settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus araarsuuf bakka bu’ee du’uun isaa maaliidha?

Deebii


Araarri tokko erga walitti bu'iinsaa ykn waldhabdee qaama lama gidduutti eemameen kanka’e hariiroo gaarii gidduu isaaniitti uumuudhaaf wanta godhamudha. Araarri Kiristaana hojii Waaqayyoo karaa Kiristoos walitti dhufeenya ilma namaa fi ofii isaa gidduu tti uumuudhaaf godhedha.

Araarri Kiristiyaanaa michoota duraanii lamaa fi amma garuu wal dhabaniin fakkeeffamuu danda’a. Hariiroon gaariin yeroo tokko qabaachaa turan hanga addaan cituutti ni ga’a. Isaan lamaan walitti haasa’uu nidhaabu, ormas nita’au. Waldineeffatus. Garru gaaf tokko wanti tokko ni ta’a. Hiriyyoonni addaan baʼan haasaʼuu jalqabu; of tuuluun fi aariin cinatti hafa; dhiifama gaafachuun nita’a, dhiifamnis hingodhama, walitti dhufeenyi isaanii bakkatti nideebia’a.

Dhumarratti nagaan yeroo deebi’ee fi hiriyyoonni wal hammatan, .

araarri bu’e jechuudha. Mee hiryoota lamaan sana keessaa isa balleessaan kan isa tokkoo qofa jedhaati yaada. Garuu kan araara kana buuse, jalqabsiise garuu hiryaa isa kaan isa balleessaa hinqabnedha. Araarri Kiristoos nuuf godhes kana fakkaata. Waaqayyo tu gara keenya isa cubbamootaa dhufe. Araarri jijjiirama of keessaa qabaachuun dirqama. Araara kiristaanaa keessatti Waaqayyo hin jijjiiramu. Inni mudaa kan hin qabne waan taʼeef. Garuu Inni nuun ni jijjiira. Kanarraa kan ka’e hariiroon Isaa wajjin qabnu ni jijjiirama.

Waaqayoo karaa Ilma isaa Iyyasuus Kiristoosiin ofitti nu’araarse. “ kun hundumtuu waaqayyo isa karaa kiristoos ofitti un’araarse biraa ta’e; inni hojii araarsuu isaa kanas namootatti akka dabarsinuuf nuuf kenne” ( 2Qoronxoos 5:18-19). Dhugaa dha “nuti amallee diinota utuu jirruu, du’a ilma isaatiin waaqayyoyyi araaramne…..” (Roome 5:10). Duuti Yeesuus waan hunda jijjiire. Kirsitoos du’a isaatiin ngaa buuse, “dhiiga kiristoos isa fannoo irratti dhangala’eenis lafa irrattis waaqa irrattis naagaa buuseera”.(Qolaasiyaas 1:20).

Araarri nu barbaachisa jechuun walitti dhufeenyi Waaqayyoo wajjin qabnu addaan citee jira jechuudha. Waaqayyo qulqulluu ta’uun isaas kan balleessaa qabu budha jechuudha. Cubbuun keenya waaqayyo irraa nufageesseera. Duuti Yesus Kiristoos fannoo irratti godhe bu’uura araara argachuu fi qajeelummaa keenyaati. Ayyana waaqayyootiin, karaa ilma isaatiin, waaqayyo fakkeenya kiristoosinn lammata nu’uume. Ilmi namaa fi waaqayyo walitti dhufe. “Nuti kana booda diinota, warra waaqayyoon hinbeekne, cubbamoota fi warra humna hinqabnee miti. Sababii waaqayyoo, jaala isaa isa karaa hafuura qulqulluu nuuf kenname, garaa keenya keessatti dhangalaaseef, abdiin immoo nu hin yeellaasisu”. (Roome 5:5). Jijjiiramni kun jjirriirama bu’raa jireenya keenyya ti. (“Reconciliation,” Woodruff, W., Baker’s Evangelical Dictionary of Biblical Theology, Elwell, W., ed., Baker Books, 1996).

Guutummaan Macaafni Qulqulluun seenaa araara kiristaanaati jechuun ni danda’ama. Dhhaabata ykn biqiltuu Eden kessatti hiryummaa waaqayyoon eegallee leeyyoo tokko malee waaqayyoo fi wali keenya waliin jireenne. Garuu sana booda cubbuun biyya lafaa seenee, walitti dhufeenyi keenya hundinuu ni cabe. Karaa mataa keenyaa barbaadaa fi ifatti diinummaa Waaqayyoo keessa jiraannee diina Waaqayyoo taane. Guutummaan Caaffata Qulqullaa’oo, egaa, Waaqayyo ofii isaa wajjin nu araarsuu wannta godhe ibsa. Nuti jalaa giigne innimmoo nu hordofe. Akka hoolaa faffacane. Innis tiksee gaarii nuuf erge. Nuti dukkana keessa dhokanne, Innis Ifa isa dhugaaa nuuf erge. dheebuu ofumaan uumneen du'aa turre, inni garuu bishaan Jireenyaa nuuf erge.

Ayyaanni fi gaarummaan Waaqayyoo araara kiristaanaa keessatti guutummaatti mul’ata. “Isin dura hamaa yaaduu keessaniin, hojjechuu keessaniinis orma, diina waaqayyoos taatanii turtan. Amma garuu waaqayyo du’a namummaa ilma isaatiin isin araarsee, warrra isaaf qulqulla’an, warra mudaa hinqabne godhee ofdura isin dhaabachiiseera“. (Qolosaayis 1:21–22).

Akka warra Waaqayyootti araaramneetti “tajaajilli araara” nuuf kennameera. (2 Qorontos 5:18). “Ergaa Araara” nuuf kennameera. (lakk. 19). Egaa amma wangeela gara addunyaa du’aa jirtutti geessina, “ Maqaa kirisoosiin nuti isin kadhannaKiristoos Waaqayyoo wajjin araaramaa” (lakk. 20) jennee. Yessus aarsaa isa mudaa hin qabnefannoo irratti cubbuuf keenyaaf taasiseera (Ibroota 2:17). Du'a Isaatiin, Ihariiroo waaqayyo waliin qabnu nuuf deebise. Nuti warra hin fayyine Kiristoositti amanatanii gammachuu araara kiristaanaa akka argatan ni kadhanna.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Araarri kiristaanaa maali? Waaqayyo waliin araaramuun maaliif barbaachise?
© Copyright Got Questions Ministries