settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus araarsuuf bakka bu’ee du’uun isaa maaliidha?

Deebii


Waaqayyo aarsaa horii wantinni barbaadeef yeroodhaaf dhiifama cubbuu gochuufi fi aarsaa Yesus Kiristoos isa mudaa hin qabnee fi guutuu taʼe dursee agarsiisuufidha ( Leewwota 4:35፣ 5:10). Aarsaan beeneensotaa mata duree ijoo guutummaa Caaffata kitaaba qulqulluu keessatti argamu dha sababiin isaa “dhiigni dhangala’uu malee dhiifamni hin jiru” (Ibroota 9:22). Addaamiifi Hewwaan yommuu cubbuu hojjetan, bineensonni uffata isaaniif qopheessuuf Waaqayyoon ajjeefamaniiru (Seera Uumamaa 3:21). Qaayinii fi Abeel aarsaa Gooftaaf dhiheessan. Kan Qaayin firii lafarraa argate irraa waan dhiheesseef fudhatama kan hinarganne yoo ta’u, kan Abeel garuu “hoolaa isaa keessaa angafa” waan dhiheesseef fudhatama qaba ture (Seera Uumamaa 4:4-5). Bishaan badiisaa erga duubatti deebi’ee booda Nohi horii Waaqayyoof aarsaa godhe (Seera Uumamaa 8:20-21).

Waaqayyo sabni Israa’el akkaataa ulaagaa Waaqayyo kaa’een aarsaa hedduu akka raawwatan ajajeera. 1ffaa, horiin aaraadhaaf dhihaate mudaa kan hin qabne taʼuu qaba. 2ffaa, namni aarsaa sana dhiheessu horichaa wajjin adda bahuu qaba. 3ffaa, namni horicha aarsaa godhee dhiheessu duʼa horicharratti raawwachuu qaba ture. Aarsaan kun amantaadhaan yommuu raawwatamu dhiifama cubbuu kan argamsiisu ture. Aarsaan inni biraa , aarsaa guyyaa araarri itti buufamuuf waamame irratti aarsaa godhamedha. Kunis dhiifama gochuu fi dhiifamuu cubbuu agarsiisa. Akkuma Leewwota boqonnaa 16 irratti ibsametti, angafni lubootaa aarsaa sababii cubbuutiif korbeessa reʼoota lama dhiheesse. Re'ee keessaa tokko aarsaa sababii cubbuu saba Israa'eliif kan dhihaaate yommuu ta’u, (Lewwoota 16:15), re'een inni kaan immoo gara lafa onaatti gad lakkifame (Lewwoota 16:20-22). Arsaan inni duraa aarsaa dhiifamuu cubbuf siʼa taʼu, korbeessi inni kaan immoo araara buusuuf kan dhihaate ture.

Maarree, harʼa aarsaa horii dhiheessuun kan hafeef maaliifi? Sababni issas Yesus Kiristoos aarsaa isa dhumaa mudaa hin qabne waan ta’eefi. Yohaannis cuuphaan kana hubatee Yesus cuuphamuuf yammuu gara isaa dhufu argee, “Kunoo hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” (Yohaannis 1:29) jedhe. Bineensonni maal balleessani jettee tariiti of gaafachaa jirta ta’a. Dubbiin ijoonis kanuma. Bineensonni kun balleessaa tokko osoo hinqabaatatin cubbuu nama aarsaa godhu sanaaf jecha aarsaa nita’u. Yeesuus Kiristoosis cubbuu dhala namaatiif jecha du’aatti fedhii isaatiin dabarsee of kenne malee badii tokkollee qabaateeti miti (1Ximotewos 2:6). Yesuus Kiristoos cubbuu keenyaa jecha bakka keenya du’e. Akkuma 2 Qoronxos 5:21 jedhu, “Waaqayyo isa [Yesuus] cubbuu tokkollee hin qabne nuyi karaa isaa qajeelina waaqayyoo akka argannutti, nuuf jedhee cubbamaa isa godheera.” Kanaaf wanta Yesus Kiristoos fannoo irratti raawwatetti amanuudhaan dhiifama argachuu dandeenya.

Walumaagalatti, namni dhuunfaa tokko dhiifama cubbuu akka argatutti aarsaa horii akka taasisu Waaqayyoon ni ajaja ture. Horiin sunis nama cubbamaa sana bakka bu’uudhaan aarsaa ta’uun ajjeefama. Haata’u malee kunis yeroodhaaf qofa ture. Sbaba kanaafi jecha ture aarsaan irra deddeebi’amee dhihaachuu kan barbaachisuuf.

Aarsaan horii Yesuus Kiristoosiin dhaabbateera. Yesuus Kiristoos al tokkicha yeroo hundumaaf bakka bu’aa aarsaa isa dhumaa ture (Ibroota 7:27). Amma immoo Waaqayyoo fi dhala namaa gidduutti gidduu galeessa tokkicha ta’eera (1Ximotewos 2:5). Aarsaan horii Kiristoos bakka keenya bu’ee aarsaa ta’ee dhihaachuu dursee kan argisiisu ture. Bu’uurri aarsaan bineensotaa dhiifama cubbuu kennuu danda’u, Kiristoos isa cubbuu keenyaaf of aarsaa godhuu isaa fakkeenyaa dursee agarsiisudha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo kakuu moofaa keessatti aarsaa horii maaliif barbaade? Aarsaan horii maaliif raawwatama?
© Copyright Got Questions Ministries