settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus araarsuuf bakka bu’ee du’uun isaa maaliidha?

Deebii


Fayyinni balaa ykn gidiraa jalaa bilisa ba’uu jechuudha. Oolchuu jechuun keessaa baasuu ykn irraa eeguu jechuudha. Jechoonni kun yaada mu’annaa, fayyinaa fi kunuunsaa of keessaa qabu. Yeroo tokko tokko kitaabni qulquulluun jecha bilisa ba’uu ynk fayyuu jedhu haala fayyina yeroo, bilisummaa foonii ibsuu kan akka Phaawuloos mana hidhaa irraa bilisa ba’uu agarsiisu ibsuuf nifayyadama. (Filiphisiiyus 1:19).

Yeroo baay’ee, jechi “fayyina” jedhu fayyina hafuuraa bara baraa kan ilaallatudha. Phaawulos

Yeroo namicha mana hidhaa Filiphisiiyus sanatti fayyina argachuuf maal gochuu akka qabu yeroo itti himu, waa’ee dhuma jireenya isaa isaa isa bara baraa hasa’aa ture. (HoE 16:30-31). Yesuusuusis fayyina mootummaa Waaqayyoo seenuu wajjin wal qixxeesse (Maatewos 19:24-25).

Maal irraa kan fayyinu? Barsiisa fayyinaa kiristaanaa keessatti, “dheekkamsa” waaqayyoo sababa cubbuu keenyaaf godhu irraa fayyina (Roomaa 5:9; 1Tasaloonqee 5:9). Cubbuun keenya waaqayyo irraa adda nubaasa. Bu’aan cubbuu immoo du’a (Roomaa 6:23). Fayyinni akka macaafni qulqulluu agarsiisutti bu’aa cubbuu irraa bilisa ta’uu waan ta’eef cubbuu dhiisuu of keessaa qaba.

Kan fayyisu eenyu? Cubbuu keenya nuuf dhiisuu akkasumas adabbii cubbuu jalaa nubaasuu kan danda’u waaqayyo qofadha (2Ximotewos 1:9;Tiitoo 3:5).

Waaqayyo akkamitti fayyisa? Barsiisa fayyina kiristaanaa keessatti, Waaqayyo karaa Kiristoosiin bilisa nubaase (Yohaannis 3:17). Addatti, du’a Yesus fannoo irratti godhee fi du’aa ka’uu isaatiin fayyina keenya arganne (Roomaa 5:10; Efesoon 1:7). Caaffanni qulqulluun akka himutti fayyina tolumaan kan kennamee fi kan namni argachuuf hinmallef akka ta’efi(Efesoon 2:5, 8) fi fayyinni kunis kan argamu kiristoos Yesuusitti amanuu qofaan akka ta’edha (HoE 4:12).

Akkamitti fayyina arganna? Fayyina kan argannu amantaadhaani. Jalqaba wangeela dhaga’uu- du’aa fi du’aa ka’uu Yesus (Efesoon 1:13). Sana booda, amanuu dha—Gooftaa Yesuusiin uutummaatti amanachuu qabna (Roomaa 1:16). Kunis qalbii diddiirrachuu, waa’ee cubbuu fi Kiristoos yaada jJijjiiramaa of keessatti qabata (HoE 3:19), akkasumas maqaa Gooftaa waamuun dha. (Roomaa 10:9-10, 13).

Hiikni barsiisa kiristaanaa waa’ee fayyinaa “Adabbii cubbuu barabaraa irraa warra waaqayyootti amanuun cubbuu isaanii irraa qalbii diddiirrataniif ayyna waaqayyoon dhiifama aragachuu jechuudha.” Fayyinni kan argamu karaa Yesus qofaanidha. (Yohaannis 14:6; Hojii Ergamootaa 4:12). Akkasumas fayyina kana kan kennu, mirkaneessu fi qwabii kennu Waaqayyoo qofadha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Fayyinni maali? Barsiisni (Doctrine) Kirstaanaa fayyinaa irratti maali?
© Copyright Got Questions Ministries