuu danda’a kan jedhu yaada gar tokkootti jechuu degeruuf barbaadu. Kan biroon pilaanetootni biroon jiru waa’ee isaanii garuu jireenyatti jiraachuu fudhachuu akka danda’an baay’ee hin beeknu.

Kanaaf kitaabni qulqulluun maal kan inni jedhu? Laftii fi sanyiin namaa uumama Waaqayyoo keessa kan adda ta’anii dha. Uma. 1 akka nu barsiisutti Waaqayyo lafa kan inni uume aduu ji’a urjoota illee osoo hin uumiin dura. HoE. 17:24:26 akka nutti himuutti “Waaqayyo, biyya lafaa, kan isa keessa jirus hundumaa kan uume, gooftaa Waaqaatii fi lafaati; inni galma harki namaa ijaareetti hin galu. Ofii isaati sanyii namaa hundumaaf, jireenyaa fi qilleensa kan isa barbaachiisu hundumaas in kenna; kanaaf harki namaa kan isaaf hojjechuu danda’u, wanti isaaf barbaachisuus hin jiru. Sanyiin namaa hundinuu namicha tokkicha irraa argamanii, irra lafaa hundumaa irra akka jiraatan godhe; bara isaaniittis daarii itti godhe. Kanas Waaqayyoon akka isaan barbaadaniif, qaqqabataniis akka isa argataniif godhe; amma illee Waaqayyo hunduma keenyatti fagoo miti.”

Namni jalqaba irratti yeroo uumame cubbuu malee ture lafa hundumaa irra kan jiruu baay’e gaarii ture. (Uma. 1:31). Namni jalqabaa cubbuu yeroo godhu (Uma. 3), gatiin isaa dhukkubaa fi du’a dabalatee rakkoo hundumaa kan huwwisu ture kan inni fide. Bineeldootni Waaqayyoon kan gadisiisan yoo hin taanees (uumama safuu qaban miti) isaanis ni dhiphatu ni du’us. (Rom. 8:19-22). Yesus nu sababa cubbuu keenyaan gatii fudhachuun nurra jiru nuuf kaffaluuf du’e. Yeroo deebi’aniitti Addaam irraa kaasee abaarsa nurra kaa’amee kaasa (Mul. 21-22). Haa yaadannu Rom. 8:19-22 kan nuuf kaa’uu uumamni hundinuu guyyaa kana yaaduudhaan akka eeggatanii dha. Akkasumas Yesus Kristoos du’uuf akka dhufu akkasumas kan inni du’u yeroo tokko qofa akka ta’e yaadachuun barbaachiisa (Ibr. 7:27, 9:26-28; 10:10).

Amma uumama hundumaa abaarsa jala taa’ee yoo rakkates lafti kam iyyuu jireenya addaa hundumtuu ni dhiphatas. Wal mormii qofaaf kan ta’e seera safuu kan qaban lafa irra ni jiraatu, egaa isaanis ni dhiphatu fi amma yoo hin taane waan hundumaa sagalee guddaan yeroo darbu wanti hunduu abidda guddaadhaan foon isaanii dhiphata (2Phex. 3:9). Cubbuu raawwatanii osoo godhanii hin beekne Waaqayyoo qulqulluu hin ta’u ture. Cubbuu yoo godhan garuu Yesusis kan du’e yeroo tokko qofa yoo ta’e (lafa irratti kan du’e) egaa cubbuu isaanitiin jiraatu kunis immoo amala Waaqayyoo wajjin kan wal falleessuu (2Phex. 3:9) kun iciitii deebii hin arganne nu dhiisa yoo ta’uu baate dhugaadha kan biroon seera safuu uumama qaban lafaa ala hin jiru.

Pilaaneeti kan biroo irra kan jiraatan seera fi saayinsii waan hin qabne akkam? Saphaphuu yookaan saree fi addurree pilaaneeti kan birootti argamuu danda’uu? Akkuma beekamu egaa kitaaba qulqulluu kamiin iyyuu luqisiin homaa kan ta’uu waan addaa homaa hin qabu. Garuu kan akka kanaa gaaffiiwwan yoo gaaffanu mirkaneeffawwan barbaaduu danda’a “Seera safuu fi saayinsii kan hin qabne uumamni pilaneetoota kan biroo uumama hundumaa kan dhiphisu amma ta’ee jiruutti Waaqayyo karoora akkamii qabaata?”

Xumura irratti kitaabni qulqulluun qaama universii kan biroo jireenyi jira jedhee amanuudhaaf sababa kamiyyuu nuu hin kennu. Dhugaa dha kitaabni qulqulluun ta’uun kan hin danda’amne sababawwan furtuu baay’ee nutti hima. Dhugaadha keessummaa baay’ee kan ta’an wantoota hin eegamne ta’u. Egaa kana amala dhugaa lafaan ala uumama addaa jiran kennuudhaaf sababa homaa hin qabu. Tilmaamawwan ta’ii kanaaf adda baasanii beekuun kan danda’amu sababni yoo jiraate kan hafuuraati ta’uu kan inni danda’ufi dhugaadhummatti ka’umsa isaa irraa kan hafuura hamaati.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Biyya lafaan ala kan jiru uumamni addaa jiruu?
© Copyright Got Questions Ministries