settings icon
share icon
Gaaffii

Kitaabni qulqulluun waa’ee adaba du’aa maal jedha?

Deebii


Kakuu moofaatti adabni gochawwan adda addaa qabata, dhiba’aadhaaf du’a (Bau. 21፡12), ukkaamsaa (Bau. 21:16), bineensaa wajjin kan xuraa’u (Bau. 22:19), Ejjuu (Lew. 20:10), wal qunamtii saala wal fakkaataa) Lak. 20:13), raajii sobduu (Kes. 13:5), dubartii eejjituu fi dirqisisani gudeeduu (Kes. 22:4), fi badiisowwan biro. Ta’us garuu Waaqayyo yeroo baay’ee adaba du’aa yeroo faradu araara godha. Daawit nama ajjeessee ejja raawwateera Waaqayyo garuu jireenyi isaa akka fudhatamu hin goone ture. (2Sam. 11:1-5, 14-17, 2Sam. 12:13). Walumaa galatti gatiin cubbuu du’a waan ta’eef cubbuu gooneef hundi keenya adaba du’aa keessaa jiraachuutu nurra ture (Rom. 6:23). Galanni isaaf haa ta’u Waaqayyo nuun akka hin yakkineef jaalala isaa nuuf ibseera (Rom. 5:8).

Kan biraan warri Faarisoota dubartii utuu ejjitu qabamte gara Yesus fidanii dhagaadhaan akka rukkutamtu gaaffatan Yesusis yeroo deebisu “Isin keessaa cubbuu kan hin qabne dursee dhagaadhaan haa rukkutu jedheen. Yoha. 8:7). Kun immoo Yesus yeroo hundaa adaba du’aa morma jedhame fudhatamuun irra hin jiraatu. Yesus of tuullummaa Farisootaa mul’isa ture, warri Farisootaa Yesus seera kakuu moofaa yoo cabsee jedhanii qoraa turan, isaan sirritti dubartiittiin akka rukkutamtuu barbaadanii hin ture (Ejjaan kan qabame dhiirri eessa ture?) adaba du’aa kan abboommee Waaqayyo ofii isaati. “Dhiiga namaa kan dhangalaasuu hunduu dhiigi isaa ni dhangala’a nama bifa Waaqayyootti uumera hoo.” (Uma. 9:6). Yesusis firdii adaba du’aa deggeruu akka danda’u fakkeenya tokko tokkoo ni ilaala. Yesusis firdiin du’aa kan itti labsamee ayyaana isaa mul’iseera (Yoha. 8:1-11). Phaawulos firdiin du’aa yeroo barbaachisuutti labsuudhaaf jiraachuun mootummaa barbaachiisaa ta’uu isaa humna mootummaaf beekamtii kenneera (Rom. 13:1-7).

Adaba du’aa kristaanonni akkamitti ilaaluun irra jira? Jalqaba yaadachuun kan nurra jiru adabni firdii du’aa sagalee isaa irratti kan kaa’ee Waaqayyodha egaa nuyis waan hundumaaf safartuu wayyuu kaa’uu sirri miti. Waaqayyo waan hundumaaf safartuu wayyuu qaba, inni guutuu dha. Safartuun kun nu qofaaf osoo hin taane isaafis. Egaa inni yeroo jaallatuu daangaa maleeti fi kan hin safaramne daangaa kan hin qabne araaraa qaba. Akkasumas dheekamsa daangaa hin qabne akka qabu ni argina kanaaf hunduu kan deemu madaallii sirriin.

Lammaffaan Waaqayyoo moototaaf firdii du’aa yeroo ta’uutti akka murteessaniif taayitaa kenneeraaf. (Uma. 9:6, Rom. 13:7). Dhimoota hundumaa irratti Waaqayyo murtoo adaba du’aa akka hin godhamne morma jechuun kan kitaaba qulqulluu miti. Kristaanoonni haala kamiin keessatti firdiin adaba du’aa yeroo darbuu gammadoo ta’uun isin irra hin jiru, garuu haala wal fakkaataan kristaanonnii baay’ee yakka guddaa kana gochuudhaaf mootummaaf mirga kennameef mormuun irra hin jiru.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kitaabni qulqulluun waa’ee adaba du’aa maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries