settings icon
share icon
Gaaffii

Anaaf amantaan sirriin maalii?

Deebii


Manneen nyaataa heedduun waanta feene akkuma nuyi barbaannetti akka nuuqupheessan yaaduun akka nuyi ajajannu nu hawwachuuf yaalu. Sooqonnii bunaa irraa bitannu tokko tokko gosa bunaa adda addaa dhibbentaatti lakkaa’aman dhiyeessuu isaaniitti of jaju. Yeroodhuma konkolaataa fi mana binnu illee, kan keessaa fedhii keenya guutu kan itti gammadnu argachuuf barbaadna. Biyya lafaa , akka chikkolaatii, mimmi’ooftuu kana keessa bara hanga bara baraa hin jirannu. Filannoon mootiidha! Waanta barbaadde gosa kamiinuu ni argatta akkuma fedhii mataa keetiif barbaacha keetiitti.

Maarre waa’ee amantaa siif sirrii ta’e woo? Waa’ee amantaa dogoggoraa hinqabnee woo, kan ba’aa umaa nama irra hin keenye, kan is asana godi isa sana hin godhin jenaan waanta rakkisoodhaan hin guutamin? Inni isa sanaan ala akkuma ani ibsetti. Garuu amantaan akkuma iysi kireemii minyaa’aa filachuu kan filatamuudhaa?

Sagaleewwan heedduutu jira sammuu keenya irratti kan waldorgoman, maalif namoonni Yesusiin, Muhammad yookiin konfushiyas, Budahaa, yookiin Charles Taze Russell, yookiin Yoseef Smiith gara irratti fudhatuu? Hundumaan booda, daandiin hunduu gara waaqaatti nama geessuu, akkuma daandiin hundinuu gara Indiyaanaatti nama hin geessine.

Yesus duwwaatu aboo Waaqayyootiin dubbata sababni isaas Yesus duwwaatu du’a moo’e. Mohaammad, Konfiushas, kanneen biroos awwaala isaanii keessatti tortoranii jiru amma guyyaa kanaatti. Garuu Yesus, humna mataa isaatiin, guyyaa sadii booda boola keessaa ba’eera arga fannoo hammaa isa kan warra Roomaa irratti fannifemee du’ee booda. Eenyu iyyuu du’a irratti aboo qabuun yaada keenya too’achuu hin danda’u. Eenyu iyyuu du’a irratti aboo qabuun akka dhaggeeffatamuuf kan ga’aa ta’e hin jiru.

Ragaan akka Yesus du’aa ka’e mirkaneessu jabaadha. Jalqaba,namoota dhibba shani gararraa kan ta’aniisha du’aa ka’uu isaa kan ijaan argan! Sagalee dhibbi shan gonkuma akka salphaatti hin ilaalamu. Sabalataanis dhimma awwalli duwwaa ta’uu isaati. Diinonni Yesus silaa dhagna du’aa qopheessanii aluma sana dubbii du’aa kaafamuu hundumaa dhaabsisu ture garuu qopheessuudhaaf dhagni du’aan hin jiru! Boolli duwwaadha! Duuka buutonni dhagna isaa hataniiruu? Lakkii. Waanti akkasii akka hin uumamneedhaaf awwaalli Yesus loltoota Roomaatiin baay’ee eegamaa ture. duuka buutota isatti maxxananii jiran ilaalchisee sodaan kan baqatan gaafa inni ajjeefame kan baqatan, jarreen gurmuun sodaattuun tuffatamoon qurxummii qabaa turan kun gara loltoota Roomaa warra sodaachisoo kanatti deemuun waan hin yaadamnedha. Darbees jarri kun jireenya isaanii arsaa gochuun wareegamuun jaraa- heedduun isaanii kan taasisan- sobaan waliin dha’uudhaafii miti. Dhugaan salphaan isaa du’aa kaafamuun Yesus akka sanatt ibsamuu hin danda’u!

Ammas, eenyu iyyuu du’a irratti humna kan qabu dhaggeeffatamuu qaba. Yesus du’a irratti aboo isaa ragaasiseera; sababa kanaatiif, waan inni jedhu dhaggeefachuutu nurra jira. Yesus gara waaqatti karaa isa tokkicha ta’uu isaa dubbateera (Yohaannis 14:6). Inni karaa isa tokko miti. Inni karaa heedduu keesssaa isa tokko miti, Yesus karicha.

Yesus inni kun akkana jedhe, “Isin warri itti dhamaatanii dhadhabdan, ba’aanis kan isinitti hulfaatu hundinuu gara koo kottaa ani boqonnaa isiniifan kenna” (Maatewos 11:28). Kun biyya lafaa ulfaataadha jireenyis rakkisaadha. Baay’een keenya gaarii goonee itti qabamne, wal maknee, ittis miidhamnee jira. Walii galtaa? Kanaaf maal barbaadda? Haaromina moo nama amantaa qabu ta’uu? Fayyisaa isa jiraataa moo “raagota” warra du’an? Walitti dhufeenya hiika qabu moo sirna amantaa isaa duwwaa ta’e? Yesus filannoowwan keessa isa tokko miti inni filannoodha.

Yesus “amantaa” sirrii dha yoo ati araaraa barbaadaa jirta ta’e (Hojii Ergamootaa 10:43). Yesus “amantaa” sirriidha yoo walitti dhufeenya sirrii Waaqayyoo wajjini barbaadaa jjirta ta’e (Yohaannis 10:10). Yesus “amantaa” sirriidha yoo ati waaqa irratti mana bara baraa barbaadhaa jirta ta’e (Yohaannis3:16). Yesus Kiristoos akka fayyisaa keetiitti amantii kee isa irra taasifadhu; isatti hin gaabbitu! Dhiifamuu cubbuu keetiitiif isatti amani; hin gaddituu.

Waaqayyoodhaa wajjin “walittidhufeenya sirrii” ta’e qabaachuu barbaadde, kadhannaan salphaan kunooti.Yaadadhu jechoota kana kadhachuun yookiin kadhannaa gosti kamii iyyuu si hin fayyisu garuu Yesus kiristoositt yoo amantee duwwaa inni ubbuu irraa si fayyisa. Kadhannaan kun salphaadhumatti karaa ati amantii kee isa irratti qabdu Waaqayyotti agarsiiftu dha akkasuma fayyina siif qopheessuu isaatiif isa galateeffattudha. “Waaqayyo, ani sirratti akkan cubbuu hojjedhe fi adabbiin akka naaf ta’u nan beeka. Garuu Yesus Kiristoos adabbii anaaf ta’u fudhateera kanaaf araara argachuu nan danda’a. kennaa araara keetii nan fudhadha fayyuudhaafis sittan amana. Yesus Kiristoosiin akka fayyisaa dhuunfaa kootiitti nan fudhadha! Ayyaana kee fi araara kee dinqisiisaadhaaf sin galateeffadha – kennaa jireenya barabaraatiif! Ameen!”

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.
English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Anaaf amantaan sirriin maalii?
© Copyright Got Questions Ministries