settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyotti amanuu fi saayinsiin walitti bu’aa?

Deebii


Saayinsiin “kan hubachuu adda baasuu ibsuu raawwii qorachuu ariifatee adda baasee beekuu fi tarreefama yaadaa kennuuf kan raawwatamuu dha. Saayinsiin namoota uumama addunyaaf hubannaa isaan qaban guddifachuuf karaa isaan itti fayyadamaniidha.Qorachuudhaan beekumsa bardaaduu dha. Duraan dursee saayinsii akkaataa yaada namaa fi beekumsa kan irra gahee kan ibsuu dha. Ta’us kristaanoonni saayinsii irratti amantii isaan qaban Waaqayyo irratti akka amantii qabanii ta’uu hin danda’u. Guutuutti sirrii kan ta’ee fi kan hin taane adda baafnee hanga beekneetti Kristaanoonni Waaqayyootti amanuu fi saayinsiifis ilaalcha ta’uu qabuu qabaachuu dandeenya.

Waaqayyo irratti amantii nu qabnu amananaa amantiidhaan ta’ee dha.Ilma isaa Yesus Kristosiin amantii fayyina sagalee isaan qajeelfama fudhachuudhaaf hafuura qulqulluudhaan amantii ittiin geggeefamnu qabna.Waaqayyo irratti amantii nu qabnu guutuu fi muda maleessa. Amantii keenya Waaqayyo irratti hanga keenyeetti guutuu kan ta’ee hundumaa kan danda’uu hundumaa kan beeku Waaqayyootti amanana. Amantiin saayinsii irrati qabnu beekumsa sammuu irra kan caaluu miti. Saayinsiidhaan wantoota gurguddaa argachuu ni dandeenya garuu immoo dogogora baay’ees hojjeechuu dandeenya. Amanti keenya saayinsii irra yoo goone guutuu kan hin taanee cubbamaa kan biraa nama du’aa ta’ee irratti hirkannee jiraanna. Saayiinsiin seenaadhaan barootaaf kan inni dogogoree wantootni baay’een jiru, boca lafaa, balali’uu humnaan guutee, talaallii kan dhiigaa kennuu akkasumas waa’ee sanyii baay’iisuu. Waaqayyo garuu dogogoree hin beeku.Dhugaan wanti inni sodaatu hin jiru kristaanis saayinsii dhugaa sababa inni sodaatuuf hin jiraatu.Waaqayyo akkamitti addunyaa kana hundeesse yeroo beekuu mucaan namaa uumama keessa hojii ajaa’ibsiisaa jiru ajaa’ibsifata. Beekumsa keenya guddisuun dhukkuba akka ittifnu maal na dhibdiin hubannaa dogogoraa akka hin qabaanne nu gargaara. Ta’us sayintistootni amantii isaanii Waaqa isa nu hojjete amanuu caalaa yaada namaa irratti gochuun bal’aa qaba. Isaan kan biroon amantii addaa kan qaban namootni kan adda addaa miti namatti amanuu kan filatanii fi amantii isaaniis eeguudhaaf odeefannoo warra barbaadanii dha.

Qoratoonni yaada amansiisaa gahaa qaban sayintistoonni Waaqayyootti amanuun kan morman yoo ta’an addunyaa kan hubachuudhaan kan qabnu daangaa hubachuu keenyaa fudhatu. Waaqayyos ta’ee kitaabni qulqulluun Saayinsiin mirkanneefamuu yookaan mirkaneefamuu dhiisuu akka hin dandeenye fudhatu. Saayinsi jechuun seera adda ta’een dhugaa qofa barbaaduu malee ajandaa darbe kan biraa miti.

Saayinsiin baayinaan Waaqayyoof jiraachuu akkasumas hojii isaa deggera.Faru.19:1 “saayinsiin ammayyaa waa’ee addunyaa waan irra gahe baay’een waan jiruuf waa’ee lubbuu qabeeyyii odeefannoo baay’ee argachuu dandeenya. Fakkeenyaaf wal xaxaaf ajaa’ibsiisaa kan ta’e waa’ee sanyii baay’isuu qorannoon kan fagaatee fi kan wal xaxee qaama lubbuu hin qabnee fi qorannoo humnaa adeemsa keemistiiriin guutuu ta’e lafa kana irratti kitaaba qulqulluu hundumaa dhugummaa kan irkaneessani dha. Kiristaanni dhugaa saayinsii barbaadu irraa fudhachuun garuu immoo beekumsa namaa Waaqayyoon olitti gochuuf (Muudama saayinsii” mormuutu irra jira.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyotti amanuu fi saayinsiin walitti bu’aa?
© Copyright Got Questions Ministries