settings icon
share icon
Gaaffii

Mormonizemiin amantaa sirrii hin taanee dhaa? Warri Mormoon kan isaan amanan maaliidha?

Deebii


Amantaa warra Mormooniif duuka buutoonni Mormonizemi kanaan dura qulqulloota bara dhumaa Latter Day Saints (LDS) jedhamee kan beekamu yeroo ta’u yeroo waggaa lama hin guutnee fuul dura Yooseef Ismis nama jedhamuun hundeefame. Dhuunfaatti Waaqayyo irraa fi gooftaa Yesuus Kristoos dowwanna dhuunfaa akka argate waldaallee kiristaanaatii fii seerratta amantaa isaanii hundumaa kufaatti keessa akka jiran natti hime jedha. Kanaaf Yoosees Ismiiz amantaa haaraa lafa irratti waldaa dhugaa qofaa ishee (only true church on earth”. Jedhamanii kan waamaman jalqabuudhaaf ka’e. Rakkoon Mormonizemii bifa kitaaba qulqulluun walitti bu’uun babal’isuu fi foyyeessuu dha. Kristaanoonni kitaabni qulqulluun dhugaa miti fi gahaa miti jedhee amanuudhaan sababa homaa hin qaban. Dhugaadhaan Waaqayyootti amanuu fi itti hirkachuu jechuun sagalee isaatti amanuuf guutummaa sagalee Waaqayyoo haafuurri Waaqayyoo kan keessa jiru kana jechuun isa irraa kan dhufee akka ta’e amanuu dha. (2Xim. 3:16).

Warri Mormoon hafuurri Waaqayyoo kan argamu tokko qofa akka ta’e caalaa afuriidha jedhanii amanu. 1) Kitaabni qulqulluun “Sirritti kan hiikame akka ta’e” sirritti akka hin hiikamne kutaa lakkaa’ame yeroo hundumaa ifa hin godhamne 2)Ismiziin kan hiikame fi bara 1830 kan maxanfamee kitaaba warra Mormoon, Ismiz lafa irratti hundumaa irra kan caalu kitaaba sirrii “most correct book” jedhee kan waamu yeroo ta’u kitaaba kamiin caalaatti nama tokko qajeelfamoota duukaa bu’uudhaan gara Waaqayyotti dhi’aata jedheera 3)Waa’ee waldaa ishee haroofte waldaa kristaanaa Kristoos barsiisaa fi kakuuwwan mul’ata ammayyaa kan qabate walitti qabama 4) Warra Mormooniin baay’ee mi’aa kan ta’an gatii guddaa kan qaban kitaaba qulqulluu irraa amantaa badee fi barsisawwan ibsuudhaa fi waa’ee uumama lafa irra jiranii odeefannoo ofi isaa itti dabala. Warri Mormoon waa’ee Waaqayyoo kan isaan amanan kanatti fufee kan jiruu dha. Yeroo hundaa biyya lafaa irratti guddaa kan ta’e isa miti garuu, bakka kana kan qabatu qulqullina wal irraa hin cinee fi qajeelinaan kan jiraatuu dha. Waaqayyo “Qaama foonii lafee kan qabuu akka namaatti qabatamaa dha jedhanii amanu” ta’us, garuu geggeesitoota Mormoon warra qarooman keessaa adda baasuudhaan dargageessi Brigihaam Addaam ofii isaa Waaqayyoon ture abbaa Yesus Kristos jedhee barsiise. Kana irraa adda kan ta’e kristaanootni waa’ee Waaqayyoo akkasitti amanu: Waaqa tokkicha dhugaa ta’e Waaqayyoo jira (Kes. 6:4, Isa. 43:10, 44:6-8), inni yeroo hundumaa ture yeroo hundumaas ni jiraata. (Kes. 33:27, Faru. 90:2, 1Xim. 1:17), hin uumamne garuu uumaa dha. (Uma. 1, Faru. 24:1, Isa. 37:16). Inni guutuu fi isaa wajjin kan wal gitu hin jiru. (Faru. 86:8, Isa. 40:25). Waaqayyo nama miti, ta’us hin beeku (Lak. 23:19, 1Sam. 15:29, Hose. 11:9). Hafuura dha (Yoha. 4:24), fi hafuura, foonii fi lafee hin qabu. (Luqa. 24:39).

Warri Mormoon du’a booda mootummaa sadarkaa adda addaa qabu du’a booda jira jedhanii amanu, mootummaa waaqaa fi mootummaa alaa fi kan alaa dukkanaa raawwatni mucaa namaa akka amantaa isaanii fi jireenya addunyaa kanaa akka hojjetaniitti. Kitaabni qulqulluun kana irraa adda ta’e kan inni nutti himu du’a booda gara waaqatti yookaanis gara si’oolitti gooftaa keenya Yesus Kristoos irratti amantaa qabnu irratti hundoofnee deemna. Akka amantoota foon keenyatti adda ba’uuf Waaqayyo wajjini dha (2Qor. 5:6-8). warri hin amanne gara si’oolitti gad bu’uu yookaanis warri du’an bakka isaan jiraatan (Luq. 16:22-23). Yesus lamatta yeroo dhufu qaama haaraa uffanna (1Qor. 15:50-54). Warra amananiif waaqa haaraa fi lafa haaraa ta’a (Mul. 21:1), fi warra hin amanne abidda bara baraan hin badnetti gatamu (Mul. 20:11-15). Du’a booda fayyuuf carraan hin jiru. (Ibr. 9:27).

Geggeesitootni Mormoon foon Yesus Kristoos uffachuun bu’aa wal qunamtii qaamaa Waaqayyoo fi Maariyaam jedhanii barsiisu. Warri Mormoon Yesus (god) waaqa tolfamaa akka ta’e amanu garuu namni kami iyyuu dabalataan waaqa tolfamaa (god) ta’uu ni danda’a jedhanii barsiisu. Warri Mormoon fayyinni fi amantiin hojii gaarii bakka tokkootti raawwachuun argama jedhanii amanu. Kana irraa adda kan ta’e kristaanoonni seenaadhaan namni kam iyyuu bakka Waaqayyoo jiraachuu hin danda’u jedhanii amanu inni qulqulluu dha. (1Sam. 2:2). Nu Waaqayyoon duratti qulqulluu ta’uu kan dandeenyu amantii isa irratti qabnu qofaan. (1Qor. 1:2). Yesus tokkicha mucaa Waaqayyooti. (Yoh. 3:16), cubbuu malee kan jiraate mudaan kan irra hin jirre isa qofa dha, amma samii irratti bakka baay’ee guddaa qaba. (Ibr. 7:26). Yesuusi fi Waaqayyo amalan tokkoo dha. Yesus dhalachuu isaan fuuldura kan jiraata turee dha. (Yoh. 1:1-8; 8:56). Yesus ofii isaa aarsaa godhee nuuf kenneera, Waaqayyoos du’aa isa kaase, guyyaa tokko hundumtuu Yesus gooftaa akka ta’e dhugaa ba’a. (Fil. 2:6-11). Yesus hojii ofi keenyaan gara samii akka galu hin dandeenye nutti himeera isatti amanuu qofaani kan danda’amu. (Matt. 19:26) hundii keenya sababa cubbuu keenyaatiin du’ii bara baraa nuuf ta’a, jaalala Waaqayyoo daangaa hin qabneen akka jalaa baanuu nuuf godhe. “Miindaan cubbuu du’a dha, kennaan ayyaana Waaqayyoo garuu gooftaa keenya Yesus Kristoosiin jireenya bara baraati.” (Rom. 6:23).

Ifatti fayyina argachuudhaaf karaan qofaan jiru isas mucaa Waaqayyoos Yesus Kristoosiin beekuu dha (Yoh. 17:3). Hojiidhaan miti amantiidhaan malee (Rom. 1:17, 3:28). Eenyuun yoo taane maal yoo hojjennes kennaa kana fudhachuu dandeenya. (Rom. 3:22). “Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraan ittiin fayyuun kan nuuf ta’u, waaqa jala ilmaan namootaaf hin kennamne jedhe.” (HoE. 4:12). Ta’us warri Mormoon barmaataan hir’ihummaa kan beekan namoota jaallatamoo fi kennoo waa’ee eenyummaa Waaqayyoof waa’ee Yesus Kristoos fi fayyinni karaa inni ittiin argamu kan wal make amantaa sobaan gowwomfameera.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Mormonizemiin amantaa sirrii hin taanee dhaa? Warri Mormoon kan isaan amanan maaliidha?
© Copyright Got Questions Ministries