settings icon
share icon
Gaaffii

Abboommonni kurnan isaan kamiidha?

Deebii


Abboommoota kurnan warri Israa’eel Gibxii erga ba’aanii booddee Waaqayyo saba Israa’eeliif abboommii inni kenneedha. Abboommonni kurnan kakuu moofaatti kan jiran seeroota 613 kan wali galaati. Kan jalqabaa abboommoonni afran Waaqayyo wajjin waa’ee walitti dhufeenya nu qabnuu kan dubbatanii dha. Kan xumuraa abboommonni 6 wali wali keenyaaf walitti dhufeenya nu qabnuu dha. Abboommonni kurnan Bau. 20:1-17 fi Kes. 5:6-12 akka itti aanuutti eerame arganna.

“Anaan ala kan biraan Waaqa siif hin ta’in.” abboommii kun Waaqa dhugaa tokkicha irraa kan biroo waaqa tolfamoo hundumaa waaqeessuu kan mormuu dha. Waaqni tolfamoon hunduu waaqa sobaati.

“Ol Waaqa irra kan jiru gadi lafa irras kan jiru, lafa jalas wanta bishaan keessa jiru fakkeenya kam iyyuu, fakkii kaafamee ofiif hin godhatin. Isaaniif hin sagadiin isaaniis hin waaqeessiin warra na jibban hanga dhaloota sadaffaa fi afraffaatti cubbuu abbootaa ijoollee irratti kan fidu warra na jaallataniif abboommii koo warra eegan hanga dhaloota kumaatti haraaraa kanan godhu ani Waaqayyo Waaqni kee Waaqa inaafaa dha. Abboommiin kun kan mormuu bifa mul’atuun Waaqayyoon bakka buusuun fakkii waaqa tolfamaa bocuu dha, Waaqayyoof fakkii gosa kami iyyuu kana fakkaata jennee bocuu hin dandeenyu. Fakkiin Waaqayyoon bakka bu’uu bocuun waaqa tolfamaa waaqeessuu dha.

“Maqaa Waaqayyoo Waaqa kee akkasumaan hin waamiin Waaqayyo maqaa isaa akkasumaan kan waamu irra daddarbaa irraa isa hin qulleessu.” Abboommiin kun kan inni mormuu sagalee Waaqayyoo akkasumaan waamuu dha. Maqaan Waaqayyoo salphaatti akkasumaan akka waamamuu gochuun nurra hin jiraatu. Waaqayyoof jaalala fi ulfina nu qabnuu kan nu argifiifnu isa ulfinaa fi ulfeessuudhaan yeroo waamnu qofa dha.

“Abbaa kee fi haadha kee kabaji Waaqayyoo Waaqni kee lafa akka siif kennuuf umuriin kee akka dheeratuuf.” Abboommiin kun maatiif yeroo hundumaa kabaja ta’uuf kennuudhaan ulfeessuu argisiisa.

“Hin ajjeessin.” Seerri kun kan inni argisiisu nama tokko dursee yaadee ajjeessuu dha.

“Hin ejjiin” seerri kun kan inni mormu namni tokkoo haadha manaa isaan ala wal qunamtii saalaa inni godhuu dha.

“Hin hatin” seerri kun kan inni mormu kan ofii kan hin taanee eyyama abbaa isaa malee fudhachuu dha.

“Hiriyaa kee irratti sobaan dhugaa hin ba’in.” seerri kun sobaan nama biraa irratti dhugaa ba’uu dhorka. Sirritti seera soba mormuu dha.”

“Mana hiriyaa kee hin hawwin haadha manaa hiriyaa kee hin hawwin ergamtuu isaa harree isaa saawa isaas horii hiriyaa kee hundumaas hin hawwin.” Seerri kun kan inni mormu waan kan nama kan biraa ta’e barbaaduu dha. Hawwuun abboommoota armaan olitti eeraman tokko cabsuudhaan fudhachuu danda’a, ajjeessuu ejjuu hatuu. Waan tokko gochuun sirri erga hin taanee waan sana hawwuunis sirri miti.

Namoonni baay’een bifa dogogoraan abboommota kurnan duuka yoo bu’an du’a booda gara waaqaa galuudhaaf wabii kan kennuu walitti qabama abboommii godhanii ilaalu. Sadhatawwaan abboommota kurnan kaayyoon isaa seera isaa guutuu guutuutti raawwatanii eeguu akka hin dandeene akka hubatan kan dirqamsiisuu fi araarri Waaqayyoo akka isaan barbaachiisu kan argisiisuu dha (Rom. 7:7-11). Mat. 19:16 geggeessaan cimaan tokkoo akka gaaffateetti namni kamuu abboomoota kurnan raawwatee eeguu hin danda’u. (Lal. 7:20) abboommiin kurnan kan inni nutti argisiisu hundi keenya cubbuu hojjenneera, mucaa isaa Yesus Kristoositti amanuun qofaan kan argannuu haraarri Waaqayyoo nu barbaachisa.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Abboommonni kurnan isaan kamiidha?
© Copyright Got Questions Ministries