Namni bifa Waaqayyotti uumameera jechuun maal jechuudhaa (Uumam 1:26-27)?



Gaaffii: Namni bifa Waaqayyotti uumameera jechuun maal jechuudhaa (Uumam 1:26-27)?

Deebii:
Uumama irratti guyyaa dhumaatti Waaqayyo jedhe, “nama akka bifa keenyaaf fakkaatti keenyaatti ha uumnu” (Uumama 1:26). Akkasumas hojii isaa “dhuunfatti tuquu isaa” ni xumure. Waaqayyo nama biyyoo lafaa irraa tolche akkasumas afuura ofii isaa kennuufidhaan jireenya kenneef (Uumama 2:7). Ka’umsuma irraa namni uumama Waaqayyoo hundumaa irraa adda, lamanuu qaamii fooniitii fi foon kan hin taanee lubbuu yookiin afuuraa kan qabuu dha. Kan Waaqayyoo “bifa” “fakkeenya” qaba jechuun ibsa salphaadhaan, Waaqayyoon akka fakkaanuuf uumamneera jechuu dha. Addaam Waaqayyoon hin fakkaatu ture, Waaqayyo foonii fi dhiiga qaba bifa jedhun. Qulqulluun sagalee isaa kan jedhu “Waaqayyo afuura”(Yohannis 4:24) akkasumas kanaaf qaamni jiruu ni jiraata. Ta’us, qaami Addaami jireenya Waaqayyoo callaqisiisa ture, fayyaa guutuudhaan akka uumame du’aafis hin bitamu ture.

Bifi Waaqayyoo kan eeruu qaama foonii kan hin taanee kutaa qaama namaati. Innis nama addunyaa bineensaa irraa adda baasa, Waaqayyo, lafa irratti akka bituu fi kenuufidhaan gahaa godha (Uumama 1:28) akkasumas uumaadhaa wajjin akka wal argu ni dandeesisa. Inni yaadaan, safuudhaan, hawaasummaadhaan fakkaatti ta’uu dha.

Yaadaan, namni kan uumamee fi kan yaaduu bakka bu’aa kan fedhaa ta’eeti. Ibsa biraadhaan, namni yaaduu danda’a akkasumas fillachuu danda’a. Kunnis kan Waaqayyo beekumsaa fi birmadummaa kan callaqisiisuu dha.Yeroo ta’eetti maashiniin tokkoo falaasafuu ni danda’a, macaafa barreesuuf, teessuma lafaa kaasuuf, muuziqaa qindeessuuf, foormuulaa eda’uuf, yookaan horii manaa mogaassuu danda’a, inni/isheen kan isaan argisisan dhugaan bifa Waaqayyootti uumamuu keenya.

Haala safuutiin, namni kan uumamee tolaa fi raawwatee mudaa kan hin qabnee dha callaqee qulqullummaa Waaqayyooti. Waaqayyos kan uume hundumaa ilaalee (mucaa namaa bakka bu’ee) akkasumas “baay’ee gaarii dha” jedhee waamee (Uumama 1:31). Damaqiinsi sammuu keenyaa yookaan “hangi safuu keenyaa” isa sana gaadisa ejjennoo keenyaa guddaa argisiisa. Inni tokkoo seera yeroo barreessee, hamaa irraa achi goree, amala gaarii yeroo galateefatuu, yookaan cubbummaa yeroo dhaga’u, inni kan inni mirkaneessuu dhugaan bifa Waaqa mataa isaatiin uumamu keenya.

Hawaasummaadhaan, namni kan uumameef tokkummaadhaaf. Kunnis immoo kan Waaqayyoo sadan tokkummaa isaa argisiisa, akkasumas jaalala isaa. Ganati namni dursee bakka Waaqayyoo wajjin walitti dhufee dha (Uumama 3:8 tokkummaa Waaqayyoo wajjin qabu argisiisa ture), Waaqayyoos dubartii jalqabaa kan uumee “namni qophaa jiraachuun gaarii miti” sababa kanaatiif (Uumama 2:18). Yeroodhaa yerootti tokko yeroo fuudhuu, hiriyaa yeroo uummatu, dhala yeroo hammatuu, yookaan waldaa kiristaanaa yeroo argatuu, dhugaa inni argisiisuu bifa Waaqayyotti uumamuu keenya.

Bifa Waaqayyootti hirmaanaan uumamuu, Addaam filannoo bilisaa dandeentii gochuu kan qabu ta’uu isaati. Ammam illee tolli uumamni yoo kenneef iyyuu, Addaam fillannoo hamaa godhe, uumaa isaa irratti finciluudhaaf. Kana gochuu isaatiinis matuma isaatiin bifa Waaqayyoo balleesse, kanaaf bifa miidhamee sana sanyii isaa hundumaa irratti dabarse (Roomee 5:12). Har’a bifa Waaqayyoo akka qabanee dha (Yaaqoob 3:9), garuu immoo godaanisa cubbuu qabna. Yaadaan, safuudhaan, hawaasa keessatti fi qaamaan, miidhaa cubbuu ni argisiifna.

Oduu gaarii, Waaqayyo nama tokkoo yeroo fayyisuu, bifa Waaqayyoo isa guddaa deebisuu jalqaba, “eenyummaa haaraa, Waaqayyoon ha fakkaatuudhaaf kan itti uumame, tola dhugaa fi qulqulluummaa” uumamuu isaatiin (Efesoon 4:24). Fayyisuun sun kan inni argamuu ayyaana Waaqayyoo qofaan, Yesuus Kristoos akka fayyisaa keenyaatti amanuudhaan, Waaqayyo irraa adda kan nuu baasee cubbuu (Efesoon 2:8-9). Kristoosiin uumama haaraa taaneera, bifa Waaqayyooti (2ffaa Qoro 5:17).


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Namni bifa Waaqayyotti uumameera jechuun maal jechuudhaa (Uumam 1:26-27)?