settings icon
share icon
Gaaffii

Kitaabni qulqulluun waa’ee abbaa kirstaana ta’ee maal jedha?

Deebii


Kitaaba qulqulluu keessatti jechi guddaan kana dha “Ati Waaqayyoon gooftaa kee garaa kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu.” Kes. 6:5 gara lakkoofsa 2tti deebbine yeroo dubbifnu “Kunis isin guutummaa bara jireenya kessaanitti seerrata isaa fi abboommii isa warra ani isin ijoollee keessaniin ijoollee ijoollee keessaniis abboomu, eeguudhaa Waaqayyoon gooftaa keessan akka sodaattaniif, barri keessan akka isinni dheeratuuf kan kennamanii dha.” 6:5 itti fufee “Dubbiin ani har’a si abboomu kunnis garaa kee keessa haa taa’u.ijoollee kees barsiisi, mana kee keessas yeroo teessuu, karaa irras yeroo deemtuu, yeroo ciiftuus, yeroo kaatuus, waa’ee isaa dubbadhu.”Lak. 6-7

Seenaa Israa’eelitti akka hubannuutti abboonni ijoollee isaanii jireenya guddina hafuuraa fayyummaa isaanii fi akka sagalee Waaqayyootti sirriitti geggeessuuf damaqoo ta’uun irra jiraata. Abbaan sagalee Waaqayyootiif abboomamu kan inni godhu isa kanaa dha. Yaadni kun gara kutaa kanaatti waan fudhatuuf Fak. 22:6 “Akka itti jiraachuun ta’u mucaa barsiisi, innis yeroo dulloomu iyyuu irraa hin kaatu.” “Geggeessuu” jechi jedhuu abbaa fi haati tokkoo ijoollee isaaniittif gochuun kan isaan irra jiraatu wanti jalqabaa nu argiisiisa sunis mucichaaf barumsa yeroo ijooollummaa isaati. Geggeessuun ijoolleen akka itti jiraataniif amala karoorfamee ifaa gochuudhaan kan karoorfamee dha. Mucaa mucummaa isaatti karaa sirrii irra geggeessuun baay’ee barbaachiisaa dha.

Efe. 6:4 bifa sirrii fi alta’aa ta’een labsiin gabaabaan ka’aameera. “Isin immoo abboota nana, adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa.” Kutaan kun bifa alta’aan kan inni argisiisu abbaan taayitaa bifa hin barbaachiifneen fayyadamee ijoollee isaa humnaan bifa haqi itti hir’ateen loogiidhaan bifa alta’aan akka kakka’ani fi akka hadheefatan gochuun irra hin jiraatu. Waan gadhee fi hin mojoofne bifa amansiisaa hin taaneen ijoollee wajjin walitti dhufeenya godhamun wanti hamaan laphee isaanii keessatti akka guddatu qofadha kan godhamu. “provoke” “Hin dheekamsiisinaa” jechi jedhu “akka hadheefatan baay’ee baay’ee aarsuun karaa dogogoraatiin tuttuquu yookaan kakkaasuu” dha. Kun hafuuraa fi karaa dogogoraan waan amansiisaa hin taanee cimaa fi waan cimaa hin mijoofne abboommii cimaa qajeelfama barbaachiisaa of-jaallachuudhaan akka kaka’aan taayitaa anummaatiin kan godhamuu dha. Kan akka kanaa hameenyaaf kakaasuun deebii mormii kan uumuu jaalalla mucummaa kan ajjeessu jireenya qulqullaa’eef fedhii isaan qaban akka hir’atuu fi maatii isaanii gammachiisuu nan danda’a jedhanii akka itti hin dhaga’amne kan godhuu dha. Maatiin ogeessoota ta’an abboomamuu barbaachisummaa isaa fi ta’uu kan danda’auu jaalalaafi amala gaariin kan godhamu akka ta’u barbaadu.

Kan Efe. 6:4 bifa sirriidhaan kallatti tokkoo argisiisa gorsa Waaqayyoo kan ta’ee fi hifannaan barsiisanii guddisuu. Barsiisuun kunis adabuudhaan adeemsa jireenya guddinaati. “Hifaata” jechi jedhu ijoolleen dogogora isaan hojjetan isaan bifa adda ta’een itti gaaffatamummaa sireessuu yaada kan qabatee dha.

Abbaan kiristaannii akka meeshaa harka Waaqayyoo irra jiruuti. Kan godhamuu hifannaa kamiinu yoo ta’e gorsa Waaqayyo akka abboomeeti akka kennuuf meeshaa ta’uutu irra jira kun yoo ta’uu sammuu ijooleessaa keessatti duraan dursee kallattidhaan kan dhufu aangoo Waaqayyoo ta’a. abbaan foonii kan dhugaafi gochuun kan isaan irra jiraatu murteessuuf abbaa taayitaa isa dhumaa godhee of dhi’eesuun irra hin jiraatu. Waaqayyoon qofa barsiisaa fi taayitaa hundumaa jalatti hojii godhamu hundumaa geggeessaa olaanaa akka ta’ee beeksiisuun adeemsa barsiisa milkaa’aa kan milkoofsisuu dha.

Maartiin Luteer akkas jedheera:- “ija Appillii muchichii waan gaarii yeroo godhuu kennuufi akka danda’uutti karaa irra kaa’ii” jedheera. Adabni tarkaanfii seeraa yeroo godhamuu eegumsa ija keenyaa irraa osoo hin fageessin yeroo hundumaa shaakaluun kadhata baay’eedhaan ta’uutu irra jiraata. Adabni qaamaa adaba tarkaanfii seeraa fi akka sagalee Waaqayyootiin gorsuu hifaataa fi jajjabeessuu lammanuu kennuun kan hifaataa gidduu galeessaa dha. Shaakala kristaanaatiin mana barumsaa keessatti hifaatni Waaqayyo biraa dhufu maatiidhaan kan godhamu jalqaba irrattii abbaadhaan akkasumas geggeessaa isaan haadhaan kan raawwatamuu dha. Adabni kirtaanaa mucaan tokkoo Waaqayyoon sodaachuudhaan akka guddatu aangoo maatii akka kabaju sadarkaa maalummaa kristaanaa akka beekuu amala of bituu akka qabaatu dandeesisuuf baay’ee barbaachiisaa dha.

“Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame, barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa.Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda’e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa’e akka ta’u in godha.”(2Xim. 3:16-17).Abbaan tokkoo mucaa isaaf itti gaaffatamummaan dursu sagalee Waaqayyo ibsuufii dha.Dhugaa sagalichaa barsisuudhaaf karaan inni itti fayyadamu karaa adda addaa ta’uu danda’a. Abbaan amanamummaa isaan fakkeenya gaarii hanga ta’eetti ijoolleen waa’ee Waaqayyoo kan baratan bara jireenya isaanii lafa irraatti maal yoo hojjetanis eessa yoo dhaqanis ejjennoo gaarii sirrii akka qabaatan isaan taasisa.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kitaabni qulqulluun waa’ee abbaa kirstaana ta’ee maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries