settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus araarsuuf bakka bu’ee du’uun isaa maaliidha?

Deebii


Du’aa ka’uun Yesus sababoota hedduudhaaf barbaachisaa dha. Tokkoffaa, du’aa ka’uu Guddina humna Waaqayyoo dhugaa ba’a. Du'aa ka'uutti amanuun Waaqayyotti amanuudha. Waaqayyo yoo jiraate, yoo inni uumama uume fi aangoo irratti qabaate, humna du’aa kaasu qaba jechuudha.Humna akkasii yoo hin qabaanne amantii fi waaqeffannaa keenya isaaf hin malu. Uummaa lubbuu kan ta’e qofatu erga du’ee booda du’aa kaasuu danda’a, du’as duubatti deebisuu kan danda’u Isa qofa, citaa buqqisee awwaala irratti injifannoo argachuu kan danda’u Isa qofa (1Qorontoos 15:54-55). Waaqayyo Yesusiin awwaala keessaa du’aa kaasuun isaa olaantummaa guutuu inni du’aa fi jireenya irratti qabu nu yaadachiisa.

Du’aa ka’uun, Yesus Kiristoos eenyu akka ta’e kan mirkaneessu waan ta’eef illee barbaachisaa dha.Kunis Ilma Waaqayyoo fi Masiihii ta’uu isaa jechuudha. Akka Yesus jedhutti du’aa ka’uun isaa “mallattoo samii irraa” kan tajaajila isaa mirkaneesse (Maatewos 16:1–4) dha. Du’aa ka’uu Yesus Kiristoos, namootnni ijaan argan dhibbaan lakkaa’aman kan ragaa ba’aniifi (1 Qorontos 15:3–8), kunis ragaa hin mormamne fi kenna inni Fayyisaa biyya lafaa ta’uu agarsiisa.

Du’aa ka’uun Iyyesuus Kiristoos barbaachisaa ta’uuf sababni biraan amala cubbuu hin qabne ta’uu isaa fi waaqummaa isaa kan mirkaneessudha. Kitaabni qulqulluun “Qulqulla’aan” gonkumaa badiinsa ykn tortora akka hiargine dubbata (Faarfannaa 16:10), Yesus immoo erguma du’ee bodas ta’u, badiinsa ykn tortora argee hin beeku (HoE 13:32–37 ilaali). Du’aa ka’uu Kiristoos bu’ureeeffachuun Phaawuloos yeroo lallabu, “Kanaafis karaa Yesuus isa du’aa ka’e kanaan dhiifamuun cubbuu isnitti hinlallabama. …. Karaa isaa namoonni amanan hundinuu cubbuu isaanii irraa hiikama in argatu” (HoE 13:38-39).

Du’aa ka’uun Yesus Kiristoos waaqummaa isaa mirkaneessuu isa olaanaa qofa miti; akkasumas raajiiwwan kakuu moofaa waa’ee gidiraa fi du’aa ka’uu Yesus raajii dubbatans nimirkaneessa (Hojii Ergamootaa 17:2–3 ilaaali). Akkasumas du’aa ka’uun Kiristoos maataa isaa gaafa guyyaa sadaffaa du’aa nanka’e jedhe kan mirkaneessedha. (Mar 8:31; 9:31; 10:34). Yesus Kiristoos du'aa hin kaane utuu ta'e, nutis abdii sana hin qabaannu jechuudha.

ni taana, yookaan. Dhugaa dubbachuuf du’aa ka’uu Kiristoos alatti, fayyisaa, fayyina, fi

abdii jireenya bara baraa hin qabnu. Akkuma Phaawulos jedhe amantiin keenya “Faayidaa kan hin qabne” ta’a, wangeelli ni ta’a, wangeellis guutummaan humna hinqabu akkasumas cuubbuun keenya utuu nuu hindhuufamin hafa ture (1 Qorontos 15:14–19).

Yesuus akkas jedhe, “Du’aa ka’uun jireenyis ana” (Yohaannis 11:25). Dubbii isaa kana keessatti inni madda du’aa ka’uu fi jireenyaa akka ta’e ibsa. Kiristoosiin alatti du’aa ka’uunis jireenyi barabaraas hinjiru. Yeesuus jjreenya kennuu calaa innumti jireenyadha. kanafis duuti Isa irratti aangoo hin qabu. Yesuus warra isatti amananiif jireenya isaa kennee akka nuti du’a irratti injifannoo isaa qooddannu godhe (1Yohaannis 5:11–12).Nuti warri Yesuusitti Kiristoos amanu du’aa ka’uun jireenya keenya keessatti nita’a sababiin isaa jireenya Yesus qabaachuun du'a mo'anneerra. Duuti injifachuu hin danda’u (1 Qorontos 15:53–57). Yesus “warra obbafatan keessaa isatu jalqaba ka’e” (1Qorontoos 15:20). Kana jechuun Yesuus jireenya du’a booda jiruuf karaa agarsiise. Du’aa ka’uun Yesus Kiristoos bu’uuraa amantii kiristaanaa kan ta’e du’aa ka’uu dhala namaatiif ragaa murteessaadha.

Amantiwwan Kanneen biroo irraa amantaa aKiristaanummaa kan adda taasisu, ijaaraan isaa du’a irra darbee warra isa hordoftoonnis waadaa du’arra darbuu danda’uu kennuu isaati. Amantoonni warri kaan garuu namoota ykn raajota dhumni isaanii du’a ta’een ijaaramuu isaaniiti. Akka kiristaanotaatti Waaqayyo nama ta’ee dhufee, cubbuu keenyaaf akka du’ee fi guyyaa sadaffaatti du’aa akka ka’e ni’amanna. Awwaalli Isa qabachuu hin dandeenye. Inni jiraataa, har'as gara mirga abbaa taa’ee jira (Ibroota 10:12).

Dubbiin Waaqayyoo gaafa dhufaatii Yesus Kiristoos amantoonni du’aa ka’uu isaaniif butamuu waldaaf wabii ni ta’a. Mirkaneessi akkasii bu’aan isaa faarfannaa injifannoo guddaa akka Phaawulos 1 Qorontos 15:55, irratti barreesse “Yaa du’a, mo’ichikee meerre? Yaa du’a arfiinkees meerre?” (Hose'aa 13:14 wajjin ilaali).

Barbaachisummaan du'aa ka'uu Kiristoos tajaajila amma Gooftaaf kenninu irratti gumaacha qaba. Phaawulos haasaa isaa waa’ee du’aa ka’uu jechoota kanaan xumura:” Jaalatamoo obbolootako, egaa utuu hinsocho’in jabaadhaati dhaabadha! Itti dadhabuun keessan gooftaa biratti akkasumaan akka hinta’in beektanii, yeeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisaa hojjedhaa!”. Nuti jireenya haaraatti akka kaaamnu waan beeknuuf, Kiristoosiif jennee ari’atamaa ta’uu dandeenya (lakk 30–32). Akkumas, sababa du’aa ka’uu gooftaan keenya Yesus Kiristoos godheen, kiristaanonni kumaatamaan lakkaa'aman wareegamtoonni seenaa keessa darban fedhiidhaan jireenya isaanii isa lafaa jireenya bara baraatii fi waadaa du’aa ka’uuttin nijiraatu.

Du’aa ka’uun amantoota hundaaf injifannoo fi ulfina qabeessadha. Yesus Kiristoos akka Caaffata Qulqulluu jedhutti du’ee, awwaalamee, guyyaa sadaffaattis du’aa akka ka’e dubbata (1 Qorontos 15:3–4). Akkasuma deebi’ee nidhufa! Warri du’an ni kaafamu, warri yeroo Kiristoos dhufaatii lubbuun jiran jireenyaa haaraa fi qaama haaraa, ulfina qabeessa ta’e argatu (1Tasaloonqee 4:13–18).

Du'aa ka'uun Yesus Kiristoos maaliif barbaachisaa? Yesus eenyu akka ta’e mirkaneessa. Waaqayyo Yesusiin bakka keenya bu'ee wareegama kafale akka fudhate argisiisa. Waaqayyo warra Kiristoositti amanan qaamni isaanii du’ee akka hinafneef du’aa akka kaasu wabii nikenna.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Du’aa ka’uun Yesus Kiristoos barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
© Copyright Got Questions Ministries